Wudu’a

Offline dubbisuf

Akka lugaatti wudu’uni jecha wadaa’ah jedhu irraa kan fudhatameedha. Wadaa’ah jechuun qulqullinnaa fi bareedinna. Akka shari’aatti wudu’a jechuun kutaalee qaamaa afran qulqulleessuuf bishaan fayyadamuudha. Kutaaleen qaamaa kunniinis: fuula, harka lamaan, mataa fi miila lamaan.

Hukmiin wudu’aa nama salaataa fi wanta wudu’a barbaachisuu hojjachu fedhe irratti waajiba (dirqama). Wudu’uni dirqama ta’uu ragaalee agarsiisan keessaa:

“Yaa warra amantan! Yommuu gara salaataa kaatan, fuula keessan, harka keessan hanga ciqileetti dhiqaa. Mataa keessanis haxaawaa, miila keessanis hanga koronyootti (kiyyootti) [dhiqaa].” Suuratu Al-Maa’idah 5:6

Ergamaan Rabbiis (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhanii jiru: “Rabbiin salaata xahaaraa malee hin qeebalu…” Sahiih Muslim 224

Ammas ni jedhan: “Rabbiin nama hadasa raawwate (fincaa’e ykn sagaraa bahe ykn dhuufe) irraa salaata hin qeebalu hanga wudu’atutti malee.” Sahiih Muslim 223

Kana ilaalchisee Muslimoota irraa eenyullee wal hin dhabne. Kanaafu, wudu’uni karaa godhamuun Qur’aanan, Sunnah fi ijmaa’an mirkanaa’e jiraa jechuudha.

Faydaalee Wudu’aa keessaa garii:
1
-Wudu’uni walakkaa iimaanaa akka ta’etti ilaallama: akkuma hadiisa Abi Maalik Al-Asha’aariyy gabaase keessatti dhufe: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Qulqullinni walakkaa iimaanati…” Sahiih Muslim 223

2-Wudu’uni dilii (cubbuu) xixxiqoo ni haxaawa- Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Yommuu Muslimni yookiin Mu’minni wudu’atu, fuula isaa dhiqatu, cubbuun inni ilaale hundi fuula isaa irraa bishaan ykn copha bishaanii dhumaa waliin bahu.  Yommuu harka isaa lamaan dhiqatu, cubbuun harki isaa qabe hundi bishaan ykn copha bishaanii dhumaa waliin bahu. Yommuu miila isaa lamaan dhiqatu cubbuun miilti isaa itti deemte hundi bishaan waliin ykn copha bishaanii dhumaa waliin bahu, hanga badii irraa qulqulluu ta’utti.” Sahiih Muslim 244

Hadiisa Usmaan gabaase keessatti: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Namni wudu’a akka kiyyaa kanatti wudu’atee ergasii osoo nafsee isaatti homaa hin hasaasin raka’aa lamaa salaate, dilii (cubbuu) isaa irraa wanti darbe isaaf araaramama.Sahiih Muslim 226, Sahiih Al-Bukhaari 6433

3-Wudu’uni sadarka gabricha olkaasa- Abu Hureyraan akka gabaasetti Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Wanta Rabbiin dilii ittiin haxaawu fi sadarkaalee ittiin olkaasu isinitti agarsiisuu?” Isaanis (sahaabonnis) ni jedhan: “Eeyyen, Yaa Ergamaa Rabbii!” Nabiyyinis ni jedhan: “Haala ulfaataa keessatti wudu’a bareechisuu fi guutuu, gara masjiidaa tarkaanfi baay’isuu, salaata booda salaata biraa eegudha. Suni ribaaxa (qabannaa cimaadha).Sahiih Muslim 251

4-Wudu’unni karaa gara Jannataatti nama geessudha- Abu Hureeyraan (RA) akka gabaasetti Nabiyyiin (SAW) Bilaaliin akkana jedhan: Yaa Bilaal! Hojii hundarra gaarii Islaama keessatti hojjatte mee natti himi, ani Jannata keessatti sagalee kophee keeti fuuldura kiyyatti dhagayee jira waan ta’eef.” Innis ni jedhe, “Na biratti hojii hundarra gatii qaba jedhee yaadu hin hojjanne hojii kana yoo ta’e malee: sa’aati halkanii ykn guyyaa keessatti hin wudu’adhu wudu’a kanaan hanga naaf katabame kan salaatu yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari 1149

Uqbah ibn Aamir akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Namni wudu’atee wudu’a isaa bareechisee ergasii qalbii fi fuula isaatiin itti garagalee raka’a lama salaate, Jannani isaaf dirqama taate.” Sahiih Muslim 234

Akkaataa wudu’aa kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla. In sha Allah.

Print Friendly, PDF & Email
Akkaataa wudu’aa
Sunan Al-Fixrah fi Gosoota Bishaanii
Offline dubbisuf

Leave a Reply