Akkaataa wudu’aa

Humraan akkana jechuun gabaase: Usmaan ibn Affaan (radiyallahu anhu) bishaan wudu’aa akka isaaf fidan ajaje. Ergasii innis wudu’achuu jalqabe. Harka isaa si’a sadii sadii dhiqatee. Ergasii afaan isaa ni shafatee, funyaan isaa keessa bishaan seensisuun ni baase. Ergasii fuula isaa si’a sadii dhiqe. Ergasii hanga ciqilee gahuutti harka isaa mirgaa si’a sadii ni dhiqe. Akkuma kana harka isaa bitaas ni dhiqe. Ergasii mataa isaa ni haxaawe. Ergasii miila isaa mirgaa hanga kiyyoo gahuutti ni dhiqe. Ergasii akkuma kana miila isaa bitaas ni dhiqe. Ergasii akkana jedhe: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam wudu’a akka kiyyaa kana kan wudu’atu arge. Ergasii Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhe: “Namni wudu’a akka kiyyaa kana wudu’atee ergasii olka’ee osoo nafsee isaatti homaa hin hasaasin raka’aa lama salaate, badii isaa irraa wanti darbe isaaf araaramama.”  Sahiih Muslim 226

Hadiisa kanaa fi hadiisa biroo bal’innaan gara boodatti dhufu irraa akkaataa wudu’aa haala kanaan tarreessun ni danda’ama:

1-Hadasa kaasuf wudu’a gochuuf ni niyyata. Hadasa yommuu jedhu wanta wudu’a balleessu kan akka fincaani, sagaraa, dhuufuu fi kkf.

2-Maqaa Rabbii ni dhaya. (Bismillah) jedha.
3-Harka isaa si’a sadii dhiqa. (Hanga hidhanna sa’aatitti ganaa fi gubbaa harkaa ni dhiqa)

4-Bishaan ganaa harka isaa mirgaa keessatti qicuun yeroo tokko keessatti afaanii fi funyaan keessa galcha. Ergasii afaan isaa ni shafata (ni lulluqata), kan funyaan keessa seensisees harka bitaa isaatiin gadi baasa. (Afaan lulluqachuu fi funyaanin bishaan olharkisee gadi deebisuun si’a sadii yoo ta’e jaallatamaadha.)

5-Fuula isaa guutuu si’a sadii ni dhiqa.

Fuulli guutuun gurra tokkoo hanga gurra lammataa fi hanga areeda jalaa hammata. Kanaafu, akkuma filaan mataa filu, ganaatti bishaan fudhachuun areeda isaa qubbiinin addaan babaasa. Haala armaan gadi keessaa tokkoon gochuu danda’a:

6-Harka isaa mirgaa hanga ciqilee oliitti si’a sadii ni dhiqa. Haaluma kanaan harka bitaas ni dhiqa.

7-Mataa isaa fuundura irraa jalqabuun gara duubatti ni haxaawa, ergasii gara fuunduraatti deebisa. Kana si’a tokko qofa godha.

Mataa haxaawu fuundura irraa jalqabuu

Harka lamaanin gara duubatti haxaawu itti fufuu

Ergasii gara fuunduraatti deebisuu

8-Ergasii bishaan mataa haxaawu irraa wanta harka isaa keessatti hafeen gurra lamaan keessaa fi ala ni haxaawa.

9-Luka mirgaa ergasii luka bitaa kiyyoo dabalatee ni dhiqa. Qubbiin miilaa bishaan keessa seensisuun ni dhiqa.

Asi olitti tuqaalee ijoo sadii yaadachisuu barbaanna:
1ffaa-yommuu wudu’atan tartiibaan wudu’achuu. Kana jechuun harka irraa jalqabee hanga miila (luka) gahuutti tartiiba armaan oliitin wudu’achuudha. Fakkeenyaf, namni harka erga dhiqatee booda osoo fuula hin dhiqin miila yoo dhiqate tartiiba hin eegne. Namni harka dhiqate ergasii afaan fi funyaan lolla’ate ergasii fuula dhiqate ergasii harka lamaan hanga ciqileetti dhiqate ergasii mataa haxaawatee gurraa haxaawe dhumarratti luka dhiqate tartiiba eegee jira.
2ffaa-Yommuu wudu’atu osoo yeroo dheeraaf addaan hin kutin wal duraa duubaan qaamolee wudu’aa dhiquu qaba. Fakkeenyaaf, akkuma harka dhiqateen afaan fi funyaan lolla’atee fuula dhiqachuu qaba. Osoo kan jalqabaa hin gogin kan lammataa itti aanse dhiquu qaba.
3ffaa-Bishaan gogaa akka hin dhaqqabne wanta dhoowwu kaasu. Kan akka lixii, qalamii fi kkf.

Maddoota:
Sahiih Fiqhu Sunnah-1/111, Abu Maalik,
Keyfatil Wudu’a

Print Friendly, PDF & Email
Wudu'a

Leave a Reply