Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 12

Dandeetti fi Beekumsa Rabbii Keenyaa
Dhugumatti Rabbii guddaan alatti halkanii fi guyyaa kan fidu ni jiraa? Yeroo halkanii ykn guyyaa irraa sa’aati takka kan hir’isuu ykn dabalu ni jiraa? Aduu fi ji’a Kan naannessu Isaan ala kan biraa jiraa? Kuni hundi guddinna dandeetti fi beekumsa Isaa agarsiisu. Mee kana bal’innaan haa ilaallu:

31:29

Rabbiin halkan guyyaa keessa akka seensisu, guyyaas halkan keessa akka seensisu, aduu fi ji’a akka laaffise hin arginee? Hundu hanga yeroo murtaa’e adeemu. Ammas, Rabbiin wanta isin hojjattan keessa beekaa akka ta’e [hin beeknee?]” Suuratu Luqmaan 31:29

“Rabbiin halkan guyyaa keessa akka seensisu, guyyaas halkan keessa akka seensisu” Kuni hiika lama qabaachu danda’a:
1ffaa-Tokko yommuu dhufuu kan biraa ni deema. Fuula dachii irratti halkanii guyyaan akka wal hordofan ni argina. Akkuma isaan lamaan keessaa tokko jihaa (toora) tokkoon diriruun jihama saniin kan biraa ni suntura. Akkuma isaan lamaan keessaa tokko jihaa tokkoon dhokatuun, kan biraa immoo jihama saniin ni mul’ata.[1] Fakkeenyaaf, ganama subii gara bahaatin guyyaan mul’achuu eegala, halkan immoo jihama bahaa kanaan dhokachu eegala. Kuni wal keessa seensisuudha.

2ffaa-Yeroo garii sa’aati guyyaa dabaluun halkan keessa seensisa. Kanaafu, guyyaan ni dheerata. Yoo guyyaan dheerate, sa’aati halkanii irraa ni fudhataa jechuudha. Yeroo biroo immoo sa’aati halkanii dabaluun guyyaa keessa seensisa. Kanaafu, halkan ni dheerata. Yoo halkan dheerate, sa’aati guyyaa irraa ni fudhata jechuudha. Kanaafu isa keessa seene jechuudha.[2]

Taaten kuni biyyoota baha jiddu galeessaa fi Awrooppaa keessatti baay’ee kan mul’atuudha. Yeroo bonaa guyyaan ni dheerata. Gara sa’aati 18 ykn san caalaa ta’a. Halkan immoo ni gabaabbata. Sa’aati 6 ykn sani gadi ta’a. Yeroo gannaa immoo faallaa kanaati. Halkan ni dheerata guyyaan ni gabaabbata.

“aduu fi ji’a akka laaffise” kana jechuun faayda uumamtootaatiif jecha aduu fi ji’a akka fedhii Isaatiif ajajamanii fi socha’an taasise. Aduu fi jiyni akkuma fedhan kan deeman osoo hin ta’in sirnaa fi karaa Rabbiin isaaniif kaa’e irra ajaja Isaatiin adeemu. Kanaafi, itti aanse ni jedha: “Hundu hanga yeroo murtaa’e adeemu.” Kana jechuun aduu fi jiiyni hanga yeroo murtaa’e gahanitti deemu itti fufu. Yommuu yeroon murtaa’e kuni dhufu, adeemsi isaanii ni dhaabbata. Kuni Guyyaa Qiyaamati. Yeroo sanitti aduun ni maramti, jiyni ifa dhaba, gandi addunyaa ni xumurama, gandi Aakhirah immoo ni jalqabama.[3]

“Ammas, Rabbiin wanta isin hojjattan keessa beekaa akka ta’e [hin beeknee?]” Kuni akka jecha Rabbii olta’aa:

“Sila Rabbiin wanta samii fi dachii keessa jiru akka beekuu ati hin beekne?” (Suuratu Al-Hajj 22:70)

Namni tokko osoo akkana jedhe: Rabbiin halkan guyyaa keessa akka seensisu, aduu fi ji’a laaffise karaan ittiin beekan qaamolee miiratiini. Kana ijaan arguun nan beeka. Garuu “Ammas, Rabbiin wanta isin hojjattan keessa beekaa akka ta’e [hin beeknee?]” jedhu keessatti karaan kana ittiin beekaniin maalidhaa? Wanta miiraan argan moo odeefanoo dhugaa ta’eedhaa?

Deebiin: shakkii hin qabu, odeefannoo dhugaa ta’eedha. Rabbiin wanta nuti hojjannu keesso isaa akka beeku nuti ni beekna. Sababni isaas, Inni kana nutti beeksisee jira. Inni hunda caalaa dhugaa kan dubbatuudha. Akkasumas, adabbii warra Rabbiin faallessanii fi mindaa warra Isaaf ajajamanii waan arginuuf karaa miiraa mul’atuunis kana ni beekna. Bu’aa Rabbiif ajajamuu nafsee namaa keessatti argamuu, akkasumas bu’aa badi nafsee nama keessatti argamu irraayyis kana ni beekna. Namni mu’mina ta’e ma’asiyaa irraa bu’aan badaan nafsee isaa keessatti ni argama. Inumaa namni gariin qomni isaa garmalee dhiphata, sababni kanaa maal akka ta’e hin beeku. Garuu sababni isaa ma’asiyaa isarraa dhokatteedha. Akkuma Nabiyyiin (SAW) jedhan: “Yeroo garii qalbii tiyya irratti huguuggin (dhiphinni) natti dhagahama; dhugumatti, ani guyyatti si’a dhibba Rabbiin araarama kadha.” Sahiih Muslim 2702

Kanaafu, namni bu’aa hojii irraa Rabbiin wanta hundaa akka beeku fi wanta namoonni hojjatan keesso isaa akka beeku ni hubata. 

Gabaabumatti, “Ammas, Rabbiin wanta isin hojjattan keessa beekaa akka ta’e [hin beeknee?]” jedhu keessatti, karaa lamaan kana beekna. Isaaniis:1ffaa- odeefannoo dhugaa Rabbiin irraa dhufe. Kunis Qur’aanaa fi hadiisa sahiih ta’e keessatti wanta dhufeedha. 2ffaa-wanta ijaan arginuun- bu’aa hojii gagaarii ykn bu’aa hojii badaa irraa wanta arginuun Rabbiin wanta nuti hojjannu akka beeku ni hubanna.[4] (Nama hojii gaarii hojjate Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qalbii isaa keessatti tasgabbii buusa, fuula isaa ni ibsa. Nama hojii badaa hojjate immoo qalbii isaa keessatti dhiphinnaa fi sodaa darba, fuula isaa irratti dukkana godha. Kanaafu, karaa kanaan Rabbiin wanta nuti hojjannu hunda akka beeku ni hubanna.)

Wanti Rabbii olta’aa gadiitti gabbaramu (waaqefatamu) hundi baaxila

31:30

“Suni waan Rabbiin haqa ta’eef, wanti isaan Isaa gadiitti kadhatan immoo baaxila (soba), ammas waan Rabbiin Ol’aanaa, Guddaa ta’eefi.” Suuratu Luqmaan 31:30

Kana jechuun halkan keessa guyyaa seensisuun, guyyaa keessa halkan seensisuun, aduu fi ji’a laaffisuun sababa Rabbiin haqa ta’eefi. Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dhugaan kan jiruudha, haqaan Kan gabbaramuudha.[5] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan jiruuf halkan dhufee guyyaan deema, aduu fi jiiyni karaa isaanii qabatanii adeemu. Sababni isaas, Rabbiin ala guyyaa fi halkan kan fiduu ni jiraa? Isaan ala aduu fi jiiyni karaa isaanii irra akka deeman kan taasisu ni jiraa?

Kana hunda kan hojjatu erga Isa qofa ta’e, Kan haqaan gabbaramu qabu Isa qofaa jechuudha. “wanti isaan Isa gadiitti kadhatan immoo baaxila (soba)” Kana jechuun wanti namoonni Rabbiin alatti waaqefatanii fi kadhatan soba waan ta’eef halkanii fi guyyaa wal keessa seensisuu, aduu fi ji’a laaffisuu keessatti qooda wayiitu hin qaban.[6]

Asitti “wanti isaan kadhatan soba” jechuun wanti kuni wanta ibaadan isaaf hin malleedha. Ammas ibaadan isaaf godhamu faayda ykn gatii homaatu hin qabu.[7] Wanti namoonni Rabbiin alatti gabbaran halkan guyyaa keessa seensisuu hin danda’an, aduu fi ji’as karaa isaanii irra oofu hin danda’an. Kanaafu, wanta gabbaramu (waaqefatamu) hin qabneedha jechuudha. İbaadan isaaniif godhamus hojii gatii homaatu hin qabneedha.

“ammas, waan Rabbiin Ol’aanaa, Guddaa ta’eefi.” Kana jechuun sababa Rabbiin qofti wantoota hundaa ol ol’aanaa fi guddaa ta’eef halkan guyyaa keessa, guyyaa halkan keessa seensise, aduu fi ji’a laaffise. Halkanii fi guyyaa wal keessa seensisuun, aduu fi ji’a karaa isaanii irra deemsisuun ol’aantummaa fi guddinna Rabbii agarsiisu.  


[1] Madda olii[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 172, [3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/760-763, Tafsiir Sa’dii-765 [4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 175 [5] Tafsiir ibn Kasiir-6/130 [6] Tahriir wa tanwiir-21/187 [7] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 180

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 13
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 11

Leave a Reply