Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 13

Offline dubbisuf

Kutaa kana keessatti qananii fi mallattoolee doonii keessa jiru dubbata. Itti aanse amala namoota yeroo rakkoo gara Rabbiitti fiiganii ergasii qananii Isaa waakkatanii ibsa. Shirkii warraa ammaati moo shirkii warra duriitu fokkuudhaa? Deebii kanaa argachuuf dubbisa itti haa fufnu…

31:31

“Mallattoolee Isaa irraa isinitti agarsiisuuf doonin tola Rabbiitiin galaana keessa akka deemtu hin arginee? Dhugumatti, kana keessa nama garmalee obsaa, galateefataa ta’e hundaaf mallattooleetu jira.” Suuratu Luqmaan 31:31

Rabbiin subhanaahu wa ta’aalaa doonin ajaja Isaatiin akka irra deemtuf galaana kan laaffise Isa akka ta’e beeksisa. Gabroota Isaa irratti tola oolu irraa kan ka’e doonin galaana keessa akka deemtu taasise. Osoo bishaaniif humna dooni baadhatu kennu baate, silaa doonin irra deemu dandeessi?[1]Mallattoolee Isaa irraa isinitti agarsiisuuf” Kana jechuun mallattoolee fi ragaalee Isaa garii kan dandeetti, ogummaa fi rahmata Isaa agarsiisan isinitti agarsiisuuf doonii galaana keessa akka deemtu taasise.

“Dhugumatti, kana keessa nama garmalee obsaa, galateefataa ta’e hundaaf mallattooleetu jira.” Kana jechuun dooniin galaana keessa deemuun nama wanta Rabbiin dhoowwe irraa obsu, wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi murtii Isaa irratti obsuuf, akkasumas, qananii Rabbiitiif galateefatu hundaaf mallatooleetu jira.[2]  

“Dooniin tola Rabbiitiin galaana irra akka deemtu…” jedhe dubbachuu booda “garmalee obsaa, galateefataa ta’e hundaaf…” jechuun aayah goloobun garmalee kan walitti galuudha. Sababni isaas, dooniin tuni galaana irra waan deemtuuf yeroo garii danbaliin ni dhaya, namnis sababa kanaan ni rakkata. Tarii miidhamuus danda’a. Kanaafu, kana obsaan fudhata. Tarii dhimmi faallaa kanaa ta’uu danda’a. Galaana irra nagahaan darbanii wanta gaarii baay’ee argachuu danda’u. Kanaafu, kana galata galchuun qunnama. Doonii tana waliin wanti nama gammachiisu fi miidhu waan jiruuf, Rabbiin olta’aan, “nama garmalee obsaa, galateefataa ta’e hundaaf mallattooleetu jira.” jechuun guduunfe.[3]

Yommuu danbalin akka duumessa yookiin gaaraa isaan haguugee, amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin kadhatu. Yommuu gara lafaatti isaan baasu, isaan keessaa nama madaallamaa ta’etu jira. Aayaata Keenya akkaan gantuu, kafaraa malee kan waakkatu hin jiru.” Suuratu Luqmaan 31:32

Kana jechuun yommuu namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran kanniin osoo dooni yaabbatanii deemanu danbalin akka gaaraa ykn duumessaa haguuge, bishaanin nyaatamna jedhanii garmalee sodaatu, ni nahu. Kanaafu, gara Rabbiitti dheessun Isa qofa kadhatu. Garuu yommuu gara lafaatti nagahaan isaan baasu, isaan keessaa nama jiddu-galeessa ta’etu jira. Haala guutuu ta’een Rabbiin hin galateefatu. Ammas, isaan keessaa nama qananii Rabbii waakkatutu jira.[4]

Mushrikoonni duri yommuu haala cima keessa seenan, fakkeenyaf danbalin gara hundaan yoo isaan marse, Rabbiin beekanii Isa qofa kadhatu. Kuni kan agarsiisuu shirkii warra duraanii caalaa shirkiin warra isaan booda dhufanii badaadha. Yeroo ammaa namoota yommuu danbaliin bishaani akka duumessaa gara hundaan isaan marsuu ykn rakkoon isaan tuqu, uumamtoota waammatantu jira. “Yaa Rabbii nagaha na baasi” jechuu dhiisee, “Yaa Aliyy nagaha na baasi, yaa Abdul Qaadir na baraari, yaa ebalu na baraari.” Jedha. Kanaafu, shirkiin warra kanaa shirkii warra durii caalaa fokkuudha. Warri durii yommuu rakkoon isaan tuqu haqa ni beeku. Rabbiin malee eenyullee rakkoo kana akka hin kaasne ni beeku. Garuu warri ammaa jaaminsa irratti jaaminsa dabalatu.

Akkuma beekkamu, Abdulqaadir ykn Badawiin ykn Aliyy ykn namni biraa rakkoo namarraa kaasu hin danda’u. Inumaa, kunniin hunduu osoo rakkoon isaan tuqe mataa ofii irraayyu kaasu hin danda’an. Kanaafu, akkamitti namoota biroo irraa kaasu danda’u ree? Kuni kana waliinu isaan du’anii jiruu, gara hundaan abdiin isaan waliin cite. Garuu osoo kan jiraatan ta’anii, tarii namni isaan gargaarsifachu danda’a. Haa ta’uu malee, erga du’anii booda wallaalaa malee isaan irraa gargaarsaa fi birmannaa barbaadun hin danda’amu. Aliyy ykn Abdulqaadir ykn Badawin ykn namni biraa yeroo rakkoo kadhatamu qabrii keessaa bahee dhufuun nama baraaru hin danda’u.[5]

Shirkiin warra ammaa shirkii warra durii caalaa fokkuudha.

 “aayaata Keenya akkaan gantuu, kafaraa malee kan waakkatu hin jiru.” Kana jechuun garmalee gantuu (waadaa kan diigu), qananii Rabbiin isatti oole kan waakkatu malee mallattoolee fi ragaalee Keenya kan kijibsiisuu hin jiru.

Asitti aayaanni mallattoolee fi ragaalee qananii fi tawhiida Rabbii agarsiisaniidha. Aayaanni kunniinis aayaata shari’aa fi aayaata kawni jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Aayaanni shari’aa keeyyattootaa fi ragaalee Rabbiin Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Kan akka Qur’aanaa. Aayaanni kawni immoo wantoota Inni uumeedha.

Aayaata kanniin kan kijibsiisuu fi mormuu nama amaloota lamaan kanniin qabuudha: ganuu (waadaa diigu) fi kafaruu (qananii waakkachuu, galata galchuu dhiisu).

Namni tokko osoo akkana jedhe gaafate: “Asitti akkamitti waadaa diigee?”

Akkana jenna: Namoonnni kunniin yommuu galaana keessa deemanii danbalin itti dhufuu, “Yoo Rabbiin kana jalaa nagaha nu baase, dhugumatti warra Rabbiif galata galchan keessaa taana” jechuun waadaa galu. Garuu yommuu Rabbiin nagaha isaan baasu, waadaa kana ni diigu.[6] Dachii keessatti daangaa darbu, Rabbiif galata hin galchan. (Ilaali suuratu Yuunus 10:22)


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Ibn Kasiir-6/130[2] Tafsiir Muyassar-414[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 185[4] Tafsiir Muyassar-414[5] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 187 [6] Tafsiir Sa’dii-766

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 14
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 12
Offline dubbisuf

Leave a Reply