Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 2
Aangoo Rabbii olta’aa
Mee samii fi dachii ilaali! Samiin akka gonbisaa guddaa eelee irratti qadaadame (gonbifame) fakkaatti. Dachiin diriirtu uumamtoota ofirratti baadhattuudha. Samii fi dachii jidduu uumamtoota ajaa’iba too’anna fi kunuunsa guddaa barbaadantu jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran uumuun akkanumatti hin dhiisne. Kana irra, takka takkaan isaan too’ata. Arshii ol olta’uun wantoota Isaa gadi jiran hunda too’ata.
“Dhimma hundaa samii irraa gara dachiitti qindeessa. Ergasii guyyaa hammi isaa akka isin lakkooftaniitti waggaa kuma ta’e keessatti gara Isaatti olbaha.” Suuratu As-Sajdah 32:5
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhimma uumamtootaa samii irraa gara dachiitti qindeessa. Garii isaanii ni duroomsa, garii immoo ni hiyyoomsa. Garii ni gammachiisa, garii immoo gammachuu dhoowwata, garii ni jabeessa, garii immoo ni xiqqeessa. Garii olkaasa, garii immoo gadi buusa. Rizqiis ni buusa. Ajajni Isaa samii irraa gara dachiitti bu’a. Kanaafu, dhimma uumamtootaa ni qindeessa.
“Ergasii guyyaa hammi isaa akka isin lakkooftaniitti waggaa kuma ta’e keessatti gara Isaatti olbaha.” Kana jechuun ergasii dhimmi kuni Guyyaa hammi isaa waggaa kuma ta’e keessatti gara Rabbii ol baha.[1] Guyyaa tokko keessatti dhimmi samii irraa gara dachiitti bu’uun ergasii gara Rabbii ol baha. Guyyaan kuni akka lakkoofsa namootatti waggaa kumaan wal qixxaa’a.
“Suni beekaa wanta mul’atuu fi hin mul’annee, Injifataa, Rahmata godhaadha.” Suuratu As-Sajdah 32:6
Kana jechuun suni Khaaliqa dhimma addunyaa guutuu qindeessudha, wanta ija irraa dhokatu, wanta nafseen dhoksitee hunda beekuudha. Ammas, Inni wanta ijji agartuu hunda Kan beekudha. Inni Abbaa humnaa hin injifatamneedha. Gabroota Isaa mu’mintootaaf rahmata kan godhuudha.[2]
“[Rabbiin] wanta uume hundaa kan tolchee fi uumama namaas suphee irraa kan jalqabeedha. Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa baafamee irraa godhe. Ergasii isa sirreessee ruuhii Isaa isa keessatti afuufe. Dhageetti, argituu fi qalbiis isiniif taasise. Xiqqoma galateefattu.” Suuratu As-Sajdah 32:7-9
“[Rabbiin] wanta uume hundaa kan tolchee fi uumama namaas suphee irraa kan jalqabeedha.” Kana jechuun wanta hundaa haala sirriin kan uumee fi bareechisee Rabbii olta’aadha. “uumama namaas suphee irraa kan jalqabeedha.” Kana jechuun nama jalqabaa abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamiin suphee irraa uumuu jalqabe.[3]
“Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa baafamee irraa godhe.”
Kuni Qur’aanni Kalaama (Dubbii) Rabbii olta’a akka ta’e kan agarsiisuudha. Sulaalah jechuun wanta tokko keessaa wanta filatamee baafamee ykn luqqifameedha. Fakkeenyaf, lixii keessaa rifeensi ni baafama ykn ni luqqifama. Dhangala’oon saalaa dhiira keessaa dhangala’u hundi dhangala’oo dubartiitin walitti hin makamu. Kana irra, dhangala’aa baay’ee xiqqaatu dhangala’aa dubartiitiin walitti makamuun nama ta’a. Dhangala’oo dhiiraa kana keessa isparmatozowaa miliyoonatti lakkawamantu jira. Isparmatozowaa kanniin keessaa isparmatozowaa tokko qofatu killee uruun seena. Isparmatozowaan hafan hundi ni du’u. Killee dubartii uruun seenu hin danda’an. Kanaafu, isparmatozowaa miliyoonatti lakkaawaman keessaa isparmatozowaan tokkichi waan filatamee baafameef sulaalah jechuuni dandeenya.[4] Isparmatozowaan seeli hormaataa dhiiraati.
“Ergasii isa sirreessee ruuhii Isaa isa keessatti afuufe.” Foon, kutaalee qaamaa, hidda dhiigaa sirreesse fi guutee ruuhi uume itti afuufe. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qaama namaa erga uumee sirreessee fi guutee booda ruuhi uumee malaykaa erguun itti afuufa. Ergasii namni jiraataa lubbu qabu ta’ee garaa haadhaa keessaa baha.
“Dhageetti, argituu fi qalbiis isiniif taasise. Xiqqoma galateefattu.” Kana jechuun yaa namoota! Qananii dhageetti fi argituu kan sagalee, bifa, maalummaa wantootaa fi namoota ittiin addaan baafattan, qananii aqlii kan kheeyri fi sharrii, wanta fayyaduu fi miidhu ittiin addaan baafattan isiniif godhe. Wanta isin qananiiseef xiqqoma Gooftaa keessan galateefattu.[5]
Kitaabban wabii:
[1]Tafsiir Muyassar-415, Tafsiir Sa’dii-767
[2] Tafsiir Muyassar-415
[3] Tafsiir Muyassar-415
[4] Tafsiirul Aayaatal Kawniyata Fiil Qur’aanil Kariim Jiildi 3 fuula 57-62, THE QUR’AAN AND MODERN SCIENCE Dr.Zaakir Naayik, fuula 39
[5] Tafsiir Muyassar-415