Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Namni du’e achumaan du’ee ni hafaa?
Namoonni baay’een qaamni namaa bututee dachii keessatti waan baduuf du’aan booda kaafamuun hin jiru jechuun mormu. Mormiin kuni mormii ragaa hin qabneedha. 1ffaa-addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taateef namni badii fi zulmii hojjatu badii fi zulmii isaatiif osoo hin adabamin akkanumatti ni hafaa? Ammas, namoonni cunqurfaman osoo haqa isaanii hin argatin akkanumatti ni hafuu? Namoonni tola oolanis, mindaa isaanii guutuu osoo hin argatin akkanumatti badanii ni hafuu? Gaafileen kunniin hundi du’aan booda kaafamuun dirqama akka ta’e nutti akeeku.

2ffaa-Qaamni namaa hanga fedhe bututee biyyee haa ta’u, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa jalqabaa biyye irraa kan uume, namoonni biyyee erga ta’anii booda lamuu isaan uumuun Isatti ni ulfaataa? Nabii Aadamin (aleyh salaam) biyyee irraa Kan uume, namoota du’anii biyyee ta’an lamuu kaasu ni dadhabaa? Gonkumaa hin dadhabu. Kanaafu, du’aan booda kaafamu ilaalchise wanti nama shakkisisuu tokkollee hin jiru. Garuu namoonni dhugaa kana hin hubanne, akkana jedhu:

32:10

Ni jedhan, “Sila dachii keessatti erga bannee dhuguma uumama haarawa keessatti ni taanaa?” Lakki, isaan qunnamtii Gooftaa isaaniitti kan kafaraniidha.” Suuratu As-Sajdah 32:10

“Ni jedhan, “Sila dachii keessatti erga bannee dhuguma uumama haarawa keessatti ni taanaa?” Kana jechuun namoonni du’aan booda kaafamutti hin amanne ni jedhan, “Erga duunee foonii fi lafeen keenya bututee biyyee dachii keessatti bannee booda haala haarawaan ni kaafamnaa?”[1] Gaafiin isaanii kuni haqa bira gahuuf osoo hin ta’in du’aan booda kaafamuu mormuufi. Kana jechuun du’aan booda kaafamuun hin jiru jechuu isaaniti.

“Lakki, isaan qunnamtii Gooftaa isaaniitti kan kafaraniidha.” Kana jechuun dhimmi akka isaan jedhanii fi faffakkeessanii miti. Isaan dandeetti Rabbii ni beeku. Garuu isaan akka hin qoratamnee fi Rabbii olta’aan wal hin qunnamnetti amanan.[2]

Hundeen kufrii haguuguudha. Kufriin haqa mormuudha. Kunis dubbii faayamaa warra sammuun xiqqaa ta’an gowwoomsun ragaa haqaa haguuguun ta’a.

Ragaan du’aan booda kaafamuu baay’ee fi ifa kan baheedha. Kan jalqaba nama biyyee irraa uumee, namni kuni biyyee erga ta’ee booda deebisuun Isatti ni ulfaataa? Abbaa ilma namaa kan ta’ee Aadamin biyyee irraa uume. Kanaafu, namni biyyee erga ta’ee booda lamuu uumuun Isatti ni ulfaataa? Gonkumaa hin ulfaatu. Namoonni du’aan booda kaafama morman haqa kana ni beeku. Garuu dubbii isaanii ragaa hin qabneen haqa kana haguugu. Kanaafu, isaan Gooftaa isaanitiin wal qunnamu ni kaadu (ni waakkatu).

Rabbii olta’aan wal qunnamuun du’aan booda erga kaafamanii ta’a.

32:11

Jedhi “Malaykaan du’aa isin irratti ramadame lubbuu keessan ni fudhata. Ergasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu.” Suuratu As-Sajdah 32:11

Kana jechuun yaa Muhammad (SAW) ykn ummata isaa keessaa gara Rabbiitti kan namoota waamu hoo akkana jedhi: Malaykaan ruuhi keessan baasuuf isin irratti ramadame yommuu ajalli keessan gahu ruuhi teessan ni baasa. “Ergasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu.” Kana jechuun yeroon barzakhaa du’aa fi kaafama addaan baasu xumuramee booda akkuma duraan turtanitti jiraattota taatanii gara Gooftaa keessanitti deebitu. Ergasii nama isin keessaa tola hojjate toltuu isaatiin mindaa isaaf kafala, nama badii hojjates badii isaatiin isa adaba.[3]

Salphinnaa fi Gaabbii namoota du’aan booda kaafamu mormanii

32:12

“Yommuu yakkamtoonni Gooftaa isaanii biratti mataa isaanii gadi qabanii “Gooftaa keenya! Argine, dhageenye. Kanaafu, hojii gaarii hojjannaa [gara addunyaatti] nu deebisi. Dhugumatti, nuti amma dhugaan amannee jirra.” [jedhan] osoo argitee!” (Suuratu As-Sajdah 32:12)

Kana jechuun yaa nama! Yeroo yakkamtoonni du’aan booda kaafamuu morman Gooftaa isaanii biratti salphinna irraa kan ka’ee mataa isaanii gadi gonbisanii “Gooftaa keenya! Adabbii warra Siif ajajamu didanii kan nuti kijibsiisaa turre amma arginee, wanta Ergamtoonni Kee addunyaa keessatti itti nu ajajaa turan dhugaa ta’uu Sirraa dhageenye. Kanaafu, akka hojii gaarii hojjannuuf gara addunyaatti nu deebisi. Dhugumatti, wanta addunyaa keessatti kijibsiisaa turre kan akka Tokkichumaa Keeti fi namoota du’aan booda kaasu amma mirkaneefannee jirra.” jedhan osoo argitee, silaa dhimma guddaa fi rifachiisaa argita.[4]

Asitti yakkamtoonni warra addunyaa keessatti du’aan booda kaafamni hin jiru jechuun mormaniidha. “Argine…” kana jechuun wanta addunyaa keessatti nutti beeksifame argine. (Qabrii keessaa kaafamu arganii jiru, adabbii Jahannam kaafirota eeggatuus arganii jiru.)[5] “dhageenye.” Kana jechuun nuti amma dubbii Kee ni dhageenya, ajaja Kee ni fudhanna.[6]

Addunyaa keessatti dubbii Rabbii olta’aa irraa dhufe hin dhagayanii turan, Isaafiis hin ajajaman. Garuu Guyyaa Qiyaamaa dubbii Isaa sirritti  dhagayuu, jaallatanis jibbanis Isaaf ni ajajamu.

Guyyaa Qiyaamaa yommuu kaafaman wanti isaan kijibsiisaa turan haqa ta’uu waan mirkaneefataniif, “Gooftaa keenya! Hojii gaggaarii hojjannaa gara addunyaatti nu deebisi.” Jechuun kadhatu. Garuu kuni yeroon irra darbee jira. Inumaa osoo addunyaatti deebi’aniyyuu, yoosu rakkoo keessa turan dagachuun badii isaaniitti deebi’u. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) haala isaanii hunda beeku akkana jedha:

6:28

Wanti isaan duraan dhoksaa turan isaaniif ifa ta’e. Osoo deebifamanii, wanta irraa dhoowwamanitti ni deebi’u turan. Dhugumatti isaan kijibdoota.” Suuratu Al-An’aam 6:28


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-415
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 54, Tafsiira Qurxubi-17/18
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-14/541-542, Tafsiir Xabarii-18/604
[4] Tafsiir Muyassar-416
[5] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/221
[6] Tafsiir Ibn Kasiir-6/141

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 4
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply