Seenaa Abdullah Ibn Jud’aan

Yommuu namni Makkaan keessatti waa’ee yeroo jaahilummaa yaadu, maqaaleen gariin sammuutti ni dhufu, kan akka Abdul Muxxalib-Akaakayyu Nabiyyii (SAW), ykn Waraqa ibn Nawfal. Garuu nama biraa barbaachisa yeroo ammaa xiqqoma yaadatamu tokkotu jira: Abdullah ibn Jud’an, ilma abbeeraa abbaa Abu Bakr Siddiiq kan ta’eedha. Yeroo jalqabaa jireenya isaa keessatti Abdullah ibn Jud’aan nama milkaa’as gammachuu qabus hin turre. Dhugumatti, beelaa fi hiyyummaan guddachuun jireenyi isatti hadhoofte. Hara galfachuuf ykn immoo tarii rakkoo keessaa bahuuf badiitti ni qajeele, yakka baay’ees raawwate. Gocha isaa badaaf yeroo baay’ee qabame. Namoonni namni kuni sharrii kan bakka bu’uu fi karaan itti fooyya’u akka hin jireetti yaadan. Gosa isaa, maatii isaa inumaa abbaa isaa dabalatee namni hundu isa jibba. Inni jibba san miira jabaa ta’een deebisa.

Gaafa tokko, osoo sulula Makkaa keessa deemuu fi jiruu hadhaawaa isaa yaadu, gaara keessatti hulaa xiqqoo wayii arge. Tarii hulaan tuni gara godaatti tan nama seensiftuudha. Goda kana keessa wanta nama miidhu jiraachu danda’a jedhee yaade, tarii bofa hadhaan nama iddu keessa jiraachu danda’a. Wanti keessa isaatti dhagahamee godatti dhiyaachu irraa isa hin dhoowwine. Kana irra, gara saniitti akka deemu isa jajjabeesse. Haalli isaa garmalee abdii murachiisaa ta’uu irraa kan ka’e, innu mataan isaa ajjeefamu barbaada.

Yommuu afaan godaatti dhiyaatu, achi keessatti boca hirkataa wayii arge. Dukkana keessaan yommuu ilaalu bofa hirkatee nama idduuf qophaa’e isatti fakkaate. Abdullah ibn Jud’aan rifachuun tasa du’u akka hin barbaanne ni hubate. Bofti isatti dhufaa akka jiruutti yaade. Kanaafu, inni summii nama ajjeesu jalaa bahuuf asi achi utaale. Abdullah ibn Jud’aan yeroo muraasan booda ni tasgabbaa’e. Kan fiigaa jiru isuma akka ta’ee fi wanti inni akka bofaatti yaade bakkuma duraani akka jiru ni hubate. Yommuu itti dhiyaatu, boca bofaa warqii irraa hojjatame ta’uu ni hubate. Wanti boca bofaa qabu kuni ijji lama dhagaa garmalee bareeda calanqisu “Emerald” jedhamu irraa ni hojjatameef. Ibn Jud’aanis dhagaa kana cabsee fudhate. Gara godaattis lixee ni seenee. Barreefamaa irraa akka argeetti godni qabrii moottota gosa Jurhum ta’uu ni hubate. Mataa qabrii hundarratti wanta qabrii gubbarratti suuqamutu ture. Wanti qabrii gubbarratti suuqamu kuni warqii irraa hojjatame, isarratti seenaa gabaaba mootii achi jalatti awwaalametu barreefame. Naannawa qabrii immoo kuusaa warqii, meetii, luli (pearls), dhagaa qaalii ta’e fi kanneen birootu jira.

Abdullah ibn Jud’aan kuusaa qabeenyaa kana irraa waa xiqqoo fuudhee bahe, akka lamuu deebi’uuf ala godaatti mallattoo ni godhe. Ergasii gara ummata isaatti ni deebi’e. Qabeenya haarawa argateen nama arjaa ta’e. Maatii, hirriyyootaa fi namoota hiyyeeyyiif ni kenna. Keessumaayyu, namoota walitti qabuu fi nyaata isaaniif kennu keessatti inni arjaadha. Akkuma yeroon darbuun hawaasa keessatti sadarkaa argate, hanga hogganaa Qureeshotaa ta’utti. Yeroo baasii dhabu, gara godaa fiigun ni fudhata. Arjummaan isaa daangaa Makkaa irra ni darbe. Yeroo tokko yommuu ummanni Shaam rakkoo cimaa rakkatan, Abdullah ibn Jud’aan gaalaa 2000 isaaniif erge. Hunda isaaniitu qamadii, zaytii fi soorata biroo itti fe’e. Halkan hundaa namni tokko xaaraa Ka’abah irra dhaabbachuun “Gara gabataa nyaataa Abdullah ibn Jud’aan koottaa” jechuun lallaba.

Garuu kana hunda waliin Abdullah ibn Jud’aan ilaalchise hadiisni kuni Sahiih Muslim keessatti odeefame: Aa’ishah (radiyallahu anhaa) akkana jechuun Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) gaafatte: “Dhugumatti, Abdullah ibn Jud’aan yeroo jaahilummaa hariiroo firummaa ni sufa, hiyyeeyi ni nyaachisa. [Guyyaa Qiyaamaa] kuni isa ni fayyadaa?” Nabiyyinis (SAW) akkana jechuun deebisan: “Suni homaa isa hin fayyadu. Dhugumatti inni guyyaa tokkollee, “Yaa Rabbii kiyya, Guyyaa Murtii badii kiyya naaf araarami.” hin jenne.” Sahiih Muslim 214

Madda: Gems and Jewls: http://www.kalamullah.com/gems-jewels.html

Barnoota Asirraa barannu:

  • Bu’uurri hojii kamiyyuu iimaana ta’uu- Arjummaani fi namootaaf tola oolun Rabbiin biratti mindaa kan argamsiisuu iimaanaa fi ikhlaasa yoo qabaatan qofaadha. Namni kuni Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne. Osoo kan amanu ta’ee silaa “Yaa Rabbii Guyyaa Murtii badii kiyya naaf araarami” ni jedhaa ture. Kanaafu, hundeen hojii gaarii kamiyyu iimaana. Kana jechuun arkaana iimaanaa jahanitti haala sirrii ta’een amanuudha. Namni bu’uura kana hin qabne hojiin isaa gatii homaatu akka hin qabne haa beeku. Hanga fedhe namoota biratti sadarkaa haa qabaatu, jaallatamaa haa ta’u, yoo bu’uura kana (iimaana) hin qabaatin Rabbiin biratti hojiin isaa gatii homaatu hin qabu. Seenan armaan oli barnoota guddaa ta’a.
  • Jireenyi hanga feete namatti haa dhiphattu abdii kutuu dhiisu
  • Karaa rizqii Rabbiin namaaf banu namni hin beeku. Nama tokko hiyyeessa jechuun hin tufatin guyyaa tokko dureessa ta’ee si caalaati. “Ani dureessa” jettee hin of hin jajin, guyyaa tokko hiyyoomte salphattaati.
  • Yeroo durummaa arjoomuu seenaa kanarraa ni baranna. Garuu bu’aa ganda lamaani (Aakhira fi addunyaa) argachuuf iimaanaa fi ikhlaasa waliin ta’uu qaba.
Print Friendly, PDF & Email
Hojiin Xumuraan Madaallama

Leave a Reply