Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Kutaa-1

Sababoota mata-dureen kuni akka filatamu taasisan
Mata duree kamiyyu irratti barreessun dura namni tokko hamma bu’aa barreefama isaatii fi haajaa ummanni wanta qalamni isaa barreesseef qabu beeku qaba. Mata-duree kana barreessuu fi filachuun sababoota baay’ee qaba. Isaan keessaa muraasni:

1-Waa’ee tabwaa fi seenaa warra tawbatanii ilaalchisee barreefamni baay’achuu. Akka waan fooyya’iinsa booda duubatti deebi’uun dhiibbaa wayiitu hin qabne fi namoonni achirraa fagoo ta’anitti ilaallamu gahuutti.
2-Sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan beekuu dhabuu
3-Mata-duree kana ilaalchisee namoonni barreessan xiqqaa ta’uu. Namni barreesses wantoota armaan gadii irraa bilisa hin ta’u:

  • Addatti haala kitaabatin kophaa hin baasne. Kana irra, kitaabota isaa irraa kitaaba tokko keessatti dubbata.
  • Osoo faayda irraa hin fudhatin seenaa qofa dhiyeessuu
  • Sababoota hawaasa kana keessatti hin argamne dubbachuu
  • Osoo sababoota hin tuqin, ykn seenaa hin kaasin mata-duree kana ilaalchisee nama gorsa barreessetu jira. Kuni qorannoo kiyya keessaan natti mul’ate. Ta’uu baannan, tarii kitaabban ani irra hin geenye ykn qorannoo kiyya keessan isaan hin argine jiraachu danda’u. Yaa dubbisaa kabajamaa, ani kana si hin dhoksu, osoo nama mata-duree kana haala guutuun furmaataa itti barbaaduu fi ifaaje irraa na boqachisuu argadhee nan hawwa.

Balaaf Dammaqi
Nabiyyiin (SAW) kan wahyiin itti godhamu, hogganaan qajeelfamee, dilii irraa kan eeggame namoota hundaa caalaa Gooftaa isaa kan sodaatu, gara Isaati dhiyoo kan ta’e, inni kana waliinu fooyya’insa booda duubatti deebi’uu fi khaatimaa (xumura) badaa irratti du’uu ni sodaataa ture. Akkana jechuu ni baay’isaa ture:
يَا مُقَلِّبَ الْقُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ
“Yaa Kan qalbii gaggaragalchu hoo! Qalbii tiyya diinii Kee irratti gadi dhaabi.”
Jaami’a At-Tirmizi

Haati manaa isaa Aa’ishaan (radiyallahu anha) du’aayi kana ajaa’ibsiifatte. Nabiyyinis (SAW) qalbiin namootaa qubbiin Rahmaan irraa qubbiin lamaan jidduu akka taatee fi akka fedhetti akka jijjiruu ishiitti beeksise. Shakkii hin qabu, Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) kanarraa kan sodaatu erga ta’e, nuti san caalaa sodaachu qabna. Dhugumatti, mu’minni yommuu oduu kana dhagayu ni sodaata, ni hollata. Kanaafu, qalbiin waa qabattu fi hubattu eessa jirtii?

Wanta ati beeku qabdu
Warri beekumsaa gariin kufuu (duubatti deebi’uu) irraa bakka fagoo akka jiranitti amanu. Akkasumas, dubbiin kuni kan itti dubbatamu qabuu awwaamaa fi namoota sassalphoo ykn namoota haarawa Islaama qabatanii fi umriin xiqqaa ta’anidha jechuun amanu. Namni kana amane balaa guddaa irra jira. Sheyxaanni akka isa too’atee fi hojii isaa badaa akka isaaf miidhagsee natti fakkaata. Hanga fedhe beekumsi isaa daangaa ol’aanaa irra haa gahuu, hubannaan isaa haa bal’atu, namni ani kufaati (Islaama irraa duubatti deebi’uu) irraa eeggamaadha jedhe odeesse, wanta Nabiyyiin tiikfamaan hin himanne himatee jira. Rabbiin olta’aan ni jedha:

33:21

Dhugumatti nama Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa kajeeluf ammas Rabbiin baay’isee yaadatuuf Ergamaa Rabbii keessa hidhannaa (fakkeenya) gaariitu isiniif jira.” Suuratu Al-Ahzaab 33:21

Namoota duubatti ni deebi’an jedhe eenyullee hin yaanne duubatti akka deebi’an seenan nutti odeesse jira. Garuu qalbiin namootaa qubbiin Rahmaan keessaa qubbiin lama jidduu jirti, akka fedhetti jijjira.

Ibn Mas’uudi (radiyallahu anhu) nama itti xinxalluuf jecha hiikaa guddaa qabduu jedhe jira: “Nama du’eetti hidhadhu (fakkeenya godhadhu). Namoonni jiran fitnaa irraa waan hin amanamneef.” (Kana jechuun namoota haala gaarii irratti du’an fakkeenya godhachuun wanta isaan hojjatan hojjadhu. Sababni isaas, isaan haala gaarii irratti du’anii jiru. Namoonni lubbuun jiran immoo fitnaatti kufuu danda’u. Kanaafu, yommuu isaan fitnaatti kufan atis waliin kufuu dandeessa.)

Hiika Intikaasaa
Ni jedhama: intakasa sheyhu-kana jechuun wanti tokko garagalee. Ni jedhama: intakasal mariidu-kana jechuun dhukkubsataan erga fayyee booda dhukkubni isatti deebi’e.

Gabaabumatti intikaasa jechuun erga fooyya’anii booda haala duraanitti ykn haala badaatti deebi’uudha. Ingiliffaan: “Relapse” jedhama.   

Erga fooyya’anii booda haala duraanitti ykn haala badaatti deebi’uun sababoota baay’ee qaba. Isaan keessaa mee haala armaan gadiitiin haa ilaallu:

Kutaa itti aanu keessatti ni ilaallaa hin fagaatinaa.

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 11-14

SABABOOTAA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA FOOYYA’IINSA BOODA DUUBATTI DEEBI’ANII-KUTAA-2
Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu warra Fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii-Seensa

Leave a Reply