Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu warra Fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Seensa

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti dursa kitaaba “Min Akhbaaril Muntakisiina (oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii)” jedhu jalqabne jirra. Dhugumatti, kitaaba kana keessatti wantoota ajaa’ibaa baay’ee arguuf jirra. Kitaabni kuni seenaa dhiyeessun garmalee nama hawwata. Sammubani.com’s osoo guutuun isaa gara Afaan Oromootti hiikkame ummata bira gahee gammachuu guddaatu itti dhagahama. In sha Allah hanga dhumaatti yoo waliin turre gammachuu kana waliin qoodanna. Haala kitaabaanis maxxanfame ummata bira akka gahuu abdii guddaa qabna. Amma gara hiikkaa kitaabaatti haa dabarru:

Seensa

Erga karaa qajeelaatti (Islaamatti) qajeelte booda namoonni si jallisuuf hawwu
Qajeelchi qananii Rabbiin sirratti oolee akka ta’ee fi warri kufrii, badii fi ma’asiyaa hojjatan akka si hinaafan beeku qabda. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Warra kitaabaa irraa baay’een isaanii haqni erga isaaniif ifa ta’ee booda hinaaffi nafsee isaanii irraa kan ka’e amanuu keessaniin booda kaafiroota godhanii osoo isin deebisanii jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:109

Ammas, Rabbiin olta’aan ni jedha:

3:69

Gareen warra kitaabaa irraa ta’an osoo isin jallisanii jaallatu. Isaan nafsee ofii malee hin jallisan. Garuu isaan hin beekan.” Suuratu Aali-Imraan 3:69 (Asitti warri kitaabaa-Yahuudotaa fi Kiristaanota. Gareen yahudootaa fi kiristaanota irraa ta’an Muslimoota osoo jallisanii garmalee jaallatu. Kanaafi, akkuma yeroo ammaa arginu, warri mishinarii (peenxen) Muslimoota kafarsiisuuf wanti isaan hin goone hin jiru.)

Nama erga Islaamatti qajeelee booda jallate qajeelchun dhimma jabaa ta’eedha
Nama erga qajeelee booda jallatee qajeelchun dhimmoota garmalee cimoo ta’an keessaayyi. Qur’aana keessatti:
“Sila Rabbiin namoota erga amananii, Ergamaan haqa ta’uu ragaa bahanii fi ragaaleen ifaa isaaniitti dhufanii booda kafaran akkamitti qajeelchaa? Rabbiin namoota zaalimota ta’an hin qajeelchu. Isaan suni jazaan isaanii: abaarsi Rabbii, malaaykotaa fi namoota hundaa isaan irratti ta’uudha. Kan keessatti hafan ta’anii adabbiin isaan irraa hin laaffifamu, yeroonis isaaniif hin kennamu. Kana booda warra tawbatanii fi fooyyessan malee. Dhugumatti, Rabbiin Araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:86-89

3:90

Dhugumatti, warri erga amananii booda kafaran, ergasii kufrii dabalatan, tawban isaanii isaan irraa hin qeebalamtu (hin fuudhamtu). Isaan suni isaanumatu jallattoota.” (Suuratu Aali-Imraan 3:90)

Islaamaa irraa duubatti deebi’uun ykn kaafira ta’anii du’uun adabbii cimaatti nama geessa
Dhugumatti, gaabbiin cimaan nama kaafira ykn jallataa ta’ee du’e irratti ta’a.

“Dhugumatti, warroonni kafaranii fi kaafiroota ta’anii du’an, isaan keessaa namni tokko warqii dachii guutuun osoo ittiin of bituu [fedheyyuu] irraa hin fuudhamu. Isaan sun adabbii laallessaatu isaaniif jira. Isaaniif tumsitoonni hin jiran.” Suuratu Aali-Imraan 3:91

Sababoota Jallinnaa
Sababoota jallinnaa keessaa inni guddaan kaafirotaaf ajajamu, karaa isaanii keessa deemuu fi tooftaa isaanii hordofuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

3:100

“Yaa warra amantan! Garee warra kitaabni kennameef irraa ta’aniif yoo ajajamtan, erga amantanii booda kaafirota godhanii isin deebisu.” Suuratu Al-Baqarah 2:100

Garuu eenyutu Qur’aanatti xinxallee ittiin gorfamaa, qajeelfama jireenya isaa godhataa?

Yaa Muslima beeki! Islaama irraa duubatti deebi’uun hojii sheyxaanaatii fi shira isaatii. Rabbiin kanarraa ni akeekachiisa:

“Dhugumatti, warri erga karaan qajeelan ifa isaaniif ta’ee booda duubatti deebi’an, sheyxaanni isaan sossobee abdii isaaniif dheeresse. Suni sababa isaan, warroota wanta Rabbiin buuse jibbaniin “Dhimma muraasa keessatti isiniif ajajamna” jedhaniif. Rabbiin iccitii isaanii ni beeka. Yommuu malaaykonni fuula isaaniitii fi dugda isaanii rukutaa nafsee isaanii fudhatan [haalli] akkam ta’aa? Suni sababa isaan wanta Rabbiin dallansiisu hordofanii fi jaalala Isaa jibbaniif. Kanaafu, Inni hojiiwwan isaanii jalaa balleesse.” Suuratu Muhammad 47:25-28

Beeki! Islaama irraa duubatti deebi’uun abbicha irratti miidhaa guddaa fida. Namni Islaama irraa duubatti deebi’u nafsee ofii malee Rabbiin gonkumaa hin miidhu:

Namni koomee isaatirra garagalee, inni gonkumaa Rabbiin homaaniyyuu hin miidhu. Rabbiin warra galata galchaniif mindaa ni kennaaf.” Suuratu Aali-Imraan 3:144

Kana jechuun namni Islaama irraa duubatti deebi’ee, inni gonkumaa Rabbiin hin miidhu. Inni nafsema ofii qofa miidhaa guddaa miidha. Namni Islaama irratti gadi dhaabbatee fi Gooftaa isaatiif galata galchee immoo Rabbiin mindaa hundarra gaarii isaaf kenna.[1]

Nama kabaja fi guddinna booda salphinni isa tuqe ta’uu irraa of eeggadhu. Muslim, Ahmadi fi isaaniin ala kan biroo biratti hadiisa Abdullah ibn Sarjas gabaase keessatti akkana jedha: Ergamaan Rabbii (SAW) ulfaatinna imalaa, yeroo deebi’uu gadda cimaa keessa ta’uu fi kabaja booda salphachuu Rabbiitti maganfachaa ture.

Dhugumatti, Rabbiin nama gorfame, sodaatee fi barnoota fudhate hin jallisu.  

“Osoo isaan wanta ittiin gorfaman hojjatanii, isaaniif irra gaarii fi [amanti irratti] gadi dhaabbachuufis garmalee cimaa ture. Silaa yeroo san Nu biraa mindaa guddaa isaaniif kenninaa turre. Karaa qajeelaas isaan qajeelchinaa turre.” Suuratu An-Nisaa 4:66-68

Karaan haqaa ifa ta’uu waliin jallinnaaf nafsee ofii kan masakuu fi karaa jallinnaa nafsee ofiitiif kan filatu nama akka ta’e ifa gochuun Rabbiin akkana jedha:

“Yommuu isaan jallatan, Rabbiin qalbii isaanii ni jallise. Rabbiin namoota faasiqota ta’an hin qajeelchu.” (Suuratu As-Saf 61:5)

Qur’aanaa fi hadiisa irraa keeyyattoota hanganaa erga dhiyeesse, nama barreesse fi dubbise akka ittiin fayyadu Rabbiin kadha.


[1] Tafsiir Muyassar-68
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 8-10

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii-Kutaa-1
Sababootaa fi furmaata waliin oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Dursa
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply