Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu Warra fooyya’iinsa booda Duubatti deebi’anii-Kutaa 5.1

Dhugumatti, Islaama erga qabatanii booda duubatti deebi’uun adabbii guddaaf nama saaxila. Guyyaa Qiyaamaa namoonni Islaama erga qabatanii booda duubatti deebi’an fuulli isaanii ni gurraachata, adabbii cimaaf saaxilamu. Qur’aana keessatti:

3:106

Guyyaa fuulli gariin addaatu fi fuulli gariin gurraachatu, warri fuulli isaanii gurraachate, “Erga amantanii booda kafartanii? Sababa kafaraa turtaniif adabbii (azaaba) dhandhamaa.” [ isaaniin jedhama]”. Suuratu Aali-Imraan 3:106

Sababoota erga Islaama qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisa kutaalee darban keessatti ilaalu jalqabne jirra. Ammas itti fufuun sababa biraa ni ilaalla:

4-Shahwaa (Fedhii Lubbuu)
Dhukkubni kuni jireenya addunyaa keessatti wantoota hundarra badoo nama muudatan keessaa tokkoodha. Sababoota ibidda keessatti gonbifamuutti nama geessan keessaa tokkoodha. Ergamaan Rabbii (SAW) nama arrabaa fi qaamaa hormaataa isaa haraamaa irraa eeguf waadaa galeef Jannata wabii ta’eefi jira.

Fedhiin lubbuu balaa guddaa nama haguugudha. Yeroo baay’ee gabrichaa fi Gooftaa isaa jidduutti girdoo taati. Fedhiin lubbuu wiirtuu dubbii kiyyaa taatu fedhii qaama saalaatii fi ilaalchaa (ijaati). Fedhiin lubbuu tuni nama Rabbiin gabbaru meeqa faasiqota keessaa tokko taasiste. Aalima meeqa gara wallaalatti jijjirte. Namoota meeqa kan duubatti deebi’uu irraa fagoo akka ta’anitti yaaddaman amanti keessaa isaan baaste. Kana ilaalchisee Imamu Qurxubiin kitaaba isaa “Tazkirah” jedhu keessatti seenaa baay’ee dhiyeesse. Isaan keessaa gabaabbinnaan hanga danda’u nan dhiyeessa:

“Namtichi tokko Misir (Ijiptitti) Masjiida tokko keessatti waggootaa dheeraaf mu’azzina ture. Warra kheeyri fi fooyya’insaatiif fakkeenya ture. Fuula isaa irraa ifa Rabbiif ajajamuu fi ibaadaa ni argita. Guyyaa hundaa azaanuf gara minaaraa olkora (olbaha). Guyyaa tokko minaaraa irraa gara mana kiristaanaa minaaraa masjiidaa jala jiruu ilaale. Ergasii, intala abbaa manichaa arge. Innis ishiidhaan ni qorame. Azaanaa dhiisee gara ishiitti bu’e, manichas ni seene. Intallis ni jetteen: “maal barbaaddaa?” Innis ni jedhe: “Si barbaada.” Ishiinis ni jette: “Maaliif?” Innis ni jedhe: “Ati sammuu kiyya ni saamte, qalbii tiyya guutuu ni fudhatte.” Ishiinis ni jette: “Shakkiif deebii siif hin deebisu.” Innis ni jedhe: “Ani si fuudha.” Ishiinis ni jetteen: “Ati Muslima, ani immoo kiristaana. Abbaan kiyya sitti na hin heerumsiisu.” Innis ni jedhe: “Ani kiristaana ta’a.” Ishiinis ni jette: “Ati yoo hojjatte anis nan hojjadha.” Innis ishii fuudhuf kiristaana ta’e. Ishii waliin mana ture. Fuudhaan dura xaaraa manaa irra bahe. Ergasii achirraa kufee du’e. Ishiis hin arganne, amanti isaas dhabe. Khaatimaa (xumura) badaa irraa Rabbiin nu haa eegu.

Rabbiin rahmata siif haa godhu, dubartii kiristaanatiif jedhee amanti isaa akkamitti akka gurgurate mee ilaali. Miskiina kana mee ilaali, waggoota dheeraaf amanti isaa kan eegu, waggoota kana keessa mallattoo amanti ture. Garuu dhumarratti dubartii kiristaanaa “Rabbiin sadeesso sadeeniiti” jettuuf jedhee ni kufe.

Namni yommuu fedhiin isaa kaka’uu yoo of hin too’atin, qileetti isa kuffisti. Rabbiin rahmata siif haa godhuuti, wal bira qabiinsa namticha kanaa fi nabiyyi Rabbii Yuusuf (aleyh salaam) jidduu jiru mee ilaali. Yoo ilaalte, wanta ajaa’ibaa argita. Akka haati manaa Aziiz Yuusufin qortee dubartiin tuni nafsee ofiitiin namticha kana hin qorre. Niitin Aziiz Yuusufif bakka sagaagalummaa itti raawwatan isaaf laaffisuun sagaaggaalummaa raawwachutti isa waamte. Garuu inni dhiirota dhaadannoo guddaa baadhatan keessaa tokko ture: “Gooftaa kiyya yoo faallesse, adabbii Guyyaa Guddaa sodaadha.” (Suuratu Yuunus 10:15)

Namticha kana nabiyyootaan yommuu wal bira qabu ol guddisuudhaan (exaggeration) akka hin yakkamne. Kana dhiisee mee namticha nabiyyii hin taaneen wal bira haa qabu. Namni kuni Khaalid Miskii oduun isaa beekkamee fi dhimmi isaa faffaca’eedha. Gabaabbinnaan oduun isaa akkana: Khaalid Miskii dargaggeessa bareedaa ture. Garuu nama garmalee Rabbiin sodaatuudha. Wanta ittiin jiraatu hojii fi ifaajee isaatiin argata. Akka nama waa gurguruuf oli gadi naanna’uu meeshaa isaa mataa isaa irratti baadhata. Gaafa tokko dubartiin takka bareedinna isaa garmalee dinqisiifatte. Ergasii waa sirraa bita jettee sababeefachuun gara mana ishiitti isa waamte. Balbaloota manaa cuftee akkana jetteen: yoo [zinaa] natti hin hojjatin namoota fuunduratti si salphisa. Kabaja kiyya narraa mulquu barbaade jechuun si yakka.”

Karaalee baay’ee ittiin ishii jalaa nagaha bahu yommuu dhabu, ishii waliin wali galuu ni fakkeesse. Xurii ofirraa qulqulleessuuf mana fincaani akka seenuu barbaade hayyama ishii gaafate. Ishiinis kanatti gammaddee isaan wali galte. Innis mana fincaani ni seene. Qormaata kana keessaa karaa ittiin bahuu ni soqe. Mala qarummaa fi jabinna iimaanaa isaa agarsiisu tokko ni argate. Malli kunis xurii mul’atuudha (sagaraadha). Garuu Rabbiin faallessu irraa dheessuuf yoo ta’e rakkoo homaatu hin qabu. Qaama isaa sagaraa dibe, fuula isaas ni faale. Foolii ajaa’aa fi argaa fokkuu kan qabu ta’ee gara ishiitti bahe. Yommuu ishiin haala kana irratti isa argitu, akka fokkuu ta’etti ilaalte, akka mana ishiiti bahuus ni ajajje. Innis ishii irraa ni dheesse. Amanti isaa baraaruuf meeshaa isaa ishii biratti gatee biraa deeme. Sababa kanaan, Rabbiin bakka foolii ajaa’aa kana foolii urgaa’a akka shittoo bakka buusef. Namoonni dhufaati isaa fooli isaa urgeefachun beeku. Kanarraa kan ka’e “Khaalid Miski” jechuun waaman. (Miski jechuun shittoo garmalee urgaa’udha.)

Namni yommuu seenaa dargaggeessa mu’minaa kanaati fi dargaggoota Muslimaa yeroo ammaa wal bira qabu sammuun isaa ni dhama’a. Dargaggoonni yeroo ammaa kunniin sodaa tokko malee sagaagalummaa raawwachuuf fageenyaa kilomeetira dheeraa qaxxaamuru, ulfaatinna imalaa baadhatu, qabeenya baay’ee baasu.

Dhuma badaa isaan qunnamu osoo hin sodaatin itti deemu. Akka fakkeenyaatti, dargaggeesi tokko gara Baankok deemee intala gumnaa (sagaagaltu) takka waliin wal bare. Akkuma namtichi niiti isaa waliin ta’u, innis ishii waliin ta’uu jalqabe. Ishii ilaalun itti gammada, ishii waliin haasawuun boohara. Ishii irraa addaan bahuu hin danda’u. Gaafa tokko intalli tuni isatti dhufuu irraa ni barfatte (ni turte). Sammuun isarraa ni deeme, garmalee dhiphate, yeroon isarratti ulfaate. Yommuu ishiin isatti dhuftu, gaddi isaa ni deeme, yaaddon isaa ni saaqame. Qunnamtii sheyxaanni yeroo dheeraaf isaaf karoorsaa tureen ishii qunname. Sababa ishiin dhufteef hamma gammachuu isaa ibsachuuf gabbaramaa ishii taasisuun ishiif sujuude. Garuu—sujuuda dhumaati. (Kana jechuun ishiif sujuude achumaan du’e.) Nama Rabbiif osoo sujuuduu du’ee fi nama dubartii gumnaatiif osoo sujuudu du’ee jidduu garaagarummaa guddaatu jira.

Guduunfaa
Seenaa sadan kanarraa wanta guddaa akka barattan abdiin qaba: Namni jalqabaa fi dhumaa fedhii lubbuutiif jedhee amantii ofii gurguree. Sababa kanaan kufrii irratti du’e. Adabbii gocha kanaa aayah jalqaba irratti kaasne haa yaadannu. Kanaafu, fedhii lubbuutiif jenne xumura keenya balleessu irraa of haa eegnu. Kana caalaa immoo Rabbii olta’aa irraa gargaarsaa fi eeggumsa haa kadhannu.

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 24-27

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota fi Furmaata waliin oduu warra Foyya'insa booda duubatti deebi'anii-Kutaa 5.2
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra duubatti deebi'anii-Kutaa 4

Leave a Reply