Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra duubatti deebi’anii-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Erga fooyya’anii fi Islaama qabatanii booda duubatti deebi’uuf wantoota sababa ta’an ilaallu jalqabnee jirra. Dhugumatti wanti sodaachisaan erga guddatanii booda xiqqaachu, erga kabajamanii booda salphachuu, erga fuulli iimaanaan ife booda kufrii fi ma’asiyaan fokkachuudha. Sababoota kanatti nama geessan keessaa mee muraasa ammas ilaalu itti haa fufnu:

3-Gara Kophaa ta’uutti dabuu
Uumamaanu namni hawaasa waliin jiraachu jaallata, isaanitti boohara. Islaamni haalota garii keessatti kophaa ta’uu jajjabeesse jira. Garuu hundeen walitti makamuu fi waliin jiraachuudha. Imaamu Al-Khaxxaabi kitaaba bareedaa “Al-Uzlah (Kophaa ta’uu)” jedhu qaba. Kophaa ta’uun sababoota nama mucuceessanii fi fooyya’iinsa booda duubatti deebi’an keessaa tokko akka ta’e asitti nan dhiyeessa.

Dargaggeessi yommuu Islaama qabatu nama isa barsiisu, qajeelchu fi tarkaanfi tarkaanfin karaa kanarra akka deemu isa kakaasu isa barbaachisa. dhugumatti kophaa ta’uun karaa Islaama qabachuu irraa dargaggeessa fageessuuf tarkaanfi sheyxaanni fudhatuudha. Gariin namaa yommuu kophaa ta’uu ilaalchisee falmu faaydalee muraasa ni kaa’a. Isaan keessaa: beekumsa barbaadu, nafsee ofii barsiisuu fi qorachuu, nafsee ibaadaa akka amaleefattu gochuu fi kanneen biroo. Garuu namni gadi fageesse yaadu, walitti makamuun beekumsa barbaadu, nafsee ofii leenjisuu fi wantoota armaan olii galmaan gahuuf yeroo qoodu irraa nama hin dhoowwu. Kophummaan balaalefatamee guutumaan guututti namoota irraa addaan cituudha.

Mu’minni namootaan akka walitti makamuu isarraa eeggama. Rasuulli (SAW) sahaabota isaa walitti qabamu (jama’aa ta’utti) ajaja. Kophaa ta’uu fi addaan faffaca’uun sheyxaanaa irraa akka ta’e isaaniif ibse. Abu Sa’alabah Khushani akkana jedha: Yommuu namoonni bakka wayii qubatan, sholoqoo (huuraa) fi sulula keessatti addaan faffaca’u. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Sholoqoo fi sulula kana keessatti faffaca’uun keessan sheyxaana irraayyi.” Kana booda namoonni bakka kamiyyuu hin qubannee walitti kan dabalaman yoo ta’an malee. Hanga akkana jedhamutti: osoo uffanni diriirfamee isaan hundaa ni haguugaa ture.” Sunan Abi Daawud 2628

Namni yommuu maatii fi hiriyyoota isaa irraa kophaatti bahu, haala salphaan kan adamfamuu fi dogongora keesatti kufuu ta’a. saniifi Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Jeedalli hoolaa addatti baate qofa nyaatti.” Sunan An-Nisaa’i-847 (Akkuma kana sheyxaannis nama jama’aa irraa kophaatti bahe jallisa. Sheyxaanni akka jeedalaati.)

Kanaaf, dargaggoota nan akeekachiisa, akkanas isaaniin jedha: gowwoomsaa fi waswasaa (hasaasa) sheyxaanaa irraa of eeggadhaa. Namoota isiniin dura darban irraa barnoota fudhaa.

Namni yommu hiriyyoota isaa irraa adda bahu addummeen (loneliness) isatti dhagahama. Nafseen isaa walitti makamu akka barbaaddu ni arga. Beekumsa barbaaduu fi ibaadaa gochuu sababeefachuun hiriyyoota gaggaarii duraan addaan bahetti deebi’uuf ni dharra’a. Ergasii mala yommuu dhabu hiriyyoota babbadootti deebi’a.

Kophummaan badii balaa baay’ee qabu fi namni shakkii fi fedhii lubbuutti akka kufuuf sheyxaanaaf karaa kan banuudha. (Yommuu kophaa ta’an hasaasni sheyxaanaa namatti baay’ata. Kana hubachuuf yommuu jama’aan salaattu fi addatti salaattu itti xinxalli. Yommuu jama’aan salaattu, hasaasni (waswasaan) sheyxaanaa ni hir’ata. Yommuu kophaa salaattu immoo sitti baay’ata. Hanga raka’aa meeqa akka salaatte dagattu geessutti sitti wasawasa.)

Seenaa

Shakkii hin qabu kophaa ta’uun sadarkaalee qaba. Tarii hundarra badaan maatii fi firoota irraa fagaachudha. Seenaa dargaggeessa tokkoo waggaa kudha sadii dura argame asitti nan kaasa. Dargaggeessi kuni miseensa maatii badhaadhinna qabu irraa kan ta’eedha. Warri kheyri mallattoo gaarummaa isarraa ni argan. Isaanitti akka dabalamuus isa ni gaafatan. Garuu abbaan isaa kanarraa isa dhoowwe. Kadhaa cimaa boodaa abbaan isaaniin wali gale. Osoo yeroon dheeraan hin darbin yoosu ifni iimaanaa jireenya dargaggeessa kanaa irraa mul’achuu eegale. Garuu yeroo muraasan booda dargaggeesi kuni maatiin marfamuun isaa Islaama qabachu irratti akka isa hin gargaarretti itti dhagahame. Kanaafu, mana abbaa isaa keessatti kophaatti adda bahuu murteesse. Garuu jireenya kanarratti obsuu hin dandeenye. Kanaafu, gara maatiitti deebi’u ni murteesse. Haa ta’uu malee, ma’asiyaa fi badii isaanii waliin hirmaachuun isaanitti makame.

Jalqabuma irratti maatii irraa kophatti bahuu dhiisee isaan fooyyessuun, waan gaariitti ajajuu fi badii irraa dhoowwun isaaf hin wayyu turee? Gargaarsi Rabbuma irraa barbaadama.


Sababoota fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa:

1.Du’aayitti xiyyeefannoo kennuu dhiisu
2-Rabbii olta’aa irraa qajeelcha kadhachuu dhiisuu
3-Gara Kophaa ta’uutti dabuu
4-Sababa kana kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla. In sha Allah

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 21-23

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu Warra fooyya'iinsa booda Duubatti deebi'anii-Kutaa 5.1
Sababootaa fi Furmaata waliin oduu warra duubatti deebi'anii-Kutaa-3
Offline dubbisuf

Leave a Reply