Sababoota fi Furmaata waliin oduu warra Foyya’insa booda duubatti deebi’anii-Kutaa 5.2

Kutaa darbe keessatti shahwaa (fedhii lubbuu) hordofuun sababoota erga fooyya’anii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa tokko ta’u ilaalle jirra. Namni fedhii lubbuu keessumayyu fedhii saalaa yoo hordofe, fedhii isaatiif hidhamaa ta’a. Har’as itti fufuun fedhii lubbuu daangaa dabarsanii hordofuun khaatimaa (xumura) badaatti akka nama geessu seenaa waliin ni ilaalla.

Kutaa kana keessatti wanta dubbatamu qabu keessaa tokko, namtichi tokko mana isaa cinaa dhaabbachaa ture. Ergasii dubartiin bareeddun takka isa biraan dabarte. Akkana isaan jette: karaan gara Hammaama Munjaab nama geessu kamii?” Innis gara balbala mana isaatti akeekuun, “Kuni hammaama Munjaabi” jedhe. Balballi manaa isa kuni balbala hammaama fakkaata ture. Dubarri tunis mana isaa kana ni seente. Innis ishii duuban itti seene. Mana isaatti yommuu of argituu fi akka ishii gowwoomse yommuu beektu, isa waliin wal qunnamu ishiitiif akka gammaddetti fakkeessite. Akkana isaan jette: wanti jireenyi teenya ittiin toltuu fi ijji teenya itti gammaddu nu waliin jiraachu wayya.

Innis ni jedhe: Sa’aati takkaaf turi. Wanta feetuu fi hawwitu hunda siif fida.” Inni osoo balbala manaa ishiitti hin cufin banaa godhee biraa bahe. Wanta ishiin jette fidee deebi’e. Garuu ishiin baatee jalaa sokkitee.

Ergasii namtichi jaalala ishiitiin ni dhama’e, ishii yaadachuu fi faarsu ni baay’isee. Karaalee keessa deemaa akkana jedha:
Yaa Rabbi! Ishiin dadhabdee osoo jirtuu gaafa tokko ni jettee
Karaan Hammaama Munjaabitti nama geessu kamii?

Guyyaa tokko osoo inni dubbii armaan olii kana jedhu intala akkana jettu dhagayee:
Yommuu ishii argattu daddaftee
Mana irratti waardiyaa yookiin balbala irratti cufaa hin gootu turtee?

Ergasii jaalalli inni ishiif qabu garmalee dabalee, isatti cime. Hanga walaloon kuni yeroo du’a isaa dubbii isa dhumaa ta’uutti. (Walaloo kana osoo jedhu du’e).

Muslima addunyaa irraa yommuu boqatu dubbiin isaa dhumaa shahaadah “Laa ilaah illallah” ta’uu qabu irraa akkamitti kuni malaafi? Addunyaa irraa dubbiin isaa dhumaa akkamitti tapha faaydi hin qabnee, walaloo jaalalaati fi Rabbiitti waa qindeessu (shirkii) ta’aa? “Ilaalchi xiyyoota sheyxaanaa irraa xiyya summeefamteedha.” Kanaafu, ilaalchi ijaa hundee musiibaa wali galaa namootatti bu’aniiti.

Ibn Al-Qayyim ni jedha: ilaalchi yaada dhala, yaanni immoo fedhii dhala, ergasii fedhiin ijjannoo cimaa dhalti.
Taaten hundi jalqabni ishii ilaalcha irraayyii
Guddinni ibiddaa qaanqe akka xiqqootti ilaallamtu irraayyii
Ilaalcha meeqatu qalbii abbichaa gahee
Akkuma xiyyi funyoo fi qaawsi jidduu gahee
Gabrichi ija isaa gaggaragalchuu kan itti fufuu yoo ta’ee
Ija namoota keessatti balaa irra kan dhaabbatuudhaa
Fedhiin lubbuu qalbii namaa irratti dhiibbaa guddaa fiddi
Hidhamaa hawwiitii fi jaalalaan kan dararamu isa taasisti
Nama jaalalaan qabamee caalaa namni dararamaan hin jiruu
Wanta hunda caalaa fedhii mi’aawa ta’ee osoo argateeyyuu
Yeroo hundaa kan booyu ta’ee argitaa
Addaan bahuu sodaachuun yookiin wal qunnamtiif yaadda’un

Kuni dhuma namoota akkanaa irraa eeggamuudha. Akkuma Sheykhul Islaam ibn Taymiyaan jedhe: “Namni Rabbiin ala wanta biraa jaallate wanta kanaan azzabama (adabama).

Kutaa fedhii keessatti wanta kaafamu keessaa tokko namtichi tokko shamara kiristaanaa takka jaallate. Namni kuni Qur’aana kan haffaze ture. Ergasii shamara tanaaf jedhee kiristaanaa ta’ee ishii fuudhee. Yeroo muraasan booda hiriyyoonni isaa duraanii isa qunnamuun akkana isaan jedhan: Yaa eebalu maal taate?” Innis ni jedhe: Kiristaana ta’e. Isaanis ni jedhan: Qur’aanni ati haffazte hoo maal ta’ee?” Innis ni jedhe: Aayah takkatti malee dagadhee jira. Aayan sunis:

15:2

“[Guyyaa Qiyaamaa] Warri kafaran osoo Muslimoota ta’anii jaallatu.” Suuratu Al-Hijr 15:2

Fedhii lubbuu fi hawwiif harka kennuu irraa bu’aa badaa kana mee ilaalaa. Akkamitti amanti kana irraa addaan bahuutti abbicha geessee!

Ani yommuu mata-duree kana ilaalchisee dubbadhu, balaa isaa guddaa waan ta’eef dubbadha. Kana waliinu dargaggoonni dantaa itti kennaa hin jiran. Fedhii lubbuu guuttachuu fi ilaalcha akka salphaatti ilaalu. Tarii yeroo ammaa sababni guddaan fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’an nama taasisu meeshaalee teknolojii fi wanta inni facaasu kan namoonni ittiin qoramaniidha. Amma meeshaalee teknolojii sanniin keessaa meeshaa tokko irraa dubbadha. Innis: Diishii (In sha Allah Kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla).

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 29-….

Diishii
Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu Warra fooyya'iinsa booda Duubatti deebi'anii-Kutaa 5.1

Leave a Reply