Diishii

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti sababoota erga fooyya’anii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa tokko fedhii lubbuu hordofuu akka ta’e ilaalle jirra. Wanta fedhii lubbuu daangaa darbe akka hordofan nama taasisan keessaa tokko: wanta ijaan ilaalaniidha. Namni haraama yoo ilaale, keessi isaa ni gubata, erga fooyya’e booda duubatti deebi’a. Meeshaaleen teknolojii yeroo ammaa balbala haraamaa daran bal’isanii jiru. Meeshaalee kanniin keessaa diishiin ni eerama. Diishiin wanta golboo fi adii ta’e ala ykn xaaraa manaa irra godhamuun TV ittiin ilaalaniidha.

Meeshaan kuni (diishin) musiibaa hundarra guddaa ummanni Islaamaa itti qorame keessa tokko akka ta’etti ilaallama. Meeshaan kuni namoonni baay’een fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’aniif sababa ta’eera. Sheyxaanni diishiin kuni mana keessa akka seenuuf karaalee baay’eetti fayyadama. Gama oduutiin isarraa akka fayyadaman itti mul’isuun jalqaba. Wanti ani jala muree dubbadhu, namoonni meeshaa kana manatti galchan gama kana (kana jechuun gama oduu dhageefachuu) xiyyeefannoo homaatu itti hin kennan.

Balaan meeshaa kanaa wanta warri chaanalii facaasan irraa kan madduudha. Wanti isaan facaasan wanta fedhii saalaa kakaasuu fi fiilmi gadi bu’aa fedhii lubbuu dhokataa sochoosudha. Sababa kanaan namoonni fiilmi kana ilaalan fedhii isaaniitiif hidhamtoota ta’an. Ajaja Rabbii “Ija gadi qabadhaa” jedhuuf hin bulan. Akka ajajni kuni isaan hin ilaallannetti fi isaaniin ala nama biraa akka ilaallatu gochuun yaadu. Dargaggeessa meeqatu masjiida keessatti I’itikaafa kan taa’uu turee ergasii meeshaa khabiisa (diishii) kana biratti I’itikaafa kan taa’uu ta’e.

Namoonni kunniin dhuma ilaalchaa osoo itti yaadanii, silaa kana hin hojjatanii turan. Rabbiin olta’aan akkana jedha:

24:30

“Ija isaanii akka gadi qabatanii fi qaama saalaa isaanii akka eegan mu’mintootatti (warroota amananitti) himi. Santu isaaniif irra qulqulluudha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiiti.” Suuraa An-Nuur 24:30 

Hadiisa keessatti akkana jedhuun dhufee jira: “Ilaalcha tokko booda ilaalcha biraa of eeggadhu.”

Sahiih Muslim keessatti akka dhufeetti Jariir ibn Abdullah ni jedha: Ilaalcha tasaa ilaalchisee Ergamaa Rabbii (SAW) nan gaafadhe. Ija kiyyas akka irraa garagalchuu na ajaje.”

Obboleyyan kiyyaan akkana jedha: dhugumatti mu’minni dhugaa ta’e, daliilaa(ragaa) fi dhoowwan yoo isatti dhufe, wanta badaa irraa ni deebi’a. Meeshaan kuni namoota gurguddoo gara ijjoolleetti jijjiree, akkasumas, namoota Islaama qabatan garii duubatti akka deebi’an isaan taasisee jira. Dargaggeessa toltuu fi taqwaa irratti nu waliin ture tokko nan beeka. Nama daa’iwwaniif fakkeenya ta’uu fi kitaaba Gooftaa isaa (Qur’aana) haffazuuf wanta danda’e hunda godhuudha. Yeroo isaas kan karoorsu ture. Halkan salaataa bula, guyyaa soomaa oola. Tasa meeshaan kabiisni (diishiin) kuni mana isaa keessa ni seene. Dhoowwuf ni carraaqe. Garuu tooftaan isaa xiqqaachuu fi maatii isaa biratti dadhabaa ta’uu irraa kan ka’e dhoowwu hin dandeenye. Guyyoonni darbuu waliin meeshaan kuni gara wanta badaatti isa masake. Sheyxaanni akkana isaan jedhe: meeshaa (diishii) kana keessa wanta gaarii fi faayda qabutu jira. Wanta si fayyadu fudhuu wanta si hin fayyanne dhiisi.” Shakkii baay’ee booda meeshaa kana ni bane. Wanti inni arge isa gowwoomsun itti rakkate ilaalee. Yeroo kanarraa jalqabee meeshaa kana irraa addaan bahuu hin dandeenye. Meeshaan kuni halkan taa’e akka buluu fi salaata jama’aa akka dhiisu isa taasise. Yeroo filmiin hin jirreetti mana isaatti salaata kan salaatu ta’e. Haala isaa kana dhaabu hin dhiisne. Mataa keenyaa fi isaaf qajeelcha Rabbiin irraa kadhanna.

Dargageessi biraa tokko Qur’aana kan haffaze ture. Innis akkuma kana meeshaa kanaaf hidhama ta’ee hafe. Ergasii warra gaggaarii irraa addaan bahe. Gargaarsi Rabbiin irraa barbaadama.

Kitaabni kuni maxxanfamuun dura hiriyyaan kiyya tokko naaf bilbilee akkana naan jedhe: haalli ammaa baay’ee badaadha. Namoonni sababa meeshaa kanaatin fooyya’iinsa booda duubatti deebi’an guyyaa guyyaan dabalaa jiru. ergasii fakkeenya naaf dhiyeesse. Ergasii jecha Rabbii olta’aa kana nan yaadadhe:

Isin fattanuuf (qormaatuuf) sharrii fi kheeyriin isin qorra. Garuma Keenya deebifamtu.” Suuratu Al-Anbiyah 21:35

Anis ni jedhe:  Shakkii hin qabu dhugumatti kuni qormaata. Kanaafu, dirqamni nurra jiru gorsaa fi yaadachiisa. Rabbiin wanta fedhe hojjata.

Dhugumatti dhimmichi baay’ee balaa guddaa kan qabuudha. Ija namoota keessatti laaffisuu hin qabnu. Fedhii saalaa kakaasu, yeroo gubuu fi obboleeyyan addaan baasu irraa wanta meeshaan kuni baadhatu isaan yaadachiisu qabna. Garuu dhumti isaa maalidhaa?
Mi’aan qulqulluun namni argate ni dhumataa
Haraamaan yoo ta’e immoo dilii fi salphinnatu hafaa

Xumura ishii irratti bu’aa badaa dhiistii
Mi’aa boodden ishii ibidda ta’ee kheeyrin keessa hin jiru.”

“Laa kheyra fii lazzatiin min ba’adiha naaru” (Mi’aa boodden ishii ibidda ta’ee kheeyrin keessa hin jiru.) Kana jechuun badii haraamaa hojjachuun yeroo muraasaaf mi’aa argatan. Garuu mi’aan kuni darbuun adabbii fi salphinnatu hafa. Mi’aa akkanaa keessa kheeyrin homaatu hin jiru. Kanaafu, haraama keessa kheeyrin waan hin jirreef irraa fagaachu barbaachisa.Yoo dogongoranii itti lixan immoo, dafanii tawbachuun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii baay’isuun, adabbii fi salphinnaa kana ofirraa deebisuun ni danda’ama.)

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 36-39

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata walıın oduu warra duubatti deebi'anii-Kutaa 6
Sababoota fi Furmaata waliin oduu warra Foyya'insa booda duubatti deebi'anii-Kutaa 5.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply