SABABA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA DUUBATTI DEEBI’ANII-KUTAA 13.1

Assalamu aleykum wa rahmatullahi wabarakaatuh. Ji’a tokko oliif erga addaan banne booda kunoo walitti dachaane. Qormaata addunyaa tokko waliin osoo wal’aanso baanu addaan fagaanne. Amma qajeelotti mata-duree keenyatti seenna.

14-Amanti keessatti daangaa darbuu fi wanta nafseen hin dandeenye itti fe’uu

Wantoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa tokko: Amanti keessatti daangaa darbuu fi wanta nafseen hin dandeenye irra kaa’uudha. Namni uumamaan dandeetti daangeefamaa qaba. Kanaafu, daangaa kana darbuu hin qabu. Ta’uu baannan kufaatiif saaxilama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaaba Isaa keessatti aayah baay’ee keessatti daangaa darbuu irraa dhoowwe jira. abbooti kitaaba (Yahuudotaa fi Kiristaanota) daangaa darbuu irraa ni akeekachiise. Ni jedha:

5:77

“Jedhi, “Yaa warra kitaabaa! Amantii keessan keessatti dhugaan ala daangaa hin darbinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii darbanii, namoota heddus jallisanii fi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa.” Suuratu Al-Maa’idah 5:77

Kiristaanota biratti jallinni kan mul’ateef sababa isaan daangaa darbuu irraa kan ka`e amanti isaanii keessatti wanta haarawa uumaniifi. Ustaaz Muhammad Xaahaa Aashura kitaaba isaa Maqaasida Sharii’ati jedhu keessatti kitaaba Shekh Abdurahmaan Laweyhiq “Amanti Keessatti Daangaa darbuu” jedhu irraa akkana jechuun dabarse: Keeyyattonni kunniin jalqaba irratti warra kitaabatiin wal haa qabataniyyu malee wanti isaan irraa barbaadamee: sababa ummattoota darban dallansuu Rabbiitti geesse irraa akka of eeganiif ummata kana ittiin gorsuufi.”

Namoonni gariin akkana jechuun of gaafachuu danda’u: sila daangaa darbuun kuni kiristaanota irratti daangefamaa?” Gaafi kana sheykhul Islaam ibn Taymiyah kitaaba Iqtidaa’u Siraaxal Mustaqiim jedhu keessatti deebii deebisa: gareewwan biroo caalaa kiristaanonni amantii fi hojiidhaan baay’isanii daangaa darbu. Amanti keessatti daangaa darbuu irraa Rabbiin isaan dhoowwe.”

Kanaafi, akka Muslimoonni wanta ummattoonni darban itti kufanitti hin kufneef Ergamaan Rabbii (SAW) ummata isaa daangaa darbuu irraa dhoowwe. Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) akkana jedha: ganama Aqabah Ergamaan Rabbii (SAW) osoo geejjiba isaanii irra jiranu akkana naan jedhan: “Cirracha muraasa naaf fidi.” Anis cirrachoota hanga firii teemiraa ykn fiixee qubbiinii gahan funaaneef. Yommuu harka isaa keessa kaa’u akkana jedhe: Eeyyen kan akkanaa. Amanti keessatti daangaa darbuu irraa of eeggadhaa. Dhugumatti, wanti namoota isiniin duraa balleessee amanti keessatti daangaa darbuudha.” An-Nasaa’i 3057

Kunoo kuni Nabiyyii keenya (SAW) xumura warra daangaa darbanii nuuf ibsa. Gahuumsi isaanii gara badiiti. Inumaa, kana si’a sadii deddeebisee dubbata. Muslim ibn Mas’uud (radiyallahu anhu) irraa akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:

 أَلاَ هَلَكَ الْمُتَنَطِّعُونَ ‏”‏ ‏.‏ ثَلاَثَ مَرَّاتٍ ‏.‏

“Dhagayaa! Warri daangaa darban badan!” (Si’a sadii) Sunan Abi Daawud 4608, Sahiih Muslim 2670

Kanaan wal qabsiisee An-Nawawiin ni jedha: mutanaxxi’uun jechuun warra wanta tokkotti garmalee lixan, dubbii fi hojii isaanii keessatti daangaa darbaniidha.

Kunoo Nabiyyiin (SAW) ummata isaa garmalee jabeessu akka hin qabne isaaniitti hima: Ofirratti hin jabeessinaa Rabbiin isin irratti jabeessati. Dhugumatti namoonni ofirratti jabeessanii Rabbiin isaan irratti jabeesse. Kunniin gadaamoo fi manneen keessatti haftee isaaniiti. Ergasii aayah tana ni qara’e: “Moloksummaas ni eegalan. Jaalala Rabbii barbaadu malee isaan irratti [moloksummaa] hin katabne.” Suuratu Al-Hadiid 57:27[1]

Nafsee irratti jabeessun fakkeenyoota daangaa darbuu keessaa tokkoodha. Dhumti abbichaa addaan kutuu ta’a. Sababni isaas, namni amanti ofirratti jabeesse amantin isa moo’ata. Kuni shakkii hin qabu. Abu Hureeyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti, Amantiin kuni salphaadha. Eenyullee amanti ofirratti hin jabeessu, kan isa moo’atu yoo ta’ee malee. Sirraa’aa, dhiyaadhaa, gammadaa, ganamaan, waaree boodaa fi halkan dhumaa irraa hanga ta’e ibaadaa gochuun gargaarsa barbaadaa.Sahih al-Bukhari 39

Kanaan wal-qabsiisuun Haafiz ibn Hajar akkana jedhe: hiikni kanaa namni hojii amanti keessatti garmalee gadi lixu, haala madaallamaan qabachuu dhiise, kan dadhabuu fi addaan kutee ta`ee moo’atama.

Rasuulli (SAW) oduun sahaabota isaa garii irraa isa dhaqqabeen keessi isaa ni tuqame. Anas irraa akka gabaafametti, akkana jedha: Namoonni sadii gara manneen haadholii manaa Nabiyyii (SAW) dhufuun ibaadaa isaa ilaalchisee gaafatan. Yommuu isaanitti beeksifamu, ibaadaa isaanii akka xiqqaatti ilaaluun akkana jedhan: “Nuti Ergamaa Rabbii (SAW) irraa eessa jirraa? Zanbii isaa irraa wanta darbee fi wanta duubatti hafee Rabbiin isaaf araarame jira. Isaan keessaa tokko akkana jedhe: Ani yeroo hundaa halkan salaataa bula.” Kan biraas ni jedhe: “Ani jireenya guutuu nan sooma, sooma hin hiiku.” Kan biraas ni jedhe: Ani Dubartoota irraa addaan baha. Gonkumaa hin fuudhu.”

Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) dhufuun akkana jedhan: Kan akkana akkana jedhe isinii? Dhugumatti, ani hunda keessan caalaa Rabbiin kan sodaatuu fi eeggatuudha. Garuu nan sooma, nan hiika. Nan salaata, nan ciisa. Dubartoota nan fuudha. Namni Sunnah kiyya irraa garagale inni narraa miti.” Sahiih Al-Bukhaari- 5063

Bukharai fi Muslim Anas irra akka gabaasanitti, Anas ni jedha: Ergamaan Rabbii (SAW) masjiida seenanii funyoo (tushaa) utubaalee lama jidduutti rarrafamee argan. Ergasii ni jedhan: “Tushaan kuni maalidhaa?” Namoonnis ni jedhan: “Kuni tushaa Zaynabi. Yommuu dadhabdu, [salaataaf dhaabbachuu itti fufuuf] tushaa kana qabatti.” Ergasii Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Lakki. Hiikaa. Tokkoon keessan nashaaxa isaatiin haa salaatu. Yommuu dadhabu immoo haa taa’u.” Sahiih Al-Bukhaari 1150

Hadiisa kanaan wal-qabsiisee ibn Hajar akkana jedha: hadiisa kana keessa ibaadaa keessatti madaallama ta’uutti kakaasu fi isa keessatti garmalee lixuu irraa dhoowwutu jira.


[1] https://sunnah.com/abudawud:4904
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula113-115

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 13.2
SABABA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA DUUBATTI DEEBI'ANII-KUTAA 12.2

Leave a Reply