SABABA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA DUUBATTI DEEBI’ANII-KUTAA 12.2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti sababoota erga Islaama qabatanii booda duubatti nama deebisan keessaa tokko godaansa dhiisu akka ta’e ilaalle jirra.

Hijraa (Godaansa) ilaalchisee dubbii warra beekumsa qabanii:
Biyya kufrii keessaa gara biyya Islaamatti godaanuun dirqama ta’uun isaa Qur’aanaa fi sunnaan kan mirkanaa’edha. Ijmaa’a (wali-galte Muslimoota) ilaalchisee immoo hafiz ibn Kasiir yommuu aayah 97ffaa Suuratu An-Nisaa fassaru (ibsuu) dubbate jira.

Ibn Al-Qayyim kitaaba isaa Az-Zaad jedhamu keessatti akkana jedhe: Muslimni godaanu yoo danda’e mushrikoota jidduu turuu irraa Ergamaan Rabbii (SAW) dhoowwanii jiru.

Ibn Hajar ni jedha: Jalqaba Islaamaa irratti hijraan nama sallame (Islaamatti seenu) irratti dirqama ture. Sababni isaas, Madiinaa keessatti baay’inni Muslimootaa xiqqaa waan tureef bakka tokkotti walitti qabamuun ni barbaachise. Yommuu Makkaan banamtu, namoonni diinii Rabbii keessa garee gareen ni seenan. Kanaafu, dirqamni Makkaa irraa gara Madiinaatti godaanu ni hafe. Garuu qabsoon (jihaanni) fi niyyaan nama isaan dhaabbatee ykn diinni isatti dhufe irratti dirqama ta’uu itti fufee jira. Iccitiin nama sallame irratti godaansi dirqama ta’uu keessa jiru, kaafira isa rakkisu jalaa nagaha akka bahuufi. Kaafironni isaan keessaa nama Islaamatti seene akka amanti isaaniitti deebi’uuf ni rakkisuu turan. Namoota akkanaa ilaalchisee jechi Rabbii olta’aa kuni bu’e: “Dhugumatti warri osoo of miidhanu lubbuu isaanii malaykoonni fudhatan…”

Godaansi kuni nama biyya kufrii keessatti Islaamatti seenee fi achi keessaa bahu danda’u irratti murtiin isaa dirqama ta’uun itti fufa.

Ibn Arabiin ni jedha: Hijraa (godaansa) jechuun biyya lolaa (kufrii) keessaa gara biyya Islaamaatti bahuudha. Gadaa Nabiyyii (SAW) keessa fardii (dirqama) ture. Isa boodas nama nafsee ofii irratti sodaatef godaansi itti fufe. Godaansi addaan cite bakka Nabiyyiin (SAW) jiru deemuuf niyyachuudha. (Nabiyyiin (SAW) waan du’aniif isaan bira deemuuf godaanun dhaabbate jira. Garuu amantii fi nafsee ofii irratti yoo sodaatan gara biyya biraatti godaanun dirqama ta’ee itti fufa.)

 Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota godaanan faarsee jira:

4:100

“Namni karaa Rabbii keessatti godaane, dachii keessatti iddoo godaansaa baay’ee fi bal’inna argata. Namni mana isaa keessaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaatti godaanuuf bahee ergasii duuti isa dhaqqabde, mindaan isaa Rabbiin biratti mirkanaa’e jira. Rabbiin Araaramaa, Rahmataa godhaadha.” Suuratu An-Nisaa 4:100

Karaa Rabbii keessatti godaanu jechuun diinii (amantii) Rabbiitiif jedhanii godaanudha.[1] Karaa Rabbii keessatti godaanuun waa lama of keessatti qabata: Ikhlaasaa fi shari’aa hordofuu. Sababni isaas, namni Rabbiin ala wanta biraa niyyate, karaa Rabbii keessatti godaanaa hin jiru. Itti aanse, akkaataa shari’aan ajajuun godaanu qaba. Wanta shari’aa faallessu hojjachuu hin qabu.

 “dachii keessatti iddoo godaansaa baay’ee fi bal’inna argata.” Kana jechuun dachii keessatti iddoo itti deemuu fi jijjiramuu baay’ee argata. Akkasumas, rizqii bal’oo, iddoo bal’aa amanti isaa nagahaan itti gaggeessuu fi qomni isaa itti bal’atu argata. Yommuu Muslimni kaafirotaan hacuucamu, wanti hundi isatti dhiphata. Yommuu godaanu immoo wanti hunduu isaaf bal’ata.  Kanaafu, namni karaa Rabbii keessatti godaanu, “Ani biyya kiyya gadi lakkisee eessaa nyaadhee dhugaa?” jechuu hin qabu. Bakka deemutti rizqiin isaaf bal’atti waan ta’eef. Ammas yommuu godaanu amanti keessatti bal’inna argata. Sababni isaas, bakka godaanetti eenyullee isa fuundara dhaabbachuun amanti isaa keessatti isarratti hin dhiphisu. Qomni isaas ni bal’ata. Sababni isaas, yommuu biyya shirkii keessa jiru san kan hudhamu fi itti dhiphifamu ture. Amma immoo bilisoomee fi gadi furame jira.

“Namni mana isaa keessaa gara Rabbii fi Ergamaa Isaatti godaanuuf bahee…” gara Rabbii ikhlaasan godaana, gara Ergamaa immoo hordofuun godaana. Gara Rabbii godaanu kan barbaaduuf shari’aa Isaa gadi dhaabuufi. Gara Ergamaa Isaa (SAW) immoo isa hordofuuf, akkasumas isa gargaaruuf godaana.[2]

Ibn Kasiir ni jedha: Aayah tana keessa mushrikoota irraa addaan bahuun godaanutti kakaasutu jira. Mu’minni bakka kamiyyu deemu iddoo baqanna ittiin of eegu ni argata.

Hubachiisaa garmalee barbaachisaa ta’ee:
Aayaan tuni biyya ofii keessaa bahuun biyya amanti ofii nagahaan itti gaggeessanitti bahuu tan kakaastu erga taate, kana caalaa namni maatii isaatiin rakkifamee amanti isaa hordofuu hin dandeenye, mana gadi lakkisee isaan irraa jijjiramu qaba.

Nama warri isaa akka Islaama hin hordofneef wanta hunda godhan nan beeka. Isaan waliin jiraachuun karaa ittiin duubatti deebi’u ta’e. Inni kana hunda waliinu isaan irratti dhiibbaa kan hin geessine ta’uu isaa osoo beeku isaan irraa addaan bahuu ni dida. Inumaa Islaama hordofuu itti fufuu hin dandeenye. Kuni akkamitti ta’a! osoo dhimmichi kana caalaa cimaa ta’ee hoo maal godhaa? Dhimmi cimaan kunis qabeenyaa fi maatii ofii wareeganii biyya ofii gadi lakkisuudha. Yaa Rabbii, Gooftaa aalamaa taate hoo! Jecha gadi dhaabbattuun gadi nu dhaabi.



[1] Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-5/180
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nisaa, jiildi-2, fuula 124-126, Ibn Useymiin
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula 109-112

Print Friendly, PDF & Email
Sababa fi Furmaata Waliin Oduu Warra duubatti deebi'anii-kutaa 12.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply