Maalummaan Israa’el Qur’aanan Yommuu Ibsamu

Isra’el akka lakkoofsa Awrooppa bara 1948 erga hundeefamte jalqabee, balleessaa fi hacuuccaan raawwattu xiqqaa miti. Guyyaa guyyaan cunqursaa fi hacuuccaan isaanii dabalaa adeemee jira. Tarii namni gariin, “Sila Rabbiin olta’aan badii isaanii kana hin dhabsiisuu?” jechuun yaadu danda’a. Eeti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaafu hammaa fi yeroo murtaa’aa kaa’e jira. Yeroon murtaa’e yoo dhufe wanti suni duubatis hin harkifatu, durattis hin darbu. Kuni seera Isaa hin jijjiramneedha. Qur’aana keessatti:

7:34

“Ummata hundaafu yeroo murtaa’etu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe, sa’aati takkaaf duubatti hin hafan, duras hin darban.” Suuratu Al-A’araaf 7:34

Ummanni Rabbiitti kafaruu fi Ergamtoota Isaa kijibsiisuu irratti wali galan hundaaf yeroo adabbiin isaanitti bu’uutu jira. Yommuu yeroon Rabbiin isaan balleessuuf itti murteesse dhufe, sa’aati takkaaf hin turan, duras hin darban.[1] Yeroon murtaa’e yommuu gahu addunyaa keessa sa’aati takkaaf turuu hin danda’an. Ammas, yeroo murtaa’e kana sa’aati takkaaf ariifachiisuu hin danda’an, yeroon gahuun dura hin badan.

Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Isra’eliif yeroo murtaa’a kaa’efi jira. Yeroon suni dhufuun dura hin badan. Yeroon suni yoo dhufes addunyaa keessa turu hin danda’an. Kuni seera Isaa hin jijjiramne ummata daangaa darban hunda keessatti hojjatuudha. Fira’awni garmalee daangaa darbe, daa’imman haarawa dhalatan ni fixa, ani gooftadha jechuun dachii irratti of tuule. Garuu Rabbiin akkasumatti isa dhiisee jiraa? Gonkumaa hin dhiisne. Yeroo isaaf murteesse. Beellamni yommuu dhufu, Fira’awni fi ummanni isaa ni badan. Namoota biroo daangaa darbanis haaluma kanaan ilaalu dandeenya.

Qur’aana keessatti haala Yahuudotaa dubbachuu

Isra’eli amma arginu Yahuudota. Seena keessatti dharri fi sharriin yahuudota hangana hin jedhamu. Qur’aanni amalaa fi haala Yahuudotaa ifaan ifatti dubbata. Kana qorachuun keenya yaqiina (mirkaneefannaa) keenya dabala. Aayaata hunda asitti dhiyeessuuf barreefama waan dheeressuuf aayata muraasa haala ammaa waliin wal qabatan mee haa ilaallu.

 “Yahuudonni, “Harki Rabbii hidhamaadha.” Jette. Harki isaanii hidhame, wanta jedhaniif abaarramanii jiru. Kana irra, harki Isaa lamaanu diriiroodha, akka fedhetti arjooma. Dhugumatti, wanti gara keetti buufame baay’ee isaaniitiif daangaa darbuu fi kufrii dabala. Hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan jidduutti diinummaa fi jibbummaa darbine. Akkuma ibidda waraanaa qabsiisaniin, Rabbiin ni dhaamsa. Isaan dachii keessa fasaada (balleessaa, badii) facaasuf fiigu. Rabbiin balleessitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-Maa’idah 5:64

Harki Rabbii hidhamaadha jechuun isaanii Rabbiin doy’a, waan gaarii Isa bira jiru hin arjoomu jechuu isaaniti. Rabbiin wanta isaan jedhan irraa qulqullaa’e olta’e. Kan hidhame harka isaaniti. Kana jechuun doy’i waan gaarii hin kenninee yahuudota. Kanaafu, namoota hunda caalaa garmalee doy’a kan ta’ee Yahuudota. Isaan wanta jedhan kanaaf abaarramanii jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Harki Isaa lamaan diriiroodha, akka fedhetti arjooma. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gareen Yahuuda hanga Guyyaa Qiyaamaa gariin garii akka jibbuu, gariin gariif diina akka ta’u beeksiisa. Haala tokko irratti walii hin galan. Akkuma Yahuudonni ibidda waraanaa kaasu barbaadanii fi qabsiisaniin, Rabbiin ibidda waraanaa kana ni dhaamsa. (Hanga ammaatti yahuudonni ibidda waraana Gaazatti ni qabsiisu, ergasii Rabbiin haala kamiinu ibiddi waraana kuni akka dhaamu taasisa.)

Yahuudonni namoota hunda caalaa dachii keessatti balleessaa fi badii babal’isuuf carraaqu. Rabbiin namoota badii fi balleessaa raawwatan hin jaallatu.

Rabbiin irraa waadaa ta’ee fi waadaa namoota irraa ta’een malee bakka itti argaman kamittu salphinni isaan irra kaa’ame. Rabbiin irraa dallansuun deebi’an, hiyyummaanis isaan irra kaa’ame. Kunis sababa isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa fi nabiiyyoota haqa malee ajjeesaa turaniifi. Kuni sababa isaan [ajaja Rabbii] faallessanii fi daangaa darbaa turaniifi.” Suuratu Aali-Imraan 3:112

Yahuudonni bakka kamittu salphattootaa fi gadi aantota, waadaa Rabbiin irraa ta’ee fi waadaa namootatiin yoo ta’e malee. Waadaa Rabbiin irraa ta’ee: takkaa Yahuudonni Islaama keessa seenu takkaa immoo bulchiinsa Muslimoota jala ta’uun jiziyyah (gibira) kafaluudha. Islaama keessa yoo seenan, salphinni isaan irraa ka’a. bulchiinsa Muslimoota jalatti harka kennuun gibira yoo kafalan ni eeggamu. Waadaan namoota immoo wali galtee namoonni isaan waliin godhan, gargaarsaa fi jabeenya namoonni isaaniif godhaniidha.[2] Yeroo amma akkuma arginu kana Isra’el biyya of dandeette kophaa sochootu miti. Ameerika maallaqa biliyoonatti lakkawaamuun wagga waggaan ni gargaarti. Waggatti humna waraana Israa’el qofaaf dolaara biliyoona 3 kenniti. Kunoo linkii kanarraa ilaalaa: https://en.wikipedia.org/wiki/Israel%E2%80%93United_States_relations

Dhaabbanni AIPAC jedhamu Isra’el gargaaruu fi imaammanni Amerikaan Isra’elif qabdu akka jabaatu kan dhaabbateedha. Kanaafu, Yahudoonni waadaa Rabbiin irraa ta’ee fi waadaa namoota irraa ta’een malee bakka itti argaman kamittu salphinni isaan irra kaa’ame. Akkuma yaadannu waraana addunyaa lamaffaatti Adolf Hitler Yahuudota miliyoona jaha (6,000,000) ajjeese. Qur’aana keessatti:

7:167

Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamaatti nama adabbii hamaa isaan (Yahuudota) dhandhamsiisu isaanitti akka erguu labsee [yaadadhu]. Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin Isaa ariifataadha. Dhugumatti Inni Araarama Rahmata godhaadha.” Suuratu Al’araaf 7:167

“hiyyummaanis isaan irra kaa’ame.” Yahuudota bira durummaan qalbii hin jiru. Kana beeku qabna: durummaan dhugaa baay’achuu maallaqaa fi meeshaatin osoo hin ta’in durummaa nafsee fi qalbiiti. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ لَيْسَ الْغِنَى عَنْ كَثْرَةِ الْعَرَضِ، وَلَكِنَّ الْغِنَى غِنَى النَّفْسِ .‏
Durummaan meeshaan baay’achuu miti. Garuu durummaan durummaa (quufinsa) nafseeti.” Sahiih Al-Bukhaari 6446

Yahuudonni kunniin hiyyummaan isaan irra kaa’amee jira. osoo maallaqa biliyoona argataniyyuu isaan yeroo hunda hiyyummaa keessa jiru. Nafsee fi qalbiin isaanii hin duroomtu (hin quuftu). Kanaafi, hanga ammaatu yahuudonni namoota hunda caalaa qabeenyaaf haafayu. Saantima takka kennuu hin barbaadan wanta san caalu yoo abdatan malee. Yeroo ammaa yahuudonni maallaqaa fi meeshaan dureessota addunyaa haa ta’anii malee namoota hunda caalaa qalbiidhaan hiyyeeyyidha.[3] Qalbiin isaanii hin quuftu. Yahuudota ilaalchisee Qur’aana keessatti:

2:96

“Namoota hunda caalaa jireenyaaf kan haafayan ta’anii argita, inumaa mushrikoota caalaa [warra haafayaniidha]. Tokkoon isaanii osoo waggaa kuma jiraachifamee jaallata. Umriin dheeraan isaaf kennamuun adabbii irraa isa hin fageessu. Rabbiin wanta isaan hojjatan Argaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:96

 “inumaa mushrikoota caalaa [warra haafayaniidha].” Mushrikoonni du’aan booda kaafamutti hin amanan. Namni du’aan booda kaafamutti hin amanne, jireenya Aakhirah waan hin abdanneef jireenya tanaaf garmalee haafaya. Yahuudonni warra kitaabaa waan ta’aniif Jannata fi Jahannamin ni beeku. Haa ta’uu malee mushrikoota caalaa jireenya tanaaf haafayu. Kanaafi, hacuuccaan isaan Filisxeemota irraan gahan guyyaa guyyaan dabalaa adeeme. Lafa isaanii irraa buqqisuun mataa ofiiti jiraachuuf haafayu.

Yommuu aayaata (keeyyattoota) armaan olii dubbisnu waa lama hubanna:
1ffaa-Qur’aanni jecha Rabbii fi haqaa ta’uu isaa ilaalchise yaqiinni (mirkaneefannaan) keenya ni dabala
2ffaa-Isra’el hanga feete badii fi cunqursaa haa raawwattu, yommuu yeroon Rabbiin ishii itti qabu gahe qabaa Isaa jalaa hin baatu.Kanaafu, wanti nurraa eeggamu du’aayi gochuu, qabsoo fi obsuudha. Kanaan ala darbuun “Rabbiin maaliif zaalimota kanniin hin qabne” jedhanii komachuun daangaa darbuu fi hikmaa Isaa wallaaludha. Yoo addunyaa tana keessatti zaalimtoonni kunniin hin qabamin Aakhiratti ni qabamu:

14:42

Rabbiin wanta miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.” Suuratu Ibraahim 14:42


[1] Tafsiiru Muyassar-154

[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Aali Imraan-2/63-64, Muhammad Ibn Salih Useymiin

[3] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Aali Imraan-2/66-67, Muhammad Ibn Salih Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Telegiraami irratti
Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 3

Leave a Reply