Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 13.2

Kutaa darbee keessatti sababa 14ffaa Islaama erga qabatanii booda akka duubatti deebi’an nama taasisan ilaalle jirra. Sababni kunis: Amanti keessatti daangaa darbuu fi wanta nafseen hin dandeenye itti fe’uudha.

Aa’ishah irraa Bukhaarin akka gabaasetti: Aa’ishaa bira dubartiin takka osoo jirtuu Nabiyyiin (SAW) ishiitti ol seenan. “Tuni eenyudhaa?” jechuun ishii gaafatan.  Aa’ishanis ni jette: Ishiin ebalu. Baay’inna salaata ishii dubbatti.’ Nabiyyinis ni jedhan: Dhiisi, wanti dandeessan hadaraa isinitti haa ta’u. Rabbiin kakadhe hanga isin hifattanitti Rabbiin hin hifatu. Rabbiin biratti amantiin (hojiin ibaadaa) jaallatamaan wanta namtichi haala itti fufiinsaan hojjateedha.’ Sahiih Al-Bukhaari- 43

Ibn Hajar ni jedha: ‘wanti dandeessan hadaraa isinitti haa ta’u’ kana jechuun wanta itti fufuu dandeessaniin of ko`oomsaa. Haala kanaan dubbachuun ibaada irraa wanta danda`an hojjachuutti ajajuu agarsiisa. Akkasumas wanta hin dandeenyetti of dirqisiisuu irraa dhoowwu agarsiisa….`

Muslimni wanta haarawa ofirratti dirqii (waajiba) gochuun isa hin barbaachisu. Dhugumatti, kuni daangaa Rabbiin gabroota Isaatiif kaa`e darbuudha. Akkasumas, wantoota gaggaarii Rabbiin halaala godhee dhoowwuun isaaf hin hayyamamu. Rabbiin olta`aan akkana jedha:

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُحَرِّمُواْ طَيِّبَٰتِ مَآ أَحَلَّ ٱللَّهُ لَكُمۡ وَلَا تَعۡتَدُوٓاْۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُعۡتَدِينَ ٨٧ وَكُلُواْ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُ حَلَٰلٗا طَيِّبٗاۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ ٱلَّذِيٓ أَنتُم بِهِۦ مُؤۡمِنُونَ ٨٨

Yaa warra amantan wantoota gaggaarii Rabbiin halaala isiniif godhe haraama hin godhinaa, daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Rabbiin daangaa darbitoota hin jaallatu. Wanta Rabbiin isiniif kenne irraa halaalaa fi gaarii kan ta`e nyaadhaa. Rabbii isin itti amantan san sodaadhaa.” Suuratu Al-Maa`idah 5:87-88

Tafsiir Manaar keessatti Muhammad Rashiid Ridaa akkana jedha: ibaada gochuuf jecha nafsee dararuu fi ishii irratti jabeessuun wantoota gaggaarii dhiisun tuqaa shakkii ubbaadonni fi mutasawifoonni baay`een ittiin qoramaniidha.  Isaan kanaan karaa moloksoota kiristaanaa kan moloksummaa itti hin ajajamne uumanii hordofu. `  (Akkuma moloksoonni kiristaana wantoota gaggaarii akka fuudhaa heerumaa, nyaata dhugaati fi uffata gaggaarii dhiisan ubbaadonni (warri ibaada baay’innaan hojjatanii) fi mutasawifoonni kunniinis fuudhaa heeruma, nyaata dhugaatii fi uffata gaggaarii ni dhiisan. Haala kanaan karaa isaanii hordofan)

Ragaalee fi keeyyattoota kana irraa amantiin keenyaa salphaa fi dandeetti nama dhuunfaa irratti hundaa`e madaallama ta`uun isaa ifa nuuf ta`a. Kunoo asitti nama keeyyattoota kanatti hin quufnetu jira. Sababni isaas, keeyyattonni kunniin isa osoo hin ta`in namoota biroo akka ilaalanitti amana.

Muslimni yommuu Islaama hordofu dirqamni isarra jiru salaata halkanii dhaabbachuu fi soomu irraa wanta hin dandeenye nafsee ofiitti fe`uu hin qabu. Kunis bu`aan fuggisoo (faallaa) akka hin argamneefi. Innis Islaama hordofuu dhiisudha. Sababni isaas, yommuu wanta nafsee ofii itti dirqisiisee baadhachuu dadhabuu, karaan kuni akka isaaf hin taanetti ilaala. Garuu kana irra, nafsee ofii leenjisuu keessatti suuta suutaa fi sadarkaa sadarkaan deemu qaba. Hubannoo kana sammuutti kaleessuuf fakkeenyota garii nan dhiyeessa:

Ustaaz Fatih Yakun kitaaba isaa ‘Mutasaaqixuun (warroota kufan)’ jedhu keessatti akkana jechuun dubbata:  Dargaggeessi tokko yeroo  gannaa barnoonni idilee hin jirre Qur`aana akka haffazuu ni kakate. Wantoota baay`ee irraa of dhoowwe. Ergasii inni kana hin dandeenye. Garuu hanga haalli hospitaala dhukkuba narvii itti yaalan seenu isa geessutti wanta jedhe hojjachuu itti fufe.”

Nan yaadadha, dargaggeessi biraa ji`oota muraasa keessatti Qur`aana haffazee akka fixuu fedhii guddaa horate. Anis kuni isarratti ulfaataa akka ta`e isatti hime. Garuu inni ni dide. Yommuu ji`oonni inni murteesse kaa`e darban, moo`atamuun isatti dhagayame. Garuu jidduu-galeessa ta`uutti of gahe. Amma yommuu dhimmicha ija aqliitiin ilaalu Qur`aana haffazu isaa itti fufaa jira. Akka isa milkeessu Rabbiin kadhanna.

Namoonni gariin akkana jechuu danda`u: kunoo asitti nama ji`oota muraasa ykn yeroo gabaabdu keessatti Qur`aana haffazeetu jira.` Ani akkana jedha: Kuni haala addaa fi xiqqaa namni hunduu hojjachuu hin dandeenyedha.  

Nan yaadadha, dargaggeessi tokko kakka`uumsa cimaan salaata halkanii salaatuuf ka`e. Guyyama jalqabaa raka`a hunda keessatti juuza tokko tokko qara`uun jalqabe. Ergasii nafseen isaa akka itti dabalu isa waamte. Innis hanga hojjachuu hin dandeenye gahuutti ni dabale. Ergasii guutumaan guututti halkan salaatu ni dhiise.

Namni beekkamaan tokko akkana nan jedhe: dargaggeessi tokko halkan salaatu ilaalchisee barnoota kenne. Innis kanaaf kakka`uumsa guddaa horatee halkan takkaan raka`a 70 salaate. Nafsee ofii garmalee dadhabsiise. Fajriin dura hirribni isa moo`atee gara sa`aati shaniitti malee of hin beekne. Sababa madaallamaa ta`uu dhabuu isaatiif salaata waqtii isaatirraa ni tursiise. 

Namni tokko ani nama ibaadaaf kakka`uumsa fi fedhii guddaa qabu qeeqaa akka jiruutti akka hin yaanne. Ibaadaaf kakkaa`uumsaa fi fedhii guddaa qabaachuun dhimma faarfamaadha. Garuu dirqamni nama irra jiru madaallamaa ta`uu fi dandeetti isaa beekudha. Namni karaa tokko keessa deeme itti fufuu qaba. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassalam) sahaabaa tokko akkana jechuun qajeelche: “Akka nama halkan salaataaf dhaabbataa ture ergasii dhiisee hin ta`in.”  Sababni isaas, ibaada erga jalqabanii booda dhiisun dhimma jibbamaa fi balaalefatamaadha.

Ustaaz Fatih Yakun akkana jedha: Warroonni wanta hin dandeenye ofitti fe`anii fi wanta tokko keessatti madaallamaa ta`uu hin fudhannee fi daangaa darbuu itti fufan, isaan kunniin haala tokkon ykn haala biraatiin duubatti deebi`uu nafsee ykn iimaanaatiif saaxilamu. Isaan kunniin akka nama gammoojjii dheeraa ariitiin qaxxaamuru barbaadee ergasii geejjiba isa ajjeesee fi gahuumsa isaa hin geenyeti.

Dhugumatti, nafseen ilma namaa baay`ee dadhabduudha. Ustaaz Fatihin suuraa daangaa darbuu biraa dubbate. Innis takfiira (kafarsiisu)dha. Seenaa namticha obboleessa isaa biiftun erga baate booda malee sababa fajrii hin salanneef kafarsiise dubbate. Namni kuni osoo sababa waqtii isaa irraa salaata akka tursiisu wanta isa taasise osoo hin beekin obboleessa isaatiin kaafira jedhen.

Tarii obboleessi isaa kuni uzrii Rabbiin isaaf dhiisu qabaachu danda`a. Ergasii namtichi kuni ijjannoo ofii itti fufee dogongora isaa hin amanne. Murtii hundee amantitiin wal-faalleessu murteesse. Hanga geengoo iimaaanaa keessaa bahuutti ijjannoo ofii itti fufe. Adeemsa kana areeda isaa haadun jalqabe. Ergasii sagaagalummaatti kufe. Ergasii karaan kuni gara kufriitti isa geesse. Rabbiin sabaata (gadi dhaabbannaa) kadhanna. (Obbolleessa isaatiin sababa farjii dabarseen kaafira jedhen. Ergasii wanti inni jedhe isarratti deebi’e. Namni obboleessa isaatin kaafira jedhe kuni areeda haaddate, ergasii zinaatti kufe ergasii kufriitti kufe. Kuni hadiisa kana nu yaadachiisa: Abdullah ibn Umar (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
أَيُّمَا امْرِئٍ قَالَ لأَخِيهِ يَا كَافِرُ ‏.‏ فَقَدْ بَاءَ بِهَا أَحَدُهُمَا إِنْ كَانَ كَمَا قَالَ وَإِلاَّ رَجَعَتْ عَلَيْهِ ‏”‏ ‏.
Namni kamiyyuu obboleessa isaatiin “Yaa Kaafir” jedheen, isaan lamaan keessaa tokko irratti [kufriin] deebi’ee jira. Akkuma inni jedhe yoo ta’e, [kufriin namtichaa mirkanaa’e.] Garuu yoo dhugaa hin ta’in, isa irratti deebi’a (Kufriin nama obboleessa isaa Muslimaatin “kaafira” jedhe irratti deebi’a.)” Sahiih Muslim 60 )

 Kanarraa kaane wanta nafseen hin dandeenye itti fe`uun bu`aan isaa inni xiqqaan hojii dhiisu akka ta`e guduunfina. Bazzaar ibn Abbaas irraa akka gabaasetti: gabrittiin Nabiyyii takka guyyaa soomaa oolte halkan dhaabbataa bulti. Ergasii Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Hojii hundaafu fedhii cimaatu jira. Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira. Namni yommuu laafinsa (ceem`iinsa) isaa gara sunnaah kiyyaa gore, dhugumatti inni milkaa’e. Garuu namni yommuu laafu, kanaan ala wanta biraa filate dhugumatti inni bade.”

Madaallamaa ta`uun dhimma garmalee barbaadamaa ta`eedha. Qaama ofii boqonnaa dhoowwachuun gara dadhabbinnaa fi hifannaatti nama geessa. Dirqamni Musliima irra jiru osoo daangaa hin darbinii fi hin hanqisin haala jiddu-galeessaa jiraachudha. Ammas, dandeetti daangefamaa akka qabu beeku qaba. Yoo daangaa kana darbe ceem`uu fi laafinni isa qunnama. Ceem`uu fi laafinni kuni yeroo baay`ee jalqabbi jallinnaa ta`a.

(Daangaa darbuun hojiinis amantiinis dubbiinis ni ta’a. Hojiin daangaa darbuun: wanta shari’aa keessa hin jirre hojjachuu, wanta nafseen hin dandeenye itti fe’udha. Dubbii fi amantiinis daangaa darbuun: wanta Rabbiin ragaa irratti hin buusne amanuu fi dubbachu. Fakkeenyaaf: Rabbiin alatti wanta biraa gooftaa jedhanii waaqefachuun amantiin, dubbii fi hojiin daangaa darbuudha. Nama Musliima tokkoon akkanumatti lafaa olka’anii kaafira jechuun dubbiin daangaa darbuudha. Kanaafu Muslimni madaallama ta’uuf: wanta shari’aan itti ajaje hanga danda’e hojjachuu fi wanta shari’aan irraa dhoowwe dhiisudha. Ragaan kanaa:

Waan Ergamaan isiniif kenne qabadhaa, waan inni irraa isin dhoowwe dhoowwamaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.” Suuratu Al-Hashr 59:7
Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jedhan:
فَإِذَا نَهَيْتُكُمْ عَنْ شَىْءٍ فَاجْتَنِبُوهُ، وَإِذَا أَمَرْتُكُمْ بِأَمْرٍ فَأْتُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ
Wanta tokko irraa yommuu ani isin dhoowwe, isa irraa fagaadhaa. Ajaja tokkotti yommuu isin ajaje immoo isa irraa hanga dandeessan hojjadhaa. Sahih al-Bukhari 7288)


Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 115-121

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-kutaa 14.1
SABABA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA DUUBATTI DEEBI'ANII-KUTAA 13.1

Leave a Reply