Tafsiira Suuratu Yuusuf (AS)-Seensa

Dhugumatti, seenaan Nabiyyoota seenaa nama barsiisuu fi bu’aa bayii baay’ee qabuudha. Yommuu seenaa isaanii ilaalan, ‘Qormaata ciccimaa keessaan erga darbanii booda malee edaa milkaa’inni fi sadarkaa ol’aanaa irra gahuun akkanumatti hin argamu!’ nama jechisiisa. Nabiyyoonni namoota hunda caala Rabbiitti dhiyoo fi jaallatamoo ta’aniidha. Garuu isaan kana hunda waliin qormaata eenyullee hin qoramne qoramu. Kuni kan agarsiisu, milkaa’inni fi sadarkaa ol’aana irra gahuun wanta tasaa osoo hin ta’in qormaata ciccimoo keessa erga darbanii booda. Namni Rabbii olta’aatti amane (mu’iminni) yommuu kana hunda arguu fi beeku, qormaanni fi rakkooleen isa qunnaman milkaa’innaa fi sadarkaa ol’aanatti isa olkaasuuf akka ta’e ni hubata. Kanaafu, wanta isa qunnameef hin dallanu, Rabbii olta’aa hin komatu, ‘Rabbiin maaliif akkana na godhaa?` hin jedhu. Nabiyyoota fakkeenya gochachuun fuundura isaatti ifa milkaa’innaa fi sadarkaa ol’aana irra gahu ilaala.

Mee gargaarsa Rabbiitiin qormaata ciccimoo Nabii Yuusuf (aleyh salaam) ijoollummaa irraa jalqabuun hanga ministeera biyyatti ta’uu gahuutti keessa darbee haa ilaallu. Yommuu seenaa isaa qorannu, jireenya keenya ni fooyyessina. Keessumaayyu, dargaggoonni qormaata fedhii jaalalaa waliin rakkatan barnoota guddaa hangana hin jedhamne argatu. Qur’aanni seenaa Yuusuuf osoo garmalee hin gabaabsin, osoo garmalee hin dheeressinis haala baay’ee nama hawwatuu fi barnoota namaaf ta’uun dhiyeesse jira. Kanaafu, seenaa Yuusuf ilaalchise wanta Qur’aana keessa jiru yoo dhiyeessine nu gaha.

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

Aliif Laam Raa. Kunniin Keeyyattoota Kitaaba ifa ta’eeti. Akka isin hubattaniif jecha Qur’aana Arabiffaa haala ta’een isa buufne. Qur’aana kana gara keetti buusuun seenaa hundarra bareedaa ta’e sitti odeessina, ati isa dura gaafilota irraa turte.” Suuratu Yuusuf 12:1-3

 “Kunniin Keeyyattoota Kitaaba ifa ta’eeti.” Kana jechuun keeyyattoonni kunniin keeyyattoota kitaaba ifa ta’eeti. Kitaabni kunis Qur’aana jechoonni fi hikni isaa ifa ta’aniidha. Akkasumas Qur’aanni kuni wantoota namoonni itti hajaman kan ibsuudha.[1]

Akka isin hubattaniif jecha Qur’aana Arabiffaa haala ta’een isa buufne.” Kana jechuun akka hiika isaa beektaniif, wanta isa keessa jiru hubattaniii fi qajeelcha isaatti hojjattaniif Qur’aana lugaa Arabiffaatiin buufne.[2] Sababni isaas, lugaan Arabiffaa lugaa (qooqa) hunda caalaa ifa kan ta’eedha, hiika wantoota sirritti kan ibsuudha, jechoota baay’ee kan qabuudha. Akkasumas, Nabiyyiin xumuraa Araba keessaa waan baheef Qur’aanni Arabiffaan buufame. Ibn Kasiir ni jedha: sababa kanaaf kitaabni kabajamaan lugaa kabajamaan Ergamaa kabajamaa irratti malaykaa kabajamaatiin buuse. Kunis dachii keessatti iddoo hundarra kabajamtu taateti bu’e. Buusu kan jalqabe ji’a hundarra kabajamaa keessa. Innis Ramadaana. Gara hundaan ni guuttame.[3]

Islaama keessatti sadarkaa aqliin qabu

Namni aqlii malee sadarkaa isaa ni dhaba, dirqamni isaa ni deema. Gamnoonni gariin akkana jedhu: namni suuraa aqlii of keessaa qabuudha. Osoo aqlii dhabee suuraa qofa qabaate inni namaa miti.

Kanaafi Qur’aanni aqliitti xiyyeefannoo guddaa kenne. Aayaanni baay’een waa hubachuuti kakaasan dhufanii jiru. Shakkii hin qabu, aqliin faarfamaan aqlii haqa beekanatti akka hojjatan nama qajeelchudha. Ta’uu baannan, namtichi sammuun isaa qara ta’uu danda’a garuu aaqilaa ta’uu dhiisu danda’a. Haqa ni beeka, garuu fedhii ofii hordofa. Gama biraatiin namtichi tokko sammuun qara ta’uu baatus aaqila ta’uu danda’a.

Aqliin aqli kan jedhameef hojii dhumti isaa hin bareenne irraa nama waan qabuufi. Ummanni aqlii akkanaatti garmalee hajamu. Aqliin kuni aqlii jarjaruu irraa nama dhoowwu fi bakka ariifachuun barbaachisuutti duubatti hafuu irraa nama dhoowwudha.

Aqlii fi miira wal madaalchisuun dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Ummanni miira mararfannaa hin qabne ummata gogaa gatii jireenyaa hin beeknedha. Haa ta’uu malee miira duuba fiigun qofti dogongora guddaadha. Kanaafu, miira, aqlii fi shari’aa wal simachiisuun wanta hafuu hin qabneedha. Kunis kan ta’uu miira gara aqliitti deebisuun, aqlii immoo gara shari’aatti deebisuuni.

Yeroma abbichi aqlii isaa lugaama shari’aatiin sirreesse, aqliin isaa faarfamaa ta’a.

Wantoota barbaachisoo Aqliin ittiin dagaagu:

Akkuma jismiin (qaamni) dagaaguu fi guddatu, aqliinis hanga sadarkaa guutuu gahutti ni dagaaga, ni bilchaata. Wantoota dandeetti aqlii namaa dagaagsan keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
1ffaaBeekumsa: sababoota gurguddoo dandeettiin aqlii ittiin dagaagu keessaa isa hundarra guddaa ta’eedha. Beekumsa shari’aa fi jireenya addunyaa barachuun karaa aqlii ittiin dagaagsanii fi bilcheessanidha.
2ffaaMuxannoo-takkaa muxannoo dhuunfaatiin takkaa immoo muxannoo namoota birootiin aqliin ni dagaaga. Kuni hikmaa Rabbiin oduu warra darbanii nuuf odeesse keessaa tokkoodha.
3ffaaMarii-Namni namoota mari’achiisu aqlii namoota biroo aqlii isaatti dabala. Osoo namni tokko marii irraa kan of gahu ta’ee silaa Muhammad ibn Abdullah (sallallahu aleyh wassallam) of gahaa ture. Kana waliinu Gooftaan isaa olta’e akkana isaan jedha: “Dhimma keessatti isaan mari’achiisi.” (Suuratu Aali-Imraan 3:159)
4ffaa: Umrii- akkuma umriin ol deemuun aqliin namaa dagaagaa fi bilchaataa adeema.[4]

Seenaa hundarra bareedaa

“Nuti Qur’aana kana gara keetti buusuun seenaa hundarra bareedaa ta’e sitti odeessina, ati isa dura gaafilota irraa turte.”

Rabbiin azza wajalla maq-dhaala guddinna agarsiisuun dubbata. Sababni isaas, wanti Inni himuuf deemuu guddinna Gooftummaa Isaatiin kan wal simatuudha. Nahnu (Nuti) maqdhaalli jedhu baay’inna osoo hin ta’in guddinna agarsiisa.  

Hiikni aayah: Yaa Muhammad! Qur’aana kana gara keetti buusuun seenaa hundarra bareedaa ta’e sitti himna. Qur’aana kana keessatti oduu warra darbee sitti beeksifna. “ati isa dura gaafilota irraa turte.” Kana jechuun Qur’aana kana sirratti buusun dura oduu (seenaa) kana warra quba hin qabne keessaa turte. Qur’aanni sirratti bu’uun dura seenaa kana quba hin qabdu (hin beektu).[5]


[1] Tafsiir Sa’dii-453[2] Tafsiir Muyassar-235, Qurxubii-11/241[3] Tafsiir Ibn Kasiir-681[4] Tadabbur Suuratu Yuusuf (aleyh salaam), tahziibu aayaatu lisaa’iliin-Dr Naasir Suleymaan [5] Tafsiir Muyassar-235, Tafsiir Xabarii-13/7

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 1
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Xumura

Leave a Reply