Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 1

Abjuu Dhugaa Arguu

“Yeroo Yuusuf abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa koo! [Abjuudhaan] urjiilee kudha tokko, aduu fi ji’a arge. Kan naaf sujuudan ta’anii isaan arge.’ jedhe [dubbadhu].” Suuratu Yuusuf 12:4

Kana jechuun yaa Rasuula dubbii Yuusuf abbaa isaa Ya’aquubin jedhe ummata keetti himi: Ani abjuu keessatti urjiilee kudha tokko, aduu fi addeessa arge. Kan anaaf sujuudan ta’anii isaan arge.” Abjuun tuni addunyaa fi Aakhiratti sadarkaa guddaa Yuusuf irra gaheef gammachiisa taate. Abbaan isaas hiika abjuu kana ni beeke. Urjiileen kudha tokko obboleeyyan Yuusuf kudha tokko bakka bu’u. Aduu fi jiiyni immoo abbaa fi haadha bakka bu’u. Kanaafu, Nabii Ya’aquub Ilmi isaa murtii Rabbiitiin sadarkaa guddaa irra gahuun obboleeyyan isaa kudha tokko, abbaa fi haati isaa sujuuda kabajaa akka isaaf sujuudan ni hubate. Kanaaf itti aanse:

12:5

Ni jedhe: Yaa ilma kiyya! Abjuu kee obboleeyyan keetitti hin odeessin, shira sitti xaxuuti. Dhugumatti sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha.” Suuratu Yuusuf 12:5

Kana jechuun Nabii Ya’quub ilma isaa Yuusufin akkana jedhe: Yaa ilma kiyya jaallatamaa! Abjuu tana obboleeyyan keetitti hin himin. Yoo isaanitti himte, Rabbiin sadarka kee olkaasuun obboleeyyan kee hundi fi haadha abbaan kee akka siif sujuudan akka taasisu ni hubatu. Kuni wanta waanyu (hinaaffi) isaanii kakaasudha. Sababa kanaan, ijji isaanii aara ibidda dallansuutin ni jaamti. San booda si balleessuuf shira ykn dhara sitti baasu.

Itti aanse wanta shira kana akka xaxan isaan taasisu ni dubbate. Innis sheyxaana. Sheyxaanni obboleeyyan Yuusuf isa waanyuun akka dhara ykn shira isatti xaxan isaan kakaasa. Kanaaf ni jedhe: “Dhugumatti sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha.” Kana jechuun sheyxaanni diinummaan inni ilma namaatiif qabu ifa kan baheedha. Jidduu ilma namaa balleessuuf, diinummaa isaan jidduutti uumuu fi hariiroo isaanii cicciruuf wanta badaa akka hojjatanii fi yaadan isaanitti hasaasa. Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:

فَإِنَّ الشَّيْطَانَ يَجْرِي مِنَ ابْنِ آدَمَ مَجْرَى الدَّمِ
“Dhugumatti sheyxaanni, ilma Aadam keessa akka dhiigni naanna’utti naanna’a.” Sahiih Al-Bukhaari 2039

Qananii Rabbiin Yuusuf fi Abbooti isaa irratti oole

12:6

Akka kanatti Gooftaan kee si filata, hiika dubbiwwanii si barsiisa, akkuma duraan abbooti kee Ibraahimii fi Is’haaq irratti qananii Isaa guutee si fi maatii Ya’aquub irrattis guuta. Dhugumatti, Gooftaan kee Beekaa, Ogeessa.” Suuratu Yuusuf 12:6

Yuusuf ilma Nabii Ya’aquub. Ya’aquub immoo ilma Is’haaqi. Is’haaq immoo ilma Ibraahimi. Kunniin hundi isaanitu Nabiyyoota. Araba keessatti akaakayyuun akka abbaatti ilaallama. Kanaafu, Ibraahimi fi Is’haaqi abbooti Yuusufi

“Akka kanatti Gooftaan kee si filata” kana jechuun nabiyyummaaf si filata. Namoota keessaa nabiyyii akka taatuuf si filata. ‘hiika dubbiwwanii si barsiisa’ kana jechuun hiika abjuu si barsiisa. Wanta namoonni abjuu isaanii keessatti argan akka hiiktu si barsiisa.  Akkuma duraan abbooti kee Ibraahimii fi Is’haaq irratti qananii Isaa guute, ergamaa godhee si erguun, kheeyri addunyaa fi Aakhiraa siif kennuun qananii Isaa sirratti guuta.  Gooftaan kee gabroota isaa keessaa nama filatu kan beekudha, dhimmoota uumamtoota Isaa qindeessu keessatti ogeessa. Wanta hundaa bakka isaaf malu kan ka’uudha.[1]

 Abjuu Ilaalchisee Odeefannoo Dabalataa
Dhimma abjuu ilaalchisee namoonni daangaa darbuu fi hanqisuu jidduu jiru. Kunoo asitti hanga jireenya isaa abjuu irratti ijaaruu fi seera irraa baafatu gahuutti nama abjuutti xiyyeefachuutti daangaa darbetu jira. Gama biraatin immoo nama abjuu keessatti hanqisee xiyyeefannoo homaatu itti hin kennineetu jira. Haqni nama daangaa darbee fi nama gogaa (hanqise) jidduu jira.

Sunnah qulqulluu keessa waa’ee abjuu ilaalchise hadiisota kurnanitti lakkaawamantu jira. Kanniin keessaa Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) sahaabota isaa akkana jechuun gaafachaa ture: isin keessaa eenyutu abjuu argee?…

Ammas kana keessaa hadiisa Abuu Hureeyran gabaasedha: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Yommuu yeroon dhiyaatte (Aakhiru zamaan keessa), abjuun Muslima sobuutti hin dhiyaattu (kana jechuun yeroo Qiyaamaan dhiyaattu wanti Musliimni abjuu keessatti arguu dhugaa taate mul’atti.[2]) Namni isin keessaa hundarra abjuun isaa dhugaa taate, nama isin keessaa hunda caalaa dhugaa dubbatuudha. Abjuun Muslimaa kutaa nabiyyummaa afurtami shan irraa kutaa tokko.[3] Abjuun gosa sadii: abjuu gaarii Rabbiin irraa gammachiisa taate, abjuu gaddisiisaa sheyxaana irraa taate, abjuu namni nafsee ofiitti hasaasu. Namni isin keessaa wanta jibbuu abjuun arge, ka’ee haa salaatu, eenyuttillee hin himin.”  Sahiih Muslim 2263

Dhimma abjuu, ishii mirkaneessuu, gosootaa fi akkamitti ishitti hojjachuu akka qabnu keessatti hadiisni kuni hundee guddaadha.

Qajeelchi shari’aa abjuu waliin hojjachuu ilaalchisee abjuu irratti hundaa’e bakka sadiitti qoodama, akkuma hadiisa keessatti darbe:
*Abjuu gaarii– nama jaallattutti malee hin himin. Kunis sababa baay’eefi. Kanniin keessaa tokko: wal waanyu fi wanta isarraa dhalatu ittisuuf. Kanaafi, Nabii Ya’aquub ilma isaa Yuusufin obboleeyyan isaatti akka hin himne dhoowwe. Kunis isaan jidduutti waanyu fi diinummaan akka hin uumamneefi. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Abjuun gaariin Rabbiin irraayyi. Isin keessaa namni wanta jaallatu abjuun arge, nama jaallatutti malee hin himin…” Sahiih Al-Bukhaari 7044, Sahiih Muslim 2261

Fakkeenyaf Yuusuf abjuu isaa abbaa isaatti hime. Yeroo baay’ee abjuun gaariin gabaabdu fi ifa tan taatedha. Fakkeenyaaf abjuu akka Yuusuf.

*Hasaasa Nafsee-mallattoon kanaa namni dhimma tokkotti baay’isee ni yaada, ergasii wanta dhimma kanaan wal qabatu abjuu isaa keessatti ni arga. Kana ilaalchisee murtiin: abjuu akkanaa irraa garagaluu fi ittiin of ko’oomsu dhiisudha. (Fakkeenyaf, dargaggeessi dubara takka yoo jaallate, waa’ee ishii yaadaa oola. Abjuu keessatti wanta ishiin wal qabatu argaa bula. Inni kanaan of ko’oomsu hin qabu.)

*Abjuu nama gaddisiisuu-kuni sodaachisa sheyxaanaati. Dirqamni nama abjuu akkanaa argee irra jiru:
1ffaa-sharrii wanta argee fi sharrii sheyxaanaa irraa Rabbiin akka isa tiiksu eeggumsa Isarraa haa kadhatu.
2ffaa-Gara bitaa isaatti si’a sadii haa tuttufu
3ffaa-Cinaacha isaa biraa irratti jijjiramuun haa rafu
4ffaa-Ka’ee wudu’achuun hanga Rabbiin fedhe haa salaatu
5ffaa-Eeenyutillee hin himin.

Namni kanniinitti hojjate, hayyama Rabbiitiin abjuun baddun homaa isa hin gootu. Namni wantoota kanniin hundatti hojjachuu hin dandeenye muraasa isaanitti haa hojjatu. Kan akka cinaacha isa biraatti jijjiramu, sharrii abjuu nama gaddisiistu fi sheyxaana irraa eeggumsa Rabbiin irraa kadhachuu. Wanti barbaachisaan eenyuttillee himuu dhiisudha. Sababni isaas, abjuu isa gaddisistu yoo namatti hime dhiibbaa qabaachu dandeessi.

Hadiisa armaan olii irraa itti fufuun Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: yommuu wanta jibbu abjuun arge, sharrii ishii (abjuu badduu) fi sharri sheyxaanaa Rabbiitti haa maganfatu, gara bitaa isaatti si’a sadii haa tuttufu, [abjuu badduu tana] eenyuttillee hin himin, dhugumatti isa hin miitu.” https://sunnah.com/muslim:2261g

Namni namoota kolfisisuuf jecha abjuu hin argine ‘argee’ jedhee himuu hin qabu. Hadiisa Sahiih keessatti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
مَنْ تَحَلَّمَ بِحُلُمٍ لَمْ يَرَهُ كُلِّفَ أَنْ يَعْقِدَ بَيْنَ شَعِيرَتَيْنِ وَلَنْ يَفْعَلَ

Namni abjuu hin argine ‘argee’ jedhee odeesse, sanyii garbuu lama akka walitti guduunfu dirqisiifama, innis kana hojjachuu hin danda’u.” Sahiih Al-Bukhaari 7042


Maddoota
[1] Tafsiir ibn Kasiir-682, Tafsiir Muyassar-236, Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-613
[2] https://islamic-content.com/hadeeth/449
[3] Kana jechuun kutaalee beekumsa nabiyyummaa irraa kutaa tokko. Nabiyyummaa keessa wanta gheeybi (ijaan ammatti hin mul’anne fi sammuun bira hin gahamne) beeksisuutu jira. Abjuun dhugaa taates wanta gheeybi beeksisutu keessa jira. Nabiyummaa deemee jira, garuu beekumsi isaa hafee jira. – https://islamic-content.com/hadeeth/449/en
[4] Tadabbur Suuratu Yuusuf (aleyh salaam), tahziibu aayaatu lisaa’iliin-Dr Naasir Suleymaan

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 2
Tafsiira Suuratu Yuusuf (AS)-Seensa

2 comments

  • Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh nagayaa fayyaadhaa Ustaaz maashaa allah baay’ee namatti tola jabaadhaa
    Wallaahi Rabbiin isinirraa haa jaalatuu
    Rabbiin isin haa garagaruu jabaadhaa.

Leave a Reply