Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti waa’ee abjuu ilaalle jirra. Tuqaalee ijoo abjuun wal qabatan kaasne jirra. Yaadachisaaf abjuun bakka sadiitti qoodamti: Abjuu gaarii Rabbiin irraa gammachiisa taate, abjuu haasasa nafsee fi abjuu nama gaddisiistu tan sheyxaana irraa taatedha. Har’as itti fufuun barnoota aayah armaan gadi lamaan irraa guduunfannu ilaalla.

“Yeroo Yuusuf abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa koo! [Abjuudhaan] urjiilee kudha tokko, aduu fi ji’a arge. Kan naaf sujuudan ta’anii isaan arge.’ jedhe [dubbadhu]. Ni jedhe: Yaa ilma kiyya! Abjuu kee obboleeyyan keetitti hin odeessin, shira sitti xaxuuti. Dhugumatti sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha.” Suuratu Yuusuf 12:4-5

Aayaata armaan olii irraa barnoota Tarbiyaa (Guddinnaaf barbaachisan) fudhataman

*Yuusuf abjuu argee osoo homaa hin turin abbaa isaatti hime. “Yaa abbaa kiyya! Ani… argee” Kuni kan agarsiisuu hariiroon gaarii fi wal-jaallachuun isaan lamaan jidduu jiraachudha.

*Abbaan isaa nabiyyii ta’e abjuu isaa ni hiikef. Akkuma namoonni baay’een abjuu achii dhiisan inni hin dhiisne, akkasumas akka namoonni gariin abjuutti xiyyeefannoo kennuun daangaa darban inni daangaa hin darbine.

*Nabii Ya’aquub akka Yuusuf fi obboleeyyan isaa jidduutti waanyun, diinummaa fi jibbumaan hin uumamneef abjuu isaa akka obboleeyyan isaatti hin himne isa dhoowwe. Kanaafu, kuni kan agarsiisu sababoota sharrii fidan irraa fagaachuun wanta barbaadamuudha.

* Ammas aayah tanarraa wanti baratamu qananii argatan namuma arganitti odeessu dhiisudha. Sababni isaas, namoonni baay’een waan waanyaniif miidhaa namarraan gahuu danda’u. Tarii atii namoonni na haa argan, naa haa faarsan jechuun qananii kee itti himta ykn mul’ista. Garuu namoonni baay’een ibidda waanyutiin waan gubatanif karaa qananii kana sirraa ittiin deemsisan barbaadu. Wanti jalqabaa isaan godhan siin oodu. Itti aanse yoo danda’an dhara sitti xaxuun duubatti si harkisu ykn si balleessuuf ykn qananii kee balleessuf carraaqu. Kanaafi, Nabii Ya’aquub qananii kana yoo itti himte shira sitti xaxu jechuun qananii isaa obboleeyanitti himuu irraa ilma isaa dhoowwe.

*Aayah keessatti dhimma lama ni hubanna: abjuu himuu dhoowwun sababa waliin dhufe. Sababni kunis sababa gamnummaa irraa burqeedha. Kana keessa akka isaan jidduutti jibbummaa fi wal waanyun hin uumamneef abbootiin miira ijoolle isaa too’achu keessatti wanta gaariitti qajeelchu akka qaban agarsiisa. Akkasumas, yommuu wanta tokko irraa dhoowwan sababa dhiyeessu akka qabanitti qajeelcha. Sababni kuni sababa qabatamaa fi dhugaa ta’u qaba.

Nabii Ya’aquub akka ijoolle isaa jidduutti waanyu fi waljibbiinsi hin uumamneef Yuusuufin abjuu isaa akka isaanitti hin himne dhoowwe. Sababa kanarraa dhoowwes akkana jechuun itti hime: “shira sitti xaxuuti.”Kana jechuun abjuu yoo isaanitti himte, si balleessuuf dhara sitti xaxu.

Guddinna keessatti adeemsi dirqamaa: “Hojjadhu, Citii atii!” Jedhu guddistoonni fi barsiistonni gurguddoon hin beekan. Kunoo Nabiyyiin (SAW) jechoota dubbii Ya’aquubiin wal fakkaataniin Ibn Abbaasitti dubbatu: “Yaa gurbaa! Ani jechoota muraasa si barsiisa…” Ammas haala dubbii bareedaa fi ajaa’ibaa ta’een mucaa harki isaa saani irra asi achi fiigdu dhoowwa: Yaa gurbaa! Maqaa Rabbii dhayi, harka mirgaa keetiin nyaadhu, wanta sitti aanu nyaadhu.” Yaa Allah kuni barsiisaa akkam gaarii ta’eedhaa! Gurbaan kuni erga guddatee jaarsa ta’ee booda akkana jechuun isaa nama hin ajaa’ibsiisu: San booda haalli nyaata kiyya akka nabiyyiin itti na ajajeen itti fufe.”

Wanti asirraa baratamu yommuu wanta tokkotti ajajanii fi irraa dhoowwan akkaataan dubbii baay’ee barbaachisaadha. Dubbii keessatti laafu barbaachisa. Ya’aquub ilma isaa ‘Yaa bunayya (Yaa ilma koo) jechuun jalqabe. Kuni ilmi isaa xiyyeefanno akka itti kennuu fi gorsa akka fudhatu taasisa. Faallaa kanaa, ajaju fi dhoowwu keessatti dubbii dirqamaa fi abbaa irrummaa agarsiisu dubbachuun, namni suni xiyyeefannoo akka itti hin kenninee fi ajaja san hin fudhanne taasisa.

Mee ilaali, sagalee furdaa fi jabaan “Kana hojjadhu!” jechuun dubbii kee yoo itti jabeessite, namni suni hangam ajaja kee fudhataa? Gama biraatin, dubbii mi’aawan “Yaa eebalu fakkeenyaaf, yaa ilma koo! Kana hojjadhu… yoo jetteen namni kuni hangam gorsa kee fudhataa? Dhugumatti dubbii lamaan jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Dubbiin jalqabaa gara-jabeenya fi ofirraa nama dhiibu agarsiisa. Dubbiin lammataa immoo gara-laafinnaa fi ofitti nama butu agarsiisa. Kanaafu, namni dubbii lamataatiif dafee deebii deebisa.

*Ijoolleef gatii kennu– aayah tanarraa ijoolleef gatii kennu akka qabnu ni baranna. Namoonni baay’een ijoolleen xixiqoon gatii homaatu akka hin qabne fi homaa hubachuu akka hin dandeenyetti ilaalu. Aalimonni gariin akka jedhanitti Yuusuf yommuu abjuu argu umriin isaa waggaa torba. Kana waliinu abbaan isaa abjuu isaa dhageefachuun gatii isaaf kenne.

Haaluma kanaan Ergamaan Rabbii (SAW) ijoollee xixiqoo ni kabaja. Ijoollee garii waliin ni nyaata, yommuu isaan irra darbu nageenya gaafata, garii immoo yommuu sinbirreen isaa jalaa duutu ni jajjabeessa, garii immoo yaabbi isaa irratti of duuba godhata.

Yommuu ijoolleef gatii kennu dhiisnee fi haala sammuu isaanii simatuun isaanitti hin dubbatin, dargagoonni gosa lama ni bahu: dargaggeessi tokkoffaan moo’atamu nafsee isaatii fi gadi aantummaa waliin aada. Nafsee isaa gadi xiqqeessa, funyoo xaxamaa hawaasni naannoo isaa xaxe keessatti of hidha. Dargaggeessi lamaffaan immoo hidhaa fi daangaa hunda keessaa bahuun nama guddaa akka ta’etti mirkaneessuuf carraaqa. Of tuulinsaan guuttamuun namoota irratti daangaa darbuu danda’a.

Kitaaba wabii:
Tadabbur Suuratu Yuusuf (aleyh salaam), tahziibu aayaatu lisaa’iliin-Dr Naasir Suleymaan

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 1

One comment

Leave a Reply