Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 10
Oduun Magaalatti Keessa Babal’achuu fi Jaalalli Qalbii ishii gubuu
Suurah Yuusuf irraa taatee haati manaa ministeera Ijipt badiitti isa affeeru ilaalle turre. Dubartiin tuni sababa bareedinna Yuusufitiin garmalee isa jaallatte. Badiitti isa affeeruuf carraaqxe. Garuu inni didee irraa dheesse. Dubartoonni magalaatti keessa jiraatan oduu kana yommuu dhagahan, hafarsuu eegalan:
“Dubartoonni magaala keessa jiran ni jedhan, “Niitin Aziiz garbicha ishii ni sossobde. Dhugumatti, jaalalli isaa hidda qalbii ishii keessa seenee jira. Dhugumatti, nuti jallinna ifa bahaa keessa akka jirtutti ishii ilaalla.” Suuratu Yuusuf 12:30
Aziiz dhimmicha dhoksuuf haa carraaqu malee, oduun magaalaa Ijipt keessa babal’achuu eegale. Akkuma beekkamu, iccitiin namoota lamaa ol bira yoo gahee, ni babal’ata. Namoonni akkamitti oduu kana dhagahanii? Akka hayyoonni baay’een jedhaniitti namoonni oduu kana tajaajiltoota mana keessa jiran irraa dhagahan. Yuusuf homaa akka hin jenne ni beekna. Aziiz mataan isaatu garmalee saalfate, niitin isaas akkasuma. Ragaa bahaanis kabaja maatii eeguuf jecha oduu akkanaa hin facaasu. Jaalalli dubartiin tuni Yuusufiif qabdu garmalee ifa waan ta’eef namoonni kana beekuun isaanitti hin ulfaatu. Tajaajiltoonni mana keessa jiran walitti hasaasu jalqaban. Hanga oduun dubartoota sadarka ol’aana qaban gahuutti ni babal’ate. Eeyyen, hama waliin diraamaan ni jabaata!
Dubartoonni magaalaa keessa jiran niitin Aziiz gabricha ishii irraa jaalalaan qabamuu olguddisanii ilaalan. “Niitin Aziiz garbicha ishii ni sossobde.” Kana jechuun kuni dhimma fokkuudha. Ishiin dubartii sadarkaa guddaa qabduudha, abbaan manaa ishiis sadarkaa guddaa kan qabuudha. Kana waliinu gabricha ishii jalatti buluu ishiidhaan akka wal-qunnamu sossobuu itti fufte.
“Dhugumatti, jaalalli isaa hidda qalbii ishii keessa seenee jira.” Akka hayyoonni jedhanitti kuni kan agarsiisu jaalala wal-qunnamti saalaa garmalee jabaa ta’eedha. Jechi “Shagaf” jedhu keesso qalbii agarsiisa. Jaalalli dubartiin tuni Yuusufiif qabdu qalbii ishii keessatti lixee jira, wiirtuu nafsee ishii keessa gahe. Jaalala isaatiin qalbiin ishii gubatte. Jaalala isaaf qabdu fuunduratti dhimmi fi wanti addunyaa keessa jiru hundi ishiif gatii homaatu hin qabu.
Dubartoonni kunniin niitin Yuusufin wal-qunnamuuf si’a baay’ee akka yaalte ibsuuf jecha “turaawidu” jedhu fayyadaman. Kuni salphinnna irratti salphinna ishiif dabale. Fedhii ishiitiin akka moo’atamtee fi wanti ishiin yaaltu kuni dogongora guddaa akka ta’e haajaa kan hin qabne ta’uu ishii agarsiisuuf “Dhugumatti, nuti jallinna ifa bahaa keessa akka jirtutti ishii ilaalla.” Jedhan. Kana jechuun yommuu wanta isiif hin mallee fi sadarkaa ishii gadii buusu kana hojjattu, jallinna ifa bahaa keessa akka jirtu ishii argina.
Harka Ofii Muruu
“Yommuu shira isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergitee affeeraa nyaataa isaaniif qopheessite. Tokkoon tokkoon isaaniitif albee kennite. “Gara isaanii as bahi” jetteen. Yommuu isa argan, garmalee isa olguddisan, harka isaaniis ni muran. “Rabbiin qulqullaa’e! kuni ilma namaati miti. kuni maleykaa kabajamaa malee homaayyu miti.” jedhan.” Suuratu Yuusuf 12:31
Shira jechuun wanta dhoksaatti waliin mari’atanii fi karoorsaniidha. Yeroo baay’ee shirri wanta badaa ta’a. Dubartoonni magaalaatti keessa jiran, “Akkamitti niitin Aziiz gabricha ishii irraa jaalalaan qabamtii? Dargaggoota maatii sadarkaa fi qabeenya qaban irraa jaalalaan hin qabamtu turtee?” jedhan. Kuni niitin Aziiz maqaa badaan akka waamamtuuf shira dubartoota kanniiniti.
Niitin Aziiz yommuu hama isaanii kana dhageessu, akka gara mana ishii dhufanii ishii ziyaaran (daawwatan) ni affeerte. Iddoo teessumaa gaarii, boraati irratti hirkatanii fi nyaata ni qopheessiteef. Erga dhufanii iddoo teessumaa taa’anii booda, dubartoota hundatti albee (billaa) firaafiree ittiin muran ykn quuncisan ni kennite.
Yommuu dubartoonni kunniin firaafire nyaachuf muruu jalqaban, niitin Aziiz Yuusufin “gara dubartoota kanaatti as bahi” jetteen. “Yommuu isa argan, garmalee isa olguddisan.” Kana jechuun yommuu dubartoonni Yuusufin argan, miidhaginna isaa daangaa darbeen garmalee isa dinqisiifatan. Rabbiin Yuusufiif walakkaa miidhaginna kenneefi jira. Yuusuf (aleyh salaam) garmalee bareedaa ture. Akkuma hayyoonni jedhan miidhaginni (bareedinni) bakka lamatti qoodame. Walakkaan tokko Yuusufif kenname, walakkaan biraa immoo namoota hafan jidduutti qoqqoodame.
Miidhaginna kana garmalee dinqiisifachuun dubartoonni harka isaanii muran. Albeen isaanii firaafiree harka isaanii jiru irra darbitee harka isaanii muruu jalqabde. Dinqisifannaan liqimfamuun dhukkubbiin muraa albee isaaniitti hin dhagahamu. Miidhaginna Yuusuf dhiiga isaanitiin ragaa bahanii jechuudha.
“Rabbiin qulqullaa’e! Kuni ilma namaati miti. kuni maleykaa kabajamaa malee homaayyu miti.” jedhan. Jechoonni kunniin sadarkaa dinqisifannaa isaanii agarsiisa. Malaykoonni baay’een miidhagoo akka ta’anitti beekkamu. Dubartoonni hundi of too’achuu dadhabuun isaanii, miidhaginni Yuusuf miidhaginna nama biraatin kan wal bira hin qabamne, miidhaginna dhugaa nama hundaa caalu ta’uu agarsiisa. Mee hubadhu, dubartoonni kunniin hundu kan heerumaniidha. Akkuma beekkamu, dhiironni fuudhanii fi dubartoonni heeruman dargaggeeyyi hin fuune ykn shamarran hin heerumne caalaa fedhii akkanaa irratti too’annaa qabu. Garuu isaan keessaa tokkollee osoo hin hafin, hundi isaaniitu miidhaginna addaa Yuusufi ni dinqisiifatan. Akkasumas, kuni fedhiin saalaa seeraan alaa ilmaan namaatiif qormaata garmalee ulfaataa keessaa tokko akka ta’e agarsiisa.
“Ishiinis ni jette: Kuni kan isin [jaalala isaatiif] na komattaniidha. Dhugumatti ani [wal-qunnamtiif] isa sossobee jira. Garuu inni ni dide. Wanta ani itti ajaju yoo hin hojjatin, dhugumatti ni hidhama, salphattoota keessaa tokko ta’a.” Suuratu Yuusuf 12:32
Niitin Aziiz wanta dubartoota irraa barbaadde galmaan geesse. Dubartootaan akkana jette: kuni jaalala isaa qalbii tiyya gubeef na waqqastaniidha. Isin si’a tokko argitanii harka keessan murtan. Ani kan ganamaa galgala isa argu ni komatamaa?”
Yeroo kanatti dubartoonni akkana jechuun isaanii hin hafu: jaalala qalbii tee too’atu jaallachuu keetiif komiin sirra hin jiru. Isa sossobuu keetis hin komatamtu. Osoo nuti bakka kee taane nutis wanta ati hojjatte hojjachuun keenya hin oolu.” Ishiin amala dubartoota hawaasa ishii ni beekti turte. Yuusufin amansiisu irratti akka ishii gargaaraniif dubartootaan akkana jette: “Dhugumatti ani [wal-qunnamtiif] isa sossobee jira. Garuu inni ni dide.” Dubartiin tuni miira qaanii (saalfanna) hunda ni dhabde, badii ishii ifaan ifatti ni amante. Jechi ishiin Yuusufin itti ibsite “fasta’asama” jedhuudha. Hiikni isaa: garmalee ni dide, badiitti kufuu irraa garmalee of eege. Haalli ishiin Yuusufin itti ibsitee miidhaginna alaa dabalatee miidhaginna keessaa agarsiisa. Kuni namoonni miidhaginna keessatiinis miidhaginna alaatinis akka harkifaman nutti mul’isa.
Dubartoonni miidhaginna alaa erga dinqisiifatanii booda, niitin Aziiz miidhaginna keessaa isaan irraa dhokate isaanitti beeksiste. Miidhiginni keessaa kunis sagaagalummaa irraa of eegudha (iffah).
Jaalalli ishiin isaaf qabdu qalbii isii ni guggube, akkuma guyyoonni darbaniin dhiphinnaa fi dharraa malee homaa hin daballeef. Karaan nagahaan fayyadamte sossobuun ofitti butu hin dandeenye. Karaan biraa ishii hafe humnatti fayyadamuudha. Kanaafi, akkana jechuun isa sodaachiste: “Wanta ani itti ajaju yoo hin hojjatin, dhugumatti ni hidhama, salphattoota keessaa tokko ta’a.” Wanti ishiin itti ajaju-fedhii ishii akka ishiif guutudha.
Akkuma ifa ta’u dubartoonni kunniin jaalalli cimaan ishiin isaaf qabdu sammuu ishii irratti dhiibbaa fiduun akka hin maraanneef ishiif mararfachuu fi Yuusufin ishiif laaffisuuf carraaqan. Ishiinis yommuu mararfannaa kana isaan irraa argitu Yuusufiin hidhaa fi salphinnaan itti zaatte.[1]
Barnoota Asirraa Fudhatamu:
☛ Yeroo baay’ee namoonni yommuu wal hamatan, mataa ofii akka gaariitti ilaalun nama hamatan san immoo sadarkaa isaa gadi buusuf carraaqu. As keessatti, dubartoonni “Niitiin Aziiz gabricha ishii feete, jaalalli isaa qalbii ishii gube. Dhugumatti jallinna ifa bahaa keessa akka jirtutti argina” jedhan. Kuni mataa ofii gaarii akka ta’anitti ilaaluun sadarkaa ishii gadi buusuf carraaqudha. Garuu isaan osoo homaa hin turin jazaa isaanii ni argatan. Miidhaginna Yuusuf dinqisiifachuun harka isaanii muran. Kuni kan agarsiisu, namni tokko nama dogongora ykn cubbuu hojjatetti kolfuu fi hamachuu hin qabu. Ta’uu baannan, dogongora inni hojjatetti ykn dogongora san caalaa badaa ta’etti kufa.
☛Islaamni hama gosa baay’eetti qooda. Kanniin keessaa garmalee kan babal’ate ghiibah (back-biting) isa jennudha. Ghiibah jechuun bakka namni suni hin jirretti wanta inni hin jaallanneen waa’ee isaa dubbachuudha, wanti dubbatan suni dhugaa osoo ta’eyyu. Ghiiban cubbuu namni qabrii keessatti ittiin adabamu keessaa tokkoodha. Wanti kana caale immoo buhtaan. Kana jechuun wanta namni hin raawwanne raawwate jedhanii sobaan nama yakkuudha. Kan biraa namiima. Kuni oduu oli gadi guurudha. Islaamni kana hundarraa ni dhoowwa. Seenaa kana keessatti miidhaa hamiin qabu ni hubanna. Keessumayyu wanta kabajaan wal qabate yoo ta’e, hamii irraa Islaamni jabeesse nu dhoowwa. Ija keenyaan osoo hin argin, “Ebalu zinaa raawwate” jenne dubbachuun cubbuu guddaadha.
☛Sagagalummaa irraa of eegun miidhaginna keessaa qabaachu agarsiisa. Niitiin Aziiz miidhaginna keesso Yuusuf agarsiisuuf “fasta’asam” jette. Kana jechuun zinaa raawwachu sirritti dide. Kanaafu, yaa obboleessa koo! Yaa obboleetti koo! zinaa raawwachu didi, miidhaginna keesso argattaati. Akkasumas, miidhiginni alaas siif dabalama.
[1] Ma’aariju tafakkur wadaqaa’iqu tadabbur-10/662, Lessons from Surah Yusuf- Yaasir Qaadi