Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 9

Sagaagalummaa irraa dheessu
Kutaa darbe keessatti “Sagaagalummatti affeeru” jalatti tuqaalee ijoo ilaalle turre. Niitin ministeera Ijipt jaalala cimaan qabamuun Yuusufin sagaagalummaatti affeerte. Garuu inni affeerraa kana diduun irraa dheesse. Mee dhirri yeroo ammaa affeerraa akkanaa irraa dheessu eessa jiraa? Osoo hin affeeraminiyyu sagaagalummaa fi sababoota isaa irraa kan dheessu nama meeqaa? Allahu musta’aan. Mee amma akkaata Yuusuf zinaa (sagaagalummaa) irraa itti dheesse haa ilaallu:

12:25

Isaan lamaanu gara balbalaatti fiigan. Duubaan shaamizi isaa tarsaaste. Balbala biratti bulchaa ishii (abbaa manaa ishii) argan. Ishiinis ni jette, “‘Jazaan nama waan badaa hadhaa warraa keetitti fedhe hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee maal ta’uu danda’aa?’” Suuratu Yuusuf 12:25

Kana jechuun Yuusufi fi dubartiin gara balbalaatti fiigan. Yuusuf badii jalaa miliquuf gara balbalaatti fiige, dubartiin immoo akka hin baane isa dhoowwuf fiigde. Gochi isaanii gubbarraa wal haa fakkaatu malee niyyaan isaanii garagara. Yuusuf badii jalaa dheessuuf, niitin Aziiz immoo badii hojjachuufi. Hanga niyyaa namaa beektutti gubbaa qofa ilaalun namatti hin murteessin!

“Duubaan shaamizi isaa tarsaaste.” Dubartiittiin Yuusufin bahuu irraa osoo dhoorguuf carraaqxu, duubaan uffata isaa qabattee harkiste. Uffatichas ni binxite.

“Balbala biratti bulchaa ishii (abbaa manaa ishii) argan.” Jechi alfayaa jedhu tasa argachuu argisiisa. Dubartiin tuni yeroo eenyullee mana hin jirreetti ykn gara manaatti ni deebi’a jedhame hin abdatamnetti gocha badaa kana hojjachuuf karoorfatte. Kanarratti dabalatee, balbala manaa hunda ni cufte. Kunoo amma, abbaa manaa ishii balbala biratti arguun garmalee rifatte. Ishiin inni ni dhufa jettee hin tilmaamne.

Ishiinis ni jette, “‘Jazaan nama waan badaa hadhaa warraa keetitti fedhe hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee maal ta’uu danda’aa?’ Dhikkisa qalbii ishii keessatti soba uumte. Namni biraa gocha akkanaa keessatti qabame kan cal’isuu fi saalfatu ta’a, garuu ishiin yoosu karaa bahiinsaa argatte. Innis Yuusufin yakkuudha. Haa ta’uu malee, ishiin “nama na gudeeduuf carraaqe..” hin jenne, garuu “nama waan badaa hadhaa warraa keetitti fedhe” jette. Ishiin Yuusufin sagaagalummaan yakkuu hin dandeessu, kanaafu, waan badaa fedhuun yakkite. Sababa lamaaf kana hojjatte: 1ffaa, homtu hin raawwatamne (guddeeddaan hin adeemsifamne). 2ffaa-osoo akka wanti tokko uumame (gudeeddan akka raawwatame) dubbatte silaa ba’aan ragaa dhiyeessu guddaadha. Akkasumas, yoo ragaa hin dhiyeessin rakkoo keessa seenti.

Balbala nama miidhamee fuunduratti yakka darbuun tooftaa warra badii hojjatanii fi yakkamtootaati. Kuni yakka hojjatame caala. Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

4:112

“Namni dogongora yookiin badii hojjatee ergasii nama qulqulluu irratti darbe, dhugumatti cubbuu fi badii ifa ta’ee baadhate jira.” Suuratu An-Nisaa 4:112

Namni dogongora ykn badii hojjatee ergasii “Ebalatu hojjate” jedhee nama nagaha yakku, dhugumatti sobaa guddaa fi badii ifa ta’ee baadhate jira.

Niitin Aziiz yakka ofirraa ittisuuf akka Yuusuf adabamu yaada dhiyeessite: Adabbiin isaa hidhamuu ykn adabbii nama dhukkubsu adabamu malee maal ta’uu danda’aa? jette.

Yakka Ofirraa Ittisuu

Yuusufis hin cal’isne. Yakka ishiin isatti maxxansite ofirraa deebisuuf ni carraaqe:

Innis ni jedhe, “Ishiitu [badii akka hojjadhuuf] na sossobe.” Maatii ishii keessaa ragaa bahaan tokko [akkana jechuun] ragaa bahe, ‘Yoo shaamiziin isaa gara fuunduraatin tarsa’e, ishiin dhugaa dubbatte, inni immoo warra soban irraayyi. Yoo shaamiziin isaa duubaan tarsa’e, ishiin kijibdee jirti, inni immoo warra dhugaa dubbatan irraayyi.” Suuratu Yuusuf 12:26-27

Innis ni jedhe, “Ishiitu [badii akka hojjadhuuf] na sossobe.” Kana jechuun Yuusuf akkana jedhe: “ishiitu hojii kana akka hojjadhu deddeebite narraa barbaade.” Maatii ishii keessaa namni tokko akkana jechuun ragaa bahe: Shaamiziin isaa yoo gara fuunduraatin tarsa’e, ishiin dhugaa dubbatte inni immoo warra soban keessaa tokko. Sababni isaas, kuni akka inni ishiitti qajeelee fi ishii barbaadee ergasii ishiin ofirraa isa ittisaa osoo jirtu gara fuunduraatin akka tarsaaste agarsiisa. “Yoo shaamiziin isaa duubaan tarsa’e, ishiin kijibdee jirti, inni immoo warra dhugaa dubbatan irraayyi.” Kuni immoo ishii jalaa dheessu isaa agarsiisa. Ishiin badii ishii waliin akka hojjatu waan barbaaddeef inni ishii jalaa osoo dheessu gara duubaatin uffata isaa tarsaaste.

12:28

“Yommuu shaamiziin isaa duubaan tarsa’uu arguu, ni jedhe ‘Dhugumatti kuni shira keessan irraayyi. Dhugumatti shirri keessan guddaadha.’” Suuratu Yuusuf 12:28

Abbaan manaa ishii shaamizi Yuusuf duubaa fi duraan ni ilaale. Duubaan tarsa’uu isaa yommuu argu, Yuusuf dhugaa akka ta’ee fi ishiin sobdu akka taate ni beeke. Ishiitti garagaluun akkana jedheen: Yaa dubartoota sobni isin dargaggeessa kana ittiin yakkitan kuni shira (dhara) keessan keessaa tokkoodha. Dhugumatti shirri keessan baay’ee guddaadha.

12:29

“Yuusuf kanarraa garagali. [Ati yaa dubartii] badii keetiif araarama kadhu. Dhugumatti ati warra badii hojjatan keessaa taate jirta.” Suuratu Yuusuf 12:29

Aziiz (Abbaan manaa ishii) ni jedhe: Yaa Yuusuf wanta ishii irraa argame kana dhiisi, eenyuttillee hin himin.” Gara niiti isaatti garagaluun akkana jedhe: Yaa dubartii! Badii keetiif araarama kadhu. Dhugumatti ati Yuusufiin badii akka raawwatu sossobuu fi sobaan isa yakkuun dilii (cubbuu) raawwattee jirta.

Barnoota Asirraa Fudhannu:
Aayaata armaan olii irraa barnoota baay’ee fudhanna. Isaan keessaa inni guddaan karaa zinaa (sagaagalummaa) irraa ittiin eeggamaniidha:
☛Karaalee zinaa irraa ittiin eeggaman keessaa tokko; dubartii alagaa waliin kophaa ta’uu irraa fagaachu-Dubartii alagaa (ajnabiyya) waliin kophaa ta’uun qormaata guddaa badiitti nama mucuceessudha. Yuusuf (aleyh salaam) fedhii ofiitiin iddoo kophaa kana dubartii waliin hin taane. Garuu dubartiitu ishii waliin kophaa akka ta’u dirqisiiste. Kanaafi, Islaamni dubartii alagaa waliin kophaa ta’uu irraa cimsee dhoowwe. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechuun akeekachiisan: “Dhagayaa! Dhugumatti dhiirri tokko dubartii takka waliin adda (kophaa) hin ta’u sadaffaan sheyxaana yoo ta’e malee.” at-Tirmiziin (2165) gabaase. Ammas akkana jedhan: “Dhiirri tokko dubartii takka waliin kophaa hin ta’in mahramni waliin yoo jiraate malee.” al-Bukhaari (5233) and Muslim (1341) gabaasan. Mahram jechuun nama dubartii san fuudhu hin dandeenye, kan akka abbaa, obbolleessa fi kkf.
☛ Karaan biraa zinaa irraa itti eeggaman bakka fitnaa irraa dheessu-bakka qormaanni fi badiin itti baay’atu irraa dheessun badii akka hin hojjanne nama taasisa. Kanaafi, Yuusuf “Gara balbalaatti fiige.” Bakka sagaagalummaan itti raawwatamuu fi dhiiraa fi dubartiin walitti laaqaman irraa fagaachun sagaagalummaa irraa fagaachudha.
☛ Barnoonni biraa aayaata kana irraa fudhannu: Jaalalli daangaa yoo darbe nama jaalalaan qabamee fi jaallatamaa ni miidha. Yeroodhaan fuudhudhaan ykn sababa isaa balleessuun yoo dawaa itti hin barbaadin, jaalalli daangaa darbe kuni wanta faayda qabu irraa garagalchuun yaada sobaati fi faayda hin qabneen nama sakaala. Kuni wanta jaalala niiti Aziiz irraa hubatamuudha. Ofiis ni miite, Yuusufis badiitti waamte.
☛Namni yoo zinaatti affeeramee ergasii didee biraa deeme,”Ani akkanatti dubartii akkasi zinaatti na affeerte didee biraa deeme” jedhe namootatti labsuu hin qabu. Kuni of-dinqisiifachu fi nafsee ofii qulqulleessu ta’a. Aayah keessatti: Yuusuf kanarraa garagali. ” Kana jechuun Yaa Yuusuf wanta ishii irraa argame kana dhiisi, eenyuttillee hin himin
☛Zinaan salphinna guddaaf akka nama saaxilu asirraa ni baranna. Dubartiin tuni zinaatti Yuusufin affeerte. Garuu balbala fuunduratti abbaa manaa ishii arguun garmalee salphatte. Dubartiin tuni iddoo kophaa fi namuu hin jireetti, badii hojjachuuf yaalte. Garuu abbaan manaa ishii ishitti dhufe. Kanaafu, namni kophaatti eenyullee na hin arguu jechuun zinaa raawwachuuf gonkumaa yaalu hin qabu. Ta’uu baannan salphinni isa/ishii haguuga.
☛Tarii namni zinaa irraa qulqulluu ta’ee osoo jiruu sagaagalummaan yakkamu danda’a. Garuu Rabbiin isaaf gahaa waan ta’eef obsuu qaba. Yuusuf ni yakkame. Haa ta’uu malee Rabbiin ragaa isaaf gochuun yakka kanarraa isa qulqulleesse. Nama Rabbiin isaaf gahaa ta’e, shira maaltu isa miidhaa?

Barnoota nama booharsu fi jireenya jijjiruu dabalataan argachuuf, Karaa telegraamitiin: https://t.me/sammubani
Karaa facebook’tiin: www.fb.com/jireenyabadhaatu/ hordofaa

Kitaabban wabii:
Lessons from Surah Yusuf- Yaasir Qaadi, Tadabbur Suuratu Yuusuf, Tafsiiru Sa’dii

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 10
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 8

Leave a Reply