Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 8

Zinaatti (Sagaagalummaatti) Affeeru

Suurah (boqonnaa) Yuusuf keessatti taaten guddaan garmalee nama hawwatu, keessumayyu qalbii dargaggootaa fi shamarrani butu, taate haati manaa ministeera Ijipt Yuusufin badiitti affeeru fi inni badii hojjachuu diduuti. Taaten kuni qormaata guddaa ilma nama qunnamu ifatti baasa. Sagaagalummaa hojjachuu irraa of eegun hangam sadarka namaa akka olkaasu asirraa ni hubatama. Yuusuf sagaagalummaa diduun waan irraa dheessef seenan qubeewwan warqiitiin isa katabe, hanga Guyyaa Qiyaamaatti seenan isaa ni dubbifama. Agartee, namni zinaa irraa yoo dheesse hangam akka kabajamuu! Mee gara taate guddaa kanatti isin haa dabarsuu:

12:23

Dubartiin mana ishii keessa inni jiraatu nafsee isaa ni sossobde. Balbaloota cuftee “Koottu” jetteen. Innis, “Rabbiitti maganfadha. Dhugumatti inni gooftaa kiyya kan iddoo qubannaa kiyya gaarii godheedha. Dhugumatti, zaalimonni hin milkaa’an.” Jedhe. Suuratu Yuusuf 12:23

Qormaanni kuni qormaata guddaa qormaata obboleeyyan isaa caalaa Yuusuf irratti ulfaataa ta’eedha. Qormaata kanarratti obsuun mindaan isaa guddaadha. Sababni isaas, wantoonni badii hojjachuutti nama waaman baay’een jiraachu waliin kuni filannoo ofiitiin obsuu waan ta’eefi. Kanaafu, Yuusuf jaalala ishii caalaa jaalala Rabbii durse. Garuu qormaata obboleeyyan isaa irratti obsuun obsa dirqii akka dhibee fi rakkoo irratti obsuuti. Wantoota akkanaa irratti obsuu malee filannoon biraa hin jiru.

Yuusuf mana Aziiz keessatti kabajamaa ture. Garmalee kan bareedudha. Kanarraa kan ka’e, “Dubartiin mana ishii keessa inni jiraatu nafsee isaa ni sossobde.” Kana jechuun niitin Aziiz, Yuusufi mana ishii keessa jiru wanta fokkuu ishii waliin akka raawwatuuf ofitti waamte. Dubartin tuni bareedinna isaatirraa kan ka’e, Yuusufiin jaalala cimaa jaallatte. Kunis akka isaaf of miidhagsituu fi iddoo kophaatti erga isa ol seensifte booda balbaloota manaa akka cuftu ishii taasise. 

“Koottu” jetteen” kana jechuun gara kiyyatti as deemi. Tarii ishiin akkuma abbaa manaatiif of qopheessitu isaafis of qopheessitee, ishii waliin akka ciisu affeerte.

Innis, “Rabbiitti maganfadha.” Kana jechuun Yuusufis ni jedhe: badii guddaa kanatti kufuu irraa Rabbiin eeggama, gara Isaatti dheessa. “Dhugumatti inni gooftaa kiyya kan iddoo qubannaa kiyya gaarii godheedha.” Asitti hiika lamatu jira.

1ffaa-Rabbiin Gooftaa kiyya kan biiri (eela) keessaa na baasee bakka itti qubadhu gaarii godheedha. Kanaafu, badii fokkuu kana hojjachuun Rabbii kiyya hin faallessu.
2ffaa– abbaan manaa kee bulchaa kiyya kan bakka jireenyaa kiyya gaarii godhe. Kanaafu, haadha manaa isaa irratti badii hojjachuun isa hin ganu.” Abbaan manaa ishii yommuu Yuusufin bitee fidu ishiin akkana jedhe ture, “Iddoo qubannaa isaa gaarii godhiif.” Jechi Gooftaa (Rabb) jedhu hiika bulchaa (sayyid) jedhus ni qaba.

 “Dhugumatti, zaalimonni hin milkaa’an.” Kana jechuun warri daangaa Gooftaa aalamaa darbanii fi daangaa haqaa fi dirqamaa darban, hin milkaa’an, gammachuu isaanii hin argatan. Zaalimoota jechuun warra daangaa Rabbii darbanii fi haqa namootaa nyaataniidha. Yuusuf badii kanatti yoo kufe, daangaa Rabbii darba, haqa abbaa manaa dubartii tanaa nyaata. Yuusuf (aleyh salaam) haadha manaa Aziizif dhimmi ishiin itti isa waamtu zulmii guddaa adabbiin isaa milkaa’inna dhabuu akka ta’e ni ibseef.

12:24

Dhugumatti ishiin isatti yaadde jirti. Osoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee innis ishiitti yaadee ture. Akka kanatti hamtuu fi hojii fokkuu isa irraa deebisna. Dhugumatti inni gabroota Keenya qulqullefamoo fi filatamoo keessaa tokkoodha.” Suura Yuusuf 12:24

Osoo ragaa Gooftaa isaa arguu baate innis ishiitti yaadee ture.” Ragaan Gooftaa isaa inni arge beekumsaa fi iimaana isa bira jiruudha. Beekumsi fi iimaanni kuni wanta Rabbiin dhoowwe akka hin hojjanne nama taasisa. Nabii Yuusuf (aleyh salaam) wanta Rabbiin halaala godhee fi haraama godhe ni beeke. Zinaan haraama akka ta’e ni arge. Ergasii Rabbii isaa sodaatee wanta badaa ishiin itti waamtu irraa garagale. Sababa inni ikhlaasa qabuun Rabbiin akka kanatti wanta fokkataa isarraa deebise. Yommuu hojii isaa Rabbiif qulqulleessu, Rabbiinis isa filate. Akkasumas hamtuu fi wanta fokkuu irraa isa qulqulleesse.[1]

Barnoota Keeyyattoota Kanniin irraa barannu:

✏Barbaachisummaa bakka namni nama hin beekne fi dhoksaatti badii irraa fagaachu-Yuusuf biyya ofii keessaa bahe biyya ormaa keessa jiraata. Biyya ormaa kana keessatti namoonni baay’een isa hin beekan. Namoonni waan isa hin beeknef badii hojjachuuf isaaf salphaa ture. Akkasumas, bakka addaa eenyullee hin jirreetti balbaloota cufuun dubartiin tuni isa affeerte. Kuni daran badii hojjachuuf salphaa ture. Garuu Yuusuf Gooftaa isaa sodaachuun badii hojjachuu irraa dheesse. Mee ilaali, garaagarummaa Yuusufi fi dargaggoota badii hojjachuuf qofa biyya ofii dhiisanii biyya biraa deeman. Akkamitti nabiyyii fi dargagoota kanniin wal-qixxeessitaa jechuu dandeessu. Lakki wal-qixxeessa hin jiru. Garuu dubartiin dargaggoota kanniin akka Yuusufin balbala ittii cufuun sagaagalumaatti hin waamne. Fedhii ofiitiin itti dhaqan. Kanaafu, barnoonni asirraa fudhannu, iddoo namoonni nama hin beeknee fi kophaa jiranitti yommuu nafseen gara badiitti nama waamtu, ishii faalleessuu fi Rabbii olta’aa sodaachuun badii irraa dheessudha.

✏Rabbiin faalleessanii namootaaf ajajamuun hin jiru-Yuusuf dubartii tana jalatti bulaa ture. Wanta ishiin ajajje hunda gochuun isarraa eeggamaa ture. Garuu inni “iddoo bultii fi wanta nyaadhu nan dhaba” jedhee sodaachuun wanta badaa ishiin itti ajajje hin raawwanne. Sababni isaas, haqni Rabbiin isarraa qabu, haqa dubartiin tuni isarraa qabdu caala. Kanaafu, Gooftaa isaa faallessuun namaaf ajajamuun isaaf hin malu. Kuni kan agarsiisu, bulchaan ykn namni aangoo qabu wanta Rabbiin dhoowwetti yoo ajaje, gonkumaa nama kanaaf ajajamu hin qabnu.

✏Dubartiin sadarkaa fi bareedinna qabdu yommuu sagaagalumatti nama waamtu, “Rabbiin sodaadha, eeggumsa Isarraa barbaada” jechuun ishiif awwaachu diduun mindaa guddaa argamsiisa. Hadiisa keessatti akka dhufeetti, namoota Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gaddisa Isaa jalatti gaddiseessu keessaa tokko dargaggeessa dubartiin sadarkaa fi miidhaginna qabdu sagaagalumatti waamtee, “Ani Rabbiin sodaadha.” jedhee sagaagalummaa raawwachuu dideedha. Yuusuf dargaggeessa akkanaati. Qur’aana keessattis: Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (Suurat An-naazi’aat (79):37-41)

✏Toltuu hojii fokkuun deebisuun zulmiidha. Yuusuf abbaan manaa dubartii tanaa waan gaarii akka isaaf hojjate ni hubate. Wanti namarraa eeggamu, nama tola namaaf oole toltuu isaaf hojjachuun isaaf deebisuudha.

55:60

“Sila mindaan toltuu toltu malee ni jiraa?” Suuratu Ar-Rahmaan 55:60

Kanaafu, toltu (waan gaarii) kana akkamitti haadha manaa isaatti badii hojjachuun kafalafii? Kanaafi, dhumarratti, “Zaalimoonni (warri zulmii raawwatan) hin milkaa’an” jedhe. Nama tola siif oole yoo miite (zulmii itti hojjatte) akkamitti milkooftaa? Wanta barbaaddu argachuu dandeessaa?

✏Eeggumsa Rabbiitiin ala eenyullee badii irraa of eegu hin danda’u. Kanaafi, Yuusuf “Rabbiitti maganfadha.” Jedhe. Jaalalli qormaata cimaa nama cimaa jedhamu kuffisuu danda’uudha. Kanaafu, badii sagaagalummaa irraa eeggamuuf yeroo hundaa gara Rabbii dheessu fi eeggumsa Isarraa kadhachuu qabna. Yoo Inni nu hin eegin nu of eegu hin dandeenyu. “Yaa Rabbii! Zinaa (sagaagalummaa) irraa na tiiksi” jenne haa kadhannu.

✏Sagaagalummaa hojjachuun zulmii (daangaa darbuu fi miidhaa) gosa baay’ee of keessatti kan hammateedha. Namni sagaagalummaa raawwatu, daangaa Gooftaa isa darba, nafsee ofii miidha, dubartii fi maatii ishiis miidha. Kanaafu, namni akkanaa yoo hin tawbatin milkaa’inna fi gammachuu hin argatu. Kanaafi, namoonni sagaagalummaa keessatti kufan gammachuu kan dhaban ta’anii argina. Yeroo hundaa isaan dhiphinna keessa jiraatu.  

✏Ikhlaasni karaa eeggumsa Rabbii itti argatanii fi badii jalaa itti bahaniidha. Nabii Yuusuf (aleyh salaam) hojii isaa Rabbiif kan qulqulleessu ture. Kanaaf, Rabbiinis badii fi wanta fokkuu isarraa deebise. “Akka kanatti hamtuu fi hojii fokkuu isa irraa deebisna. Dhugumatti inni gabroota Keenya qulqullefamoo fi filatamoo keessaa tokkoodha.”

Yuusuf mukhlasiina fi mukhlisiina keessaa ture. Mukhlasiina jechuun warra Rabbiin filatee fi badii irraa qulqulleessedha. Mukhlisiina jechuun immoo warra hojii isaanii Rabbiif qulqulleessaniidha. Jecha biraatin warra ikhlaasa qabaniidha. Rabbiin namoota ikhlaasa qaban filata. Akkasi miti ree? Namoota ikhlaasa hin qabnee fi Isatti waa dabalan (shirkii hojjatan) ni filataa?

Kanaafu, yaa dargaggootaa fi shamarran fedhii foonitiin (ibidda jaalalaatiin) qoramtan, hojii gaggaarii baay’isaa hojjadhaa, hojii gaggaarii kanas Rabbiif jedhaa hojjadhaa. Yoosan, gubaan jaalalaa isin irraa hir’ata. Yuusuf nama hojii gaggaarii baay’isuudha. Akkasumas, ikhlaasa kan qabuudha. 

Dubbiin sagaagalumatti affeeru asirratti hin xumuramne, in sha Allah torbaan itti fufna.


[1]Tafsiiru Sa’idyyi-fuula 457, Zaadul Masiir-fuula 692
Tafsiiru Sa’dii, Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 9
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 7

Leave a Reply