Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 7

Asii gaditti barnoota guddaa seenaa Yuusuf irraa arganna.

Boolla Keessaa Baafamuun Gara Misir (Ijipt) Geeffamuu

12:19

“Imaltoonni ni dhufan, nama bishaan isaaniif waraabus ni ergan. Innis baaldi isaa gara biiritti gadi lakkise. “Oduu gammachiisaa! Kunoo gurbaa [arganne]” jedhe. Meeshaa daldalaa gochuun isa dhoksan. Rabbiin wanta isaan hojjatan ni beeka.” Suuratu Yuusuf 12:19

Kana jechuun daldaltoonni karaa deeman naannawa biirii Yuusuf itti darbamee ni dhufan. Nama bishaan isaaniif barbaadu fi waraabu ni ergan. Namni kunis baaldi tushaa qabu biirii (eela) Yuusuf keessa jiruutti gadi dhiise. Yuusufis tushaatti rarra’uu fi baaldi kana keessa taa’uun nama kanatti olbahe. Namtichis yommuu Yuusufin argu garmalee gammadee, “Oduu gammachiisaa! Kunoo gurbaa garmalee wuddii ta’e argannee” jedhe lallabe. Maaliif akkanatti gammadee? Sababni isaas, yeroon suni yeroo garbummaati, meeshaalee daldalaa keessaa garmalee wuddii kan ta’ee garbicha ture. Kanaafu, Yuusufin garbicha gochuun gurguratu. Kanaafi, itti aanse ni jedhe: “Meeshaa daldalaa gochuun isa dhoksan.” Kana jechuun daldaltoonni kunniin akka warri isaa ykn namoonni naannoo sanii isa hin argineef Yuusufin ni dhoksan, meeshaa daldalaa ittiin daldalan keessaa tokko akka ta’etti isa ilaalan. Yeroo sanitti garbichi meeshaa daldalaa waan ta’eef biyya isaaniitti geessanii gurgurachuuf Yuusufin ni dhoksan.

Silaa dirqamni isaan irra jiru waa’ee mucaa kana iyyaafachuun maatiif deebisuudha. Garuu isaan dafanii dhoksanii gara Misir (Ijipt) deemaniin. “Rabbiin wanta isaan hojjatan ni beeka.” Kana jechuun Rabbiin wanta imaltoonni kunniin Yuusufitti hojjatan ni beeka.

12:20

“Gatii xiqqaa, saantima meetaa lakkaawwamtutti isa gurguran. Isatti kan hin hajamne turan.” Suuratu Yuusuf 12:20

Kana jechuun imaltoonni biirii keessaa isa baasan Ijipt geessun gatii xiqqaatti gurguran. Xiqqeenya gatii kanaa ibsuuf “saantima meetaa lakkaawwamtu” jedhe. Saantimni meetaa (dirhamni) kunniin baay’ee waan hin taanef kan lakkaawwamaniidha. Kanaafu, Yuusufin saantima meetaa muraasatti gurguran.

Daldaltoonni kunniin Yuusufin gatii akka hin qabneetti isa ilaalan. Sababni isaas, isaan Yuusufin ni hatan, kanaafu dafanii ofirraa hobbaafachu barbaadan. Akkuma beekkamu namoonni wanta tokko yoo hatan ykn lafaa argatan, dafanii wanta san gurguruu barbaadu. Gatii guddaa itti hin kennan. Wanta sanitti hin hajaman (dhimma itti hin qaban). Daldaltoonni yakka akka hojjatanitti isaanitti dhagahame. Sababni isaas, gurbaa nagahaa akka garbaatti gurguramu hin qabne fudhatanii gurgurtaaf dhiyeessan.

Barnoota asirraa fudhannu:

  1. Namni wanta lafaa argatee yoo abbaaf deebisuu hin barbaanne, wanta san ni dhoksa. Garuu akka shari’aatti namni wanta gatii guddaa qabu yoo lafaa arge, dirqamni isarra jiru iyyaafachuun abbaaf deebisuudha.
  2. Meeshaan hannaa gatii isaaf maluu gadiitti gurgurama- wanti hatame ykn akkanumatti argame gatiin isaaf malu isaaf hin kennamu.  Wanti tokko wanta hannaa ta’uu beeku yoo barbaanne, gatii meeshaan kuni gabayaa irratti karaa seera-qabeessan ittiin gurguramu beekudha. Ergasii gatii isaatii gadi garmalee rakasa yoo ta’e, meeshaa hannaa akka ta’etti hubachuu dandeenya.
  3. Hanga fedhe gatii guddaa osoo qabaatellee, wanti ifaajee malee akkanumatti argame yeroo baay’ee gatiin isaaf malu itti hin kennamu. Gatiin Yuusuf qabu gatii guddaadha. Garuu daldaltoonni akkanumatti waan argataniif gatii isaaf maluu isaaf hin kennine.
  4. Namni har’a namoonni gatii isaaf hin kennine guyyaa tokko sadarkaa ol’aanaa irra gahuu danda’a. Daldaltoonni kunniin Yuusufiif gatii isaaf malu hin kennineef. Akka salphaatti isa ilaalan. Garuu boodarra guddachuun ministeera biyya isaanii ta’uun isaan bulche. Kanaafu, namoonni waan si tuffataniif hin gaddin. Yoo Rabbiin si jabeesse, eenyullee si hin salphisu.

Gabayaa irraa gara Masara Mootummaa 

12:21

“Misir irraa kan isa bite haadha manaa isaatiin ni jedhe, “Iddoo qubannaa isaa tolchi, tarii nu fayyaduu danda’a yookiin ilma isa godhachuu dandeenya.” Hiika abjuu isa barsiisuuf akka kanatti dachii keessatti Yuusufin bakka mijeessineef. Rabbiin ajaja Isaa irratti Injifataadha, garuu namoonni irra hedduun hin beekan.” Suuratu Yuusuf 12:21

Misir irraa kan isa bite haadha manaa isaatiin ni jedhe, “Iddoo qubannaa isaa tolchi, tarii nu fayyaduu danda’a yookiin ilma isa godhachuu dandeenya.” Kana jechuun yommuu imalatoonni Yuusufin gara Misir fidan, ministeerri Misir (Ijipt) isa ni bite. Ergasii haadha warraa isaatiin akkana jedhe: “Haala gaariin kunuunsi, wanta inni barbaadu isaaf godhi, iddoo qubannaa isaa mijaawaa taasisiif.” Ministeerri kuni Yuusuf akkuma ijoollee biroo akka hin taane ni beeke, kanaafu niitin isaa haala gaariin akka isa kunuunsitu ni ajaje. Maaliif? Sababni isaa: … tarii nu fayyaduu danda’a yookiin ilma isa godhachuu dandeenya.” Kana jechuun yoo iddoo qubbannaa isaa mijaawaa isaaf gootee fi haala gaariin isa kunuunsitee, akka faaydaa gaarii nuuf buusu abdanna. Yookiin immoo ilma guddifachaa godhanna. Akka ifa ta’uutti isaan ilma hin qaban. Kanaafu, karaa guddifachaatin ilma isaanitti tola oolu barbaadu. Guddifachaan dhimma fudhatamu qabu ture. garuu Islaamni dhufuun seera guddifachaa ni balleesse.

“Hiika abjuu isa barsiisuuf akka kanatti dachii keessatti Yuusufin bakka mijeessineef.” Osoo Rabbiin fedhe silaa Yuusuf bulchaa badaa biratti haala badaa keessatti ta’aa ture. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karoora gaarii isaaf qaba. Rabbiin eela gadi fagoo keessaa olbaasuun mana qondaala ol’aanaa Ijıpt keessa godhe. Kana hunda keessatti Rabbiin dhimma Yuusuf too’ataa ture, fedhii Isaa kan kuffisu hin jiru.

Kana hunda kan godheef hiika abjuu barsiisuufi. Hiikni abjuu beekumsa Rabbiin nama badhaasudha. Kuni beekumsa kitaaba irraa baratanii miti. Beekumsa kana Nabiyyoonni Rabbii hundu ni beeku, keessumayyu Nabii Yuusuf beekumsa kanaan daran kan badhaafameedha. Aayah tana keessatti akka waan Rabbiin akkana jedhuuti: “Yuusuf abjuu mootii dabalatee abjuu namootaa ni hiika, garuu kuni hundi abjuu isaa jalqabaa galmaan gahuufi.’ Abjuun jalqabaa kuni jiiyni, aduu fi urjiileen isaaf sujuudanii osoo jiranu arguudha.

Wanti Yuusufitti raawwatamee fi tartiibni itti raawwatame, chaansin (tasaan) kan argamee miti. Garuu kana irra, Rabbiin dursee kan murteessedha. Karoora Isaati.

Rabbiin ajaja Isaa irratti Injifataadha,” Kana jechuun Rabbiin azza wa jalla wanta murteesse hojii irra oolchu irratti danda’aadha. Eenyullee ajaja Isaa faallessuu hin danda’u. Nama ajaja Isaa faallessuu ni injifata. Wanti Inni fedhe ni ta’a. Yoo Inni hin fedhin wanti namoonni fedhan hin ta’u.

Obboleeyyan Yuusuf isa ajjeesu barbaadan, garuu isa ajjeesu hin dandeenye. Eelatti isa gatuun biyyarraa isa faggeessuu fi oduu isaa dhoksuu barbaadan. Garuu wanti Rabbiin murteesse eenyullee faallessuu waan hin dandeenyeef oduun Yuusuf yeroon booda ifatti bahe. Imaltoonni akka garbaatti haa gurguranii malee Yuusuf boodarra ministeera biyyatti ta’e. San booda wanti abjuu keessatti arge dhugaadhaan akka mul’atu taasise. Kuni hundi wanta Rabbiin dursee murteesse fi ajaja Isaa eenyullee kan hin faallessine ta’uu agarsiisa. “garuu namoonni irra hedduun hin beekan.” Kana jechuun namoonni baay’een dhugaa kana hin beekan, kanaaf seera Rabbii faallessuuf carraaqu. Akka waan murtii Rabbii fashaleessu danda’aniitti shiraa fi tooftaa isaaniitiin wanta barbaadan galmaan gahuuf yaalu.

Aayan tuni gama bay’ee barbaachisaa amanti keenyaa nu yaadachiisti. Innis tawakkula (Rabbiin irratti hirkachuu). Hiikni aayah: wanti hunduu akkaataa karoora Rabbiitin raawwatama. Akka Ya’quub hojjatetti badii irraa of eeguf dirqama nurra jiru osoo hojjannu, bu’aan dhumaa harka Rabbii akka jiruu fi karoorri Isaa hojii irra akka oolu beeku qabna. Wanta Rabbiin fedhe malee homtu akka hin uumamne yoo sirritti hubanne, Isa qofa irratti hirkanna, murtii Isaa ni fudhanna. [1]  

Barnoota Asirraa Fudhannu: Namoonni hanga fedhan osoo shiraa fi tooftaa xaxanillee, Rabbiin azza wajalla shiraa fi tooftaa isaanii kana ni fashaleessa. Osoo shiraa fi tooftaan isaanii kuni galma gaheeyyu, wanta Rabbiin fedhe galma akka gahuuf sababa ta’aa malee kaayyoo isaanii haala guutuu ta’een galmaan hin gahu. Fkn, obboleeyyan Yuusuf jaalala abbaa isaanii argachuuf Yuusufin dhabamsiisuuf shira xaxan. Garuu shirri isaanii kaayyoo isaanii galmaan hin geenye. Kana irra, shirri isaanii kuni wanta Rabbiin fedhe galma akka gahuuf sababa ta’e. Wanti kunis Yuusuf Ijipt keessatti ministeera ta’uudha. Kanaafu, nuti dhara namatti yaaduun shira yoo isatti xaxne, kaayyoon keenya galma akka hin geenye asirraa ni baranna. Gama biraatiin namni shira nutti xaxus hayyama Rabbiitiin malee homaa nu miidhu akka hin dandeenye ni hubanna.

Sababa toltuu hojjataniin hikmaa fi beekumsa argachuu

12:22

“Yommuu umrii gaheessummaa isaa gahu, hikmaa fi beekumsa isaaf kennine. Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.” Suuratu Yuusuf 12:22

Qur’aanni jechoota muraasaan Yuusuf umrii ijoollummaa irraa gara umrii gaheessumaatti akka darbee beeksisa. “Yommuu umrii gaheessummaa isaa gahu…” Kana jechuun umrii qaamni isaa itti jabaatu, sammuun isaa itti bilchaatu fi itti-gaafatamummaa ulfaata baadhachuuf gahaa itti ta’u gahuu, “hikmaa fi beekumsa isaaf kennine.”

Umriin gaheessummaa umrii 18-40 jidduu jiruudha. Umrii kanatti qaamni jabeenya ol’aanaa irra gaha, sammuun ni bilchaata. Hikmaan hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa; hikmaa jechuun haqiiqaa (dhugaa) wantootaa sirritti hubachuu fi gamnummaadha. Warri lugaa akka jedhanitti Araba biratti hukmi jechuun wanta wallaallummaa fi dogongoraa irraa nama deebisuu fi wanta nafsee salphisuu irraa ishii dhoowwudha. Haakimni (abbaan murtii) haakima (abbaa murtii) kan jedhameef inni zulmii fi jallinna irraa waan nama dhoowwuufi.

Gabaabumatti hikmaa jechuun hubannoo, gamnumma, wanta sirrii hojjachuu fi wanta badaa irraa of qabuudha. Namni hikmaa qabu hakiim (gamna) jedhama. Sababni isaas, inni nama hubannoo guddaa fi gamnummaa qabu, wanta sirrii dubbatuu fi hojjatu, akkasumas wanta badaa irraa of qusatuudha. Rabbiin Yuusufiif umrii gaheessummaa yommuu gahuu hubannoo, gamnummaa, wanta sirrii hojjachuu fi dubbachuu, wanta badaa irraa of qusachuu, akkasumas beekumsa ni kenneef. Beekumsa kana keessaa beekumsa abjuu hiikuti. Hikmaan nabiyyummaas waan of keessatti qabatuuf Yuusufiif nabiyyummaanis kennameefi jira. Yeroo umrii gaheessummaa gahu Nabiyyi ta’e.

 “Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.” Akkuma Yuusufin sababa hojii isaa bareechisee, badii irraa fagaate fi tola oolef hikmaa fi beekumsaa isaaf kennuun mindeessine, warra hojii isaanii bareechisan, badii irraa fagaatanii fi namootatti tola oolanis hikmaa fi beekumsa isaaniif kennuun ni mindeessina.[2] Kuni kan agarsiisu ihsaana qabaachuun hikmaa (wisdom) fi beekumsa akka argataniif sababa ta’a. Muhsiniin jecha ahsana, ihsaan jedhu irraa dhufe.

Ihsaanni waa lama of keessatti qabata: 1ffaa- Ibaadaa bareechisu. 2ffaa-Namootatti tola oolu.

Ibaada bareechisu ilaalchise hadiisa keessatti: Ihsaana jechuun “Akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu baatteyyuu dhugumatti Inni si arga.”  Sahih Muslim 8 a  (Ihsaanni kunis waa lamaan galma gaha: A-Ikhlaasa qabaachuu (Rabbiif qofa jedhanii hojjachuu). B-Shari’aa hordofuu (Akkaata Rasuulli (SAW) itti hojjatanitti hojjachuu).)

Akkasumas, ibaadaa bareechisuuf wanta ibaadaa fokkisuu fi balleessu irraa fagaachun dirqama. Kunis badii fi diliidha.

Barnoonni asirraa barannuu: namni akkuma hojii gaggaarii ikhlaasan hojjatuun, ma’asiyaa (badii) irraa fagaatuu fi namootatti tola ooluun; hubannoon, gamnummaa fi beekumsi isaaf dabalama. Hojii gaggaarii keessaa inni guddaan beekumsa shari’aa barachuudha.


[1] Lessons from Surah Yusuf-fuula 51-54, Yaasir Qaadi, Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/639-641

[2] Zaadul Masiir-688,

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 8
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 6

Leave a Reply