Yaadaa fi Milkaa’inna-Kitaaba Guutuu

Kitaabni “Yaadaa fi Milkaa’inna” jedhu, tarkaanfilee kudhan miira mirqaansu jabaatiin nama sochoosun gara milkaa’innaatti nama qajeelchu ibsa…. Nama qalbii isaa jaalala milkaa’innaatiin qabsiisuu barbaade hunda dubbisa.

Jabeenyi yaaduu akkamitti dagaagfamaa? Si’aa’inni hojii akkamitti argamaa? Gootummaan gara hojii darbuu akkamitti jabaataa? Humna ammaa akkamitti itti fayyadamanii? Hojiwwan yoosu ammuma hojjachuun humna akkamii namaaf kennaa?

Milkaa’inni ilma hojiiti. Akkuma namoota milkaa’anii sa’aati digdamii afur, sammuu cimaa fi qoma ajaa’ibaa qabdu. Garuu osoo hin dhaabbatiin ijjannoo hojii qabduu? Jijjirama ajaa’ibaa keessa jirra. Qabsoo fi gara fuunduraatti tarkaanfachuu yoo dhiisne, bakka jiruutti daakamu dandeenya. Kitaaba kanaan qaanqen mirqaansu qoma keessan keessatti dhoostan gara yaada keessaniitti faca’a, jireenyi teessan gara sochiitti dabarti. Kaayyoowwan gurguddaaf jedhanii qalbiin si’aa’innaan hojjachuu caalaa wanti mi’aawaan maalidhaa?

Dubbistoonni akkana jechuun barreessan:
“[Sababa kitaaba kana dubbisuutiin] jireenyi tiyya hiddarraa tan jijjiramte taate arge.”
“Ofitti amanamummaan kiyya ni dabale, jireenya irraa gammachuu guddaa argachaa jira.”
“Akka rookketti gara hawaatti furga’aa jiruutti natti dhagahame.”
“Jireenya kiyya keessatti yeroo gabaaba keessatti kitaaba yeroo jalqabaatiif dubbisee fixeedha.” -Golgaa kitaabichaa irraa fudhatame.

Dhugumatti kitaabni kuni birri kumaanis osoo bitame nama hin seenessu. Sababni isaas, jijjiramni inni jireenya namaa keessatti fidu maallaqa, yeroo fi umrii qisaasessu irraa baraaruun kaayyoo fi milkaa’inna guddaatti nama qajeelcha. Of-dagaagsu (Self-development) ilaalchise kitaabban warra dhiyaa bestsellers jedhaman baay’ee dubbisee jira. Garuu dhiibbaa fi bu’aan isaan narratti fidan hangas maraa miti. Garuu kitaabni “Yaadaa fi Milkaa’inna” jedhu kuni dhiibbaa fi bu’aan inni narratti fide baay’ee guddaadha. Tarkaanfi tarkaanfin karaa milkaa’innaa namatti akeeka.

Hiriyyaan kiyya tokko kitaaba kana erga dubbisee booda jijjirama isarratti mul’ate akkana jechuun barreesse: “Yaa obboleessa koo dhiheenya kana akkumaan kitaabicha kana argadhee dubbisuu jalqabeen kaka’umsaa fi fedhii haara’a adda taheefii eenyummaa ke Kan hegeree akka arra murteessuu dandeessu gadi fageenyaan irraa hubadhe. Kuni ammoo Hanga tokko akkaan waan baayyee keessatti of arguufii of hubachuuf dandeettii horadhu sababa naaf ta’e Alhamdulillaah,
Miirri fi boqonnaan haaraan ergaan kitaaba kana dubbisuu eegalee horadhe kun yaada gaarii akkaan qabaadhuufi kaniin qabu naaf gabbisuu qofa irratti kan gabaabbate hin turre. Yaada ko san ga’umsa qabuufi hubannoon qabuun wal madaalchisee hojitti jijjiiruuf tattaaffiifi tarkaanfii jalqabaa akkaan tarkaafadhu, odoon yeroo hin gubin na kakaase, Alhamdulillaah gabaabsee jijjiirama kana haala kanaa gadiin siif qooda:

Giddu gala qoricha Aadaa oromiyaatti miseensa ergaan ta’ee waggoota Afur lakkoofsiseen jira, ogummaa xiqqoon qaba ture qoricha aadaatiin, dilasillee kitaabban dawaa Aadaa , barachuu baadhu kitaaba akka Al-qaanuun fi xibbi, ibnu siinaa, Mu’jamul A’ashaab fi nabaataati xibbiyati, dr.muhammad hassaan qubeeysii, Tazkirata ulul Albaab, Daawuud Al anxaakii, Aalij nafsa bil qur’aan Wal A’ashaab, Dr ,yuusuf Al mansuuri. Xibbu an nabawi Ibnul Qayyim Al jawziyyii ..fi min mujarrabaati Ar-rakandiyyii, kunuuzu-ssihaa Kan Abbaan ko barreessee ture dubbiseen ture, kuni ammoo biqiltoota baayyee akkaan baru na godhe, yeroo dheereef ogummaa kana haa qabaadhuu malee xiyyeeffannaa hin kennuuf ture, ittiin hojjachuufille fedhii fi kaka’umsa hin qabu. Haa ta’uutii gabaabsuuf amma dhiheenyatti mukkeen faayida qabeessa tahan guuree akkaan zaytii rifeensa dubartii dheerassan fi qoricha narviif kan oolu akkaan oomishu na kakaase. Kana godhuufiis maashina Kan hin gaafanneefi bifa salphaan ogummaa harkaatiin akka baafamu niin beeka ture. Kana godhuu danda’uus gabaa dhiheessuuf hayyama waan gaafatuuf gara biiroo qoricha Aadaa oromiyaa deemee akkaan hayyamsiisuu qabuun hubadhe. Turtii ji’a lamaa ergaan daddeebi’ee hayyama guutuu argadhe Alhamdulillaah Amma waan takka qofaatu naaf hafa inniis maashina wullee ykn kurree qadaadduu pilaastika ykn bottle zaaytii kanaaf qophaa’e kan cuqqaaluu dandahu bituu qofaadha. Kanaas bittaaf haala mijjeessaan jira gatiin isaallee baayyee salphaadha kuma 30-50 Kan hin caalleedha” -Khuleyfi Shekh Aliyyi

Hanga ammaatti warra kitaaba kana online bitachuun dubbisuu jalqaban irraayyis jijjirama akkanaa ni abdanna. Isiniis jijjirama akkanaa hin barbaaddanii? Kitaaba kana maxxansuun baay’ee wuddii waan ta’eef karaa online’tiin bitachuun ni danda’ama. Tarkaanfilee kana hordofaa:
1ffaa-Aplikeeshini UPDF Reader jedhu Google Store irraa buufadhaa. Aplikeeshinin kuni bilbila (moobayili) keessan irratti hojjachuu ykn hojjachuu dhabuu mirkaneefadhaa.
2ffaa-Aplikeeshinin kuni moobayili keessan irratti yoo hojjate, gatii kitaabaa karaa baankitiin galchaa. Gatiin kitaaba birri 100 qofa. Aplikeeshiin kuni mobaayili keessan irratti yoo hin hojjatin, karaa telegraamitiin nu qunnamaa, furmaata biraa itti barbaanna. Laakkofsa baanki 1000378272867 (Jibril Abdela Ismael) irratti galchuu dandeessu.Commercial Bank of Ethiopia (CBE)-Nigd Bank
3ffaa-Nagahee (Risiiti) Telegraamin ykn Whatsappin nuuf ergaa. Mobaayili banking yoo fayyadamtan, screen shot gochuun nuuf ergaa. Linki Telegraami: https://t.me/jibrilabdella ykn lakkoofsa bilbilaa:+905070617609
4ffaa-Erga nagahee ergitanii booda linkiin kitaabicha isiniif ergama. Linkii kitaabicha tuquun kitaaba ni buufattu. San booda aplikeeshini armaan oli fayyadamuun dubbisuu dandeessu.

Aplikeeshinin yommuu kitaabicha banu “Verifying (mirkaneessaa jira)” waan jedhuuf interneeti barbaada. Yeroo kitaabicha bantan interneeti yoo hin baniin ergaa akkana jedhu agarsiisa: “Opening the file on this device is not allowed” Kanaafu, yommuu kitaabicha bantan, interneeti banaa. Erga kitaabichi banamee booda interneeti cufuu dandeessu.

Hubachiisa: Linkiin nama kitaabicha biteef ergamu nama baay’eef hin hojjatu. Nama bite qofatu kitaabicha buusee itti fayyadama. Kitaabichi mobaayili isaatin alatti mobaayili namoota biroo irratti hin banamu. Liinki isiniif ergame share yoo gootan namoonni kitaabicha hin bitin banuu hin danda’an. Kanaafu, akka bitanii itti fayyadamaniif maqaa kitaabichaa fi eessaa akka bitamu share gochuu dandeessu.

Qabiyyee kitaabaa ilaaluu fi tarkaanfilee 1-2 dubbisuuf as tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2021/10/yaadamilkii1-2.pdf

Print Friendly, PDF & Email
Galaana Fitnaa
Telegiraami irratti

4 comments

Leave a Reply