Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 11

Sagaagalumatti Kufuu wayyaa moo Hidhamuu Wayyaa?
Niitin Aziiz Yuusufin wal-qunnamuuf garmalee barbaadde. Dubartoota fuunduratti yoo inni fedhii ishii kana hin guutiniif, akka adabbii cimaa adabamu itti dhaadatte. Yommuu Yuusuf (aleyh salaam) dhaadhanna (zaacha) kana dhagahuu fi dubartoonni ishii qeeqaa turan gaafi ishiitiif deebii akka deebisuuf isa jajjabeessan argu, gara Gooftaa isaatti qajeeluun akkana jechuun kadhate:

12:33

Ni jedhe, “Gooftaa kiyya! Wanta isaan itti na waaman caalaa hidhaan na biratti jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa hin deebisin, gara isaanitti daba, wallaaltota keessaa tokko ta’a.” Suuratu Yuusuf 12:33

Yuusuf ni jedhe: Yaa Rabbii kiyya hoo! Sagaagalummaa isaan itti na waamanitti kufuu caalaa hidhaan naaf jaallatamaadha. Sababni isaas, sagaagalummaatti kufuun adabbii guddaa fi yeroo dheeraaf turuuf nama saaxila, hidhaan immoo yeroo gabaabaf kan turuudha.” Inumaa, manni hidhaa badii isaan itti waaman irraa isa fageessa. Yuusuf sagaagalumatti kufuu caalaa mana hidha erga filatee booda humnaa fi tooftaa ofiitirraa of qulqulleesse. Yoo Rabbiin isa hin gargaarin, qormaata cimaa ofirraa ittisu akka hin dandeenye ni beeksise: “Yoo Ati shira isaanii narraa hin deebisin, gara isaanitti daba.” Kana jechuun yaa Rabbii! Ani dadhabaadha, badii ofirraa deebisuu hin danda’u, yoo Ati sharri dubartoota kanninii narraa hin deebisin, ani gara isaanitti dabuun badii keessatti kufa, wallaaltoota sababa wallaalummaa isaanitiin badiitti kufan keessaa tokko ta’a.

Tan baditti waamaa turte niiti Aziizi. Dubartoonni biroo immoo badii akka hojjatuuf isa jajjabeessan. Kanaafu, hundi isaaniitu badii sagaagalumma akka raawwatuuf shira xaxan.

Asitti “wallaaltota keessaa tokko ta’a.” jechuun kadhaa isaa xumure. Sagaagalummaatti kufuun wallaalumaadha. Sababni isaas, namni sagaagalummaa raawwatu Jannata keessatti mi’aa turaa fi itti fufaa dhiisee mi’aa xiqqoo fi yeroo gabaabduuf turu filata. Namni kana dhiisee san filatu, isa caalaa namni wallaalaan ni jiraa? Dhugumatti, beekumsaa fi qarummaan wantoota gaggaarii fi mi’aawaa lamaan keessaa guddaa kan ta’etti nama waama. Kanaafu, namni beekumsaa fi qarummaa qabu wanta dhumti isaa faarfamaa ta’e filata.[1]  

12:34

“Kanaafu, Gooftaan isaa deebii isaaf deebise, shira isaaniis isa irraa garagalche. Dhugumatti, Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Yuusuf 12:34

Rabbiin Yuusufiif deebii ni deebise, wanta niitin Aziizi fi hiriyyoonni ishii isarraa barbaadan isarraa ni deebise. Dhugumatti, Rabbiin kadhaa Yuusufi fi kadhaa uumamtoota Isaa hunda ni dhagaya, haajaa isaaniitii fi wanta isaaniif tolu hunda ni beeka.[2]

Akka kanatti, Rabbiin Yuusufin qormaata jabaa kana irraa isa baraare. Warri isa bulchan immoo yommuu oduun garmalee babal’atuu, murtii isa hidhu irra gahan:

12:35

“Mallattoolee erga arganii booda, hanga yeroo murtaa’ee isa hidhuun isaanitti mul’ate.” Suuratu Yuusuf 12:35

Kana jechuun Aziiz fi warri isa waliin jiran, ragaalee Yuusuf qulqulluu ta’uu agarsiisu osoo arganuu hanga yeroo murtaa’e Yuusufin hidhuuf irratti wali galan. Sababni isaan kana godhaniif, oduu addaan kutuu fi namoonni akka dagataniifi. Oduun tokko yoo babal’ate, dubbatamu itti fufa. Sababni isaa jiraachu waliin ni babal’ata. Yoo sababni isaa bade immoo, ni dagatama. Aziizi fi warri isa waliin jiran, kuni bu’a qabeessa akka isaaniif ta’e ni argan. Kanaafu, Yuusufin mana hidhaa keessa seensisan.[3]

Yuusuf (aleyh salaam) gaddaa fi rakkoo cimaa fuundaratti obsa guddaa agarsiise. Yommuu ijoollummaa eelatti ni darbame, ergasii Rabbiin isa baraaruun mijaa’innaa fi nageenya keessa godhe. Kunoo amma Rabbiin qormaata daran cimaa ta’en isa qoraa jira: mana hidhaa. Kuni kan agarsiisu, qormaanni muxanno yeroo takka qunnamanii darbuu miti. Kana irra, jireenyi addunyaa tuni sansalata qormaataati. Akkuma rakkoo fi mijaa’inni dhufuun, rakkoo fi mijaa’inni itti aanu guddaa ta’a. Xumura qormaata hundaa irratti warra qormaata darbaniif mindaa guddaa, jireenya zalaalami Jannataatu jira.[4]

Guduunfaa
✏Qormaanni (fitnaan) gurguddaan lama yommuu nama fuunduratti dhiyaatu, miidhaan isaa xiqqaa kan ta’e filatan. Asitti Yuusuf fitnaan lama isa fuunduratti bahe: mana hidhaatti darbamu fi niiti Aziizitiif fedhii ishii guutuu (zinaa raawwachuu). Zinaan miidhaan isaa guddaadha. Addunyaa keessatti qalbiin akka hidhamtu, dhiphattu fi salphatan nama taasisa. Aakhiratti adabbii azaabaa cimaaf nama saaxila. Hidhaan immoo yommuu adabbii Aakhiraatiin wal-bira qabamu yeroo gabaabaaf kan turuudha. Kanaafu, Yuusuf (aleyh salaam) Gooftaa isaa faallessu irra mana hidhaa filate.

39:13

Jedhi, ‘Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa nan sodaadha.’” Suuratu Az-Zumar 39:11-13

✏Namni hanga fedhe iimaanaa fi taqwaa haa qabaatu, yoo Rabbiin zinaa irraa isa hin eegin zinaatti kufuu danda’a. Kanaafi, Yuusuf gara Rabbiitti dheessun zinaa irraa akka isa eegu kadhate. Nabiyyin kabajamaan kuni yoo akkanatti Gooftaa isaa kadhate, nuti warri dadhabdoonni hoo maal gochuu qabnaa? Zinaa irraa akka nu tiiksu Rabbiitti warwaachu qabna. Fedhiin jaalalaa akka volkaano keessa namaatti dhooyun, namni of too’achu dadhaba. Namni gariin nyaata fi dhugaati irraa obsuu danda’a, garuu dubartoota irraa obsuun garmalee itti ulfaata. Kanaafu, zinaa irraa Rabbiin akka nu eegu halkanii guyyaa Isatti warwaachu qabna. “Yaa Rabbii! Zinaa irraa na eegi.” haa jennu.

✏Namni dhugaadhaan Rabbiitti warwaate (garmalee kadhate), Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaaf ni deebii deebisa. Yuusuf dhugaadhaan ni kadhate.“Kanaafu, Gooftaan isaa deebii isaaf deebise, shira isaaniis isa irraa garagalche. Dhugumatti, Inni Dhagayaa, Beekadha.”


[1] Tafsiir Sa’dii-459[2] Tafsiir Muyassar-239[3] Tafsiir Sa’dii-459[4] Lesson from Suurah Yuusuf-76

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 12
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 10

Leave a Reply