Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 12

Jireenya Mijaa’innaa irraa gara Mana Hidhaatti
Jiruun tuni qormaataa fi bu’aa bayi baay’een tan guuttamteedha. Yeroo hundaa rakkoon homaatu osoo na hin qunnamiin mijaa’inna keessa nan tura jedhanii yaaduun gowwummaadha. Addunyaan iddoo qormaataa waan taateef yeroo garii mijaa’inna keessa, yeroo biraa immoo rakkoo keessa taana. Kunoo jireenyi nabii Yuusuf aleyh salaam fakkeenya guddaa nuuf taati. Yuusuf koolu abbaa isaa keessatti kunuunfama ture. Ergasii yeroo muraasan booda qananii kana keessa butamuun gara eelaatti darbame. Ammas yeroo muraasan booda eela keessaa baafamuun biyya misir keessatti masar mootummaa keessatti jireenya isaa itti fufe. Hanga yeroo murtaa’e mijaa’inna fi toltu keessa jiraate. Garuu qormaata cimaan ni qorame. Kunoo amma sobaan yakkamuun jireenya mijaa’inna keessaa bahuun gara mana hidhaa dhiphootti deemuf jira. Argitanii bu’aa bayii fi qormaata jireenyaa? Kaleessa mijaa’innaa keessa jiraachu dandeenya. Har’a mana hidhaatti darbamuu, reebamuu fi rakkooleen adda addaa nurra gahuu danda’u. Kanaafu, jireenya Yuusuf fakkeenya godhachuun obsuuf qophiidhaa?

Maarree bu’aa bayi jireenya Yuusuf ilaalu itti haa fufnu…

12:36

Isa waliin dargaggoonni lama mana hidhaa seenan. Isaan keessaa tokko, “Ani [abjuudhaan] waynii kan cuunfu ta’ee of argee.” Jedhe. Kan lammataas, “Ani [abjuudhaan] mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhadhee of arge, [daabboo kana] irraa allaattin ni nyaatti.” Jedhe. Hiika isaa nutti himi. Dhugumatti, toltu hojjattoota keessaa tokko akka taatetti si argina.” [jedhan] -Suuratu Yuusuf 12:36

Yuusufiin waliin dargaggoonni lama kanneen mootii tajaajilan mana hidhaa seenan. Isaan kunniin tokko mootiif daadhii kan hojjatu, kan biraa immoo daabboo kan tolchuudha. Mootii summiin ajjeesuuf shira baastan jedhamanii yakkamun mana hidhaatti darbaman. Dargaggoonni kunniin abjuu keessatti wanta ajaa’ibaa argan. Sababa Yuusuf amala ol’aanaa qabuuf dargaggoonni lamaan kunniin isatti dhiyaachuun abjuu akka isaaniif hiiku isa gaafatan. Dargaggoota lamaan kanniin keessaa tokko akkana jedhe: “Ani [abjuudhaan] waynii kan cuunfu ta’ee of argee.” Kana jechuun ani abjuu keessatti daadhii akka ta’uuf wayni (inaba) osoo cuunfu of arge. Dargaggeessi lammataas akkana jedhe: “ani abjuu keessatti mataa kiyya irratti daabboo baadhadhee arge. Daabboo kana irraa allaattin ni nyaatti.” Yaa Yuusuf hiika wanta argine kanaa nutti himi.”

Hidhamtoonni lamaan kunniin namni gaariin abjuu hiiku akka danda’u ni hubatan. “Dhugumatti nuti warra dubbii fi hojii isaanii bareechisan keessaa tokko akka taatetti si argina.” jedhan. Yuusuf muhsiniin (warra toltu hojjatan, hojii fi dubbii isaanii bareechisan) keessaa tokko akka ta’etti ni hubatan. Rabbiin Yuusufin gamnummaan, beekumsaa fi dandeetti abjuu hiikutiin ni badhaase. Kanaafu, hiriyyoota isa waliin hidhaman gargaaruuf, yeroon kennaa kana itti fayyadamu amma.

Garuu hanga gara amanti Rabbii haqaatti isaan waamutti Yuusuf takkamaan hiika wanta arganii isaanitti hin beeksisne. Karaa da’awaa laaffisuu fi inni nama dhugaa akka ta’ee isaaniif mirkaneessuuf nyaata gara fuunduraatti isaaniif dhufu isaanitti akka beeksisu waadaa gale:

12:37

Ni jedhe, “Isinitti dhufuun dura hiika isaa isinitti yoo hime malee nyaanni isiniif kennamu hin dhufu. Kuni wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyi. Dhugumatti, ani amanti ummata Rabbiitti hin amannee fi Aakhiratti kafaranii dhiisee jira.” Suuratu Yuusuf 12:37

Yuusuf hiika abjuu isaanii isaanitti himuun dura, ganamas ta’i galgala isaan bira gahuun dura nyaataa masara mootii ykn maatii irraa isaaniif dhufuu nyaata akkami akka ta’e isaanitti beeksisa. Nyaanni dhufuun dura nyaanni akkana akkanaa isiniif dhufa jedhaan. Akkuma inni jedhe nyaanni suni ni dhufa. Kuni beekumsa geeybi (unseen) Yuusuf ittiin adda ta’eedha.

Dargaggoonni lamaan kunniin dhimma Yuusuf kana ni ajaa’ibsiifatan. Mana hidhaa keessatti isaan waliin hidhamee osoo jiru, eenyullee isatti kan hin beeksisne ta’ee osoo jiru akkamitti nyaata gara fuunduraatti isaaniif dhufu isaanitti beeksisaa? Akkuma asirraa ifa ta’utti, dargaggoonni kunniin, “Akkamitti yeroo hundaa wanta kana nutti beeksisuu dandeessee? Kuni wanta tasaan ta’uu miti.” jechuun gaafatan. Innis akkana jechuun isaaniif deebise: “Kuni wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyi.”  Kana jechuun abjuu hiiku fi waa’ee nyaata keessani isinitti beeksiisuun beekumsa Rabbiin na barsiiseedha. Kuni yaada sammuu isaanitti dhufu haaqa. Yaanni kunis “Namni kuni raagdu ta’uu danda’a” yaada jedhuudha. Kanaafu, Yuusufis “ani raagdu miti. Raagdun wanta amantii faalleessu hojjatti, kuni beekumsa urjii ilaaluun ykn raagun argadhe osoo hin ta’in, beekumsa Gooftaan kiyya na barsiiseedha.” jechuun yaada isaanii kana haaqe.

Beekumsa kana akka argatuuf wanta sababa isaaf ta’e itti aanse ni ibse: “Dhugumatti, ani amanti ummata Rabbiitti hin amannee fi Aakhiratti kafaranii dhiisee jira.” Kana jechuun ummanni keessan kan Misir Rabbii Gooftaa wanta hundaa uumetti hin amanan. Rabbiin ilmaan namaa qoruuf jireenya addunyaa keessa kaa’e, ergasii wanta yeroo qormaataa keessatti hojjataniif jazaa isaaniif kafala. Jazaa kafaluun kuni jireenya Aakhirah keessatti adeemsifama. Ummanni keessan jireenya Aakhiraa tanatti kan kafaraniidha. Kana jechuun du’aan booda kaafamuutti, qorannoo fi wanta hojjataniif mindaa ykn adabbii argachuutti hin amanan. Kanaafu, ani amanti ummataa kanaa dhiisee jira.

Dargaggoonnis, “Ati amanti kamiin hordofta ree?” jechuun gaafachuu danda’u. Yuusufis akkana jechuun deebise:

12:38

“Amanti abbooti kiyyaa Ibraahim, Is-haaqi fi Ya’quub hordofe. Rabbiitti waa qindeessuun nuuf hin malu. Kuni tola Rabbii kan nuu fi namoota irra jiruudha. Garuu irra hedduun namootaa [Rabbiin] hin galateeffatan.” Suuratu Yuusuf 12:38

Yuusuf amanti ummata Misir dhiisuu isaa erga isaanitti beeksisee booda amanti hordofuu isaanitti hime: Amantiin ani hordofu kuni amanti abbooti kiyyaa Ibraahim, Is-haaqi fi Ya’quubiti.” Ergasii itti fufuun bu’uura amanti kanaa ibse: “Rabbiitti waa qindeessuun nuuf hin malu.” Kana jechuun Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun (waaqefachuun) gonkumaa nuuf hin malu. Kana irra, dirqamni nurra jiru Rabbii tokkicha gabbarruu, ibaadaa fi amanti Isaaf qulqulleessuudha. “Kuni tola Rabbii kan nuu fi namoota irra jiruudha.” Kana jechuun tawhiinni (Rabbiin tokkichoomsuun) tola Rabbiin nuu fi namoota irratti ooledha. Tawhiida nurratti buusu fi itti nu ajajuun tola nutti oole. Tawhiida kanatti akka waamanii fi jallinna irraa isaan baraaraniif namootatti Ergamtoota erguun namoota irrattis tola oole.  Garuu qananii Rabbiin isaanitti dhangalaaseef, Isatti amanuu fi Isa qofa gabbaruun Isa hin galateeffatan. Inumaa, Isatti kafaru, wanta biraa gabbaruu.

As keessatti Yuusuf jechoota muraasaan utubaalee amanti keenyaa irraa utubaalee gurguddaa sadii ni ibse: Tawhiida (Rabbii olta’aa tokkichoomsu), Risaala (Ergaa Rabbiin erge) fi Aakhirah.

Tawhiinni wantoota sadihiin galma akka gahuu ni dubbate:
1ffaa-Amanti shirkii irratti hundaa’e irraa fagaachu-Dhugaa kana as keessatti ni arganna: “Dhugumatti, ani amanti ummata Rabbiitti hin amannee fi Aakhiratti kafaranii dhiisee jira”
2ffaa Homaa Rabbiitti qindeessu dhiisu (homaa Isa waliin gabbaruu dhiisu)- dhugaa kanas as keessatti ni arganna: “Rabbiitti waa qindeessuun nuuf hin malu.”
3ffaaRabbii olta’aa qofa gabbaruu-kanas as keessatti ni arganna: “Amanti abbooti kiyyaa Ibraahim, Is-haaqi fi Ya’quub hordofe.” Amantin Ibraahim, Is-haaqi fi Ya’aquub Rabbiin qofa gabbaruudha. (Dhimma kana ilaalchise bal’innaan kitaaba “Hiika Islaamaa fi Laa ilaaha ill-Allah” jedhu dubbisuun ni danda’ama.)

Namni amanti shirkii hordofuu ykn Rabbiitti waa qindeesse mushrika ta’a. Namni Rabbiin gabbaruu dide mustakbir (of-tuulaa) ta’a. Fakkeenyaaf kan akka Ibliisaa fi Fira’awna. Namoonni gosa kanaa lamaan kanneen jallataniidha. Namni shirkii dhiisee fi Rabbii tokkicha gabbare immoo muwahhid ta’a. Muwahhid jechuun nama Rabbi tokkicha gabbaru. Kuni nama qajeelaadha.

Barnoonni biraa asirraa fudhatamu: amanti keessatti wanti jalqabaa namoota itti waamu qaban tawhiida. Kuni qajeelfama bu’uura nabiyyoonni hundi ittiin ergamaniidha.  Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu Mu’aaziin gara Yaman ergan akkana jedhaniin: “Gara Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi ani Ergamaa Rabbii akka ta’e ragaa bahuutti isaan waami. Yoo isaan kana tole jedhan, Rabbiin guyyaa fi halkan hunda salaata shan isaan irratti dirqama akka godhe isaan barsiisi. Yoo isaan kana tole jedhan, Rabbiin qabeenya isaanii keessatti zakaa dureeyyi isaanii irraa fuudhamee hiyyeeyyi isaaniitiif kennamu isaan irratti dirqama akka godhe isaan barsiisi.” Sahiih AlBukhaari 1395

Yuusufis dargaggoota kanniin jalqaba gara tawhidaatti waame.

Kitaabban wabii:
Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu Tadabbur-10/667-669
Tafsiir Sa’dii
Tafsiir Al-Wasiix-https://quran.com/12:37/tafsirs/93
Lesson From Suurah Yuusuf

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 13
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 11

Leave a Reply