Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 13

Gara Tawhiidaatti waamuu fi shirkii achi gatuu
Kutaa darbe keessatti Nabii Yuusuf (aleyh salaam) dargaggoota lamaan isa waliin mana hidhaa seenaniif abjuu isaanii hiikun duratti, gara tawhiidaatti isaan affeerun jalqabe. Tawhiinni karaa tokkicha namni ittiin milkaa’u danda’uudha. Mee affeeraa gara tawhiida Nabii Yuusuf dargaggootaaf taasise ilaalu itti haa fufnu:

12:39

“Yaa hiriyyoota mana hidhaa lamaan kiyya! Gooftota adda addaati moo Rabbii Tokkicha hunda Injifataa ta’etu caalaa?” Suuratu Yuusuf 12:39

Gaafin kuni yeroo sanitti ummanni Misir gooftota garagaraa baay’eetti akka amananii fi waaqefatan (gabbaran) agarsiisa. Yuusufis hiriyyoota isaa lamaan kanniin haqa irraa jallachuu irraa akeekachisuun jalqabe. Jallinni kunis gooftonni baay’een akka jiranitti amanuudha.

Gaafin garaagarummaa gooftota baay’ee fi Gooftaa tokkicha jidduu jiru ilaalchisee gaafachuun; balbala wal falmii utubaan isaa: yunivarsi kana ilaalu ta’e bana. Yunivarsiin kuni sirna guutuu tokkoof bula moo sirnoota garagaraatiif bulaa?

Qorannoo fi sirritti itti xinxalluudhaan yunivarsiin kuni sirna tokkoof akka bulu yoo ifa ta’e, Khaaliqni yunivarsi kana uume Khaaliqa tokkicha ta’uu qaba; Gooftaan amaloota Gooftummaatiin yunivarsii too’atu Gooftaa tokkicha ta’uu qaba.

Osoo gooftonni garagaraa baay’een jiraatanii, silaa taatewwan amma ammaa argaman jijjiruu fi hojjachuu keessatti fedhiin isaanii wal falleessaa ture. Wal faalleessuun kuni gara wal mormii, wal-morkachuu fi walitti bu’uutti geessa. Kunis sirni yunivarsii akka jeeqamuu fi badu taasisa.

Jeequmsi fi badiin kuni waan hin argamneef, yunivarsiin garmalee bal’aa ta’e kuni waggoota miliyoonatti lakkaawamuuf sirna wal-qabataa fi tartiiba qabuun itti fufaa waan jiruuf, Gooftaan yunivarsi kana too’atu tokkicha ta’uu qaba.

Ragaa sammuu kana booda, namoota hubannoo qabaniin akkana jedhama: Kanniin lamaan keessaa kamtu isiniif gaariidhaa: Gooftaa guddaa tokkicha yunivarsii hunda too’atuuf gabricha ta’uu wayya moo gooftota adda addaa wal lolanii fi isin bulchuu keessatti wal mormaniif gabricha ta’uu wayyaa? Jecha biraatiin, Gooftaa Tokkicha wanta hundaa injifatuu fi wanta fedhe hojjachuu irratti dandeetti guutuu qabu gabbaruu wayya moo gooftota garagaraa dandeetti hin qabnee fi isin dhiisaati ofiyyu fayyaduu hin dandeenye gabbaruu wayyaa?

Deebiin: Shakkii hin qabu, Gooftaan tokkichi gaarii fi irra caaladha.

Gooftaan kuni Rabbii tokkicha Al-Qahhaar ta’eedha. Homtu hin jiru aangoo Isaa jalatti kan kufu yoo ta’e malee, wanta fedhe irratti hojjata.

Al-Qahhaar- jechuun Injifataa injifannoo Isaa eenyullee daangeessu hin dandeenyedha.

Akka warra seenaa jedhanitti, ummanni Misir gara gooftota soddomaa qabuu turan. Isaan keessaa inni guddaan “Aamuun Ru’a” kan jedhamuudha. Akkuma mushrikoota biroo, isaaniis siidaa dhaabuun gooftota kanniin gabbaraa (waaqefataa) turan. Kanaafu, Yuusuf gooftota kanniin akka dhiisaniif hiriyyoota isaa lamaaniif akkana jechuun waamicha dhiyeesseef[1]:

12:40

Isaa gadiitti maqaalee isinii fi abbootiin keessan moggaastan malee homaa hin gabbartan. Rabbiin isaan ilaalchisee ragaa homaatu hin buusne. Murtiin Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u, Isa malee homaayyu akka hin gabbarre ajaje. Kuni amanti sirriidha, garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Yuusuf 12:40

Isaa gadiitti maqaalee isinii fi abbootiin keessan moggaastan malee homaa hin gabbartan.” Kana jechuun wantoonni isin Rabbii gaditti gabbartan maqaalee malee homaayyu miti. Isinii fi abbootiin keessan “Gabbaramaa (Ilaaha) ykn gooftaa” jechuun maqaa itti baasun gabbartanii malee isaan dhugaadhaan gabbaramaa ykn gooftaa miti.

Namoonni kunniin maqaa malee homaayyu hin gabbarre. Kuni akka nama quunce shunkurtiitiin “Kuni fooni” jedhe moggaasun ergasii nyaateti. Akkana isaan jedhama: Ati maqaa isaa malee foon hin nyaanne. Ammas, akka nama suqqaa daabbodha jedhe nyaateti. Akkana isaan jedhama: ati maqaa daabboo malee homaa hin nyaanne.[2]

Namni yeroo garii walaallummaa irraa kan ka’e, muuzi dhadhaan walitti laaqame “Kuni damma” jechuun nyaata. Garuu suni dhugaadhaan damma miti. Kanaafu, inni maqaa malee damma dhugaa hin nyaanne. Akkuma kana, namoonni Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaran, wanta gabbaran “Ilaaha ykn gooftadha” jedhanii moggaasuun gabbaru. Garuu wanti kuni dhugaadhaan ilaaha ykn gooftaa miti. Kanaafu, isaan maqaa malee ilaaha ykn gooftaa dhugaa hin gabbarre.

“Rabbiin isaan ilaalchisee ragaa homaatu hin buusne.” Kana jechuun wantoonni isin gabbartan kunniin sirrii ykn hayyamamaa ta’uu ilaalchisee Rabbiin ragaa kitaabaas ta’ee ragaa sammuus hin buusne. Ragaan kitaabaa wanta Rabbiin Ergamtoota irratti buusedha. Kitaaba Rabbii olta’aa irraa dhufe keessatti keeyyanni takkattin, “Rabbiin waliin waan biraa gabbaraa (waaqeffadhaa) ykn Isaan ala wanta biraa gabbaruun ni hayyamama” jettu gonkumaa hin jirtu. Ergamtoonni fi nabiyyoonnis kanatti hin ajajne.

Ragaan sammuu immoo wantoota Rabbiin uumee sammuudhaan itti xinxalluu danda’aniidha. Mee sammuun itti yaadi: Rabbii olta’aan alatti wantoonni namoonni waaqeffatan dachii irraa wanta uuman qabuu? Gaarreen, galaana, mukkeen, lubbu-qabeenyi uumanii jiruu? Samii uumuu keessatti Rabbii olta’aa waliin hirmaatanii jiruu? Uumamtootas hin uumne, uumuu keessattis Rabbii olta’aa waliin hin hirmaanne. Kanaafu, isaan Khaaliqa (Uumaa) waan hin taanef, gabbaramaa ta’uu hin danda’an. Dubbiin erga akkana ta’ee, ragaan sammuu “Rabbii olta’aa gadiitti wanta biraa gabbaruun sirriidha” jedhu hin jiru jechuudha. (Bal’innaan kitaaba “Miidhaa, Fokkinnaa fi Soba Shirkii-fuula 126-132 ilaalun ni danda’ama.)

“Murtiin Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u” Kuni gabbaramtoota sobaa isaanii ilaalchise wanta mushrikoonni “gabbaramtoonni keenya murtii fi too’annaa qabu” jechuun amanan haaqa. Mushriikoonni ‘wantoonni nuti gabbarru kunniin nu fayyadu, murtii nuuf kennu fi kkf’ jedhanii amanuun isaan gabbaru. Aayan tuni amanti isaanii kana haaqxi. Lakki, murtii fi too’annaa guutuu kan qabu wantoota isin gabbartan osoo hin ta’in Rabbii olta’aadha. Isin fayyadu, too’achuu fi murtii dabarsuu kan danda’u Rabbii tokkicha. Kanaafu, “Isa malee homaayyu akka hin gabbarre ajaje.”

“Kuni amanti sirriidha” kana jechuun Rabbiin tokkichoomsu fi hojii Isaaf qulqulleessun amantii qajeelaa jallinni keessa hin jirreedha. Garuu namoonni baay’een dhugaa kana hin beekan.

Namoonni baay’een dhugaa amanti Rabbii qajeelaa beekuu hin barbaadan. Sababni isaas, kana beekuun nafsee isaanii irratti dhiibbaa fiduun haqa akka ta’etti hubatu. Ergasii kuni akka hookko fedhii isaanii duuka bu’uu irraa duubatti isaan harkisu ta’a. (Haqni kuni fedhii badaa hordofuu irraa waan isaan dhoowwuuf haqa kana beeku hin barbaadan.) Yookiin immoo faayda addunyaa waliin ko’oomuun amanti kana barachuuf xiyyeefannoo itti hin kennan. Kanaafi, namoonni badii hojjatanii fi jaalala addunyaatin qabaman beekumsa amanti barachuu irraa garagalu.

Yuusuf ergasii gara dargaggoota lamaanii garagaluun abjuu isaanii hiikef:

12:41

Yaa hiriyyoota kiyya kan mana hidhaa! Tokkoon keessan bulchaa isaa daadhii obaasa, kan lammataa immoo fannifamee allaattin mataa isaa irraa nyaatti. Dhimmi isin hiika isaa gaafattan murteeffame.”  Suuratu Yuusuf 12:41

Yuusuf da’awaa isaa erga xumuree booda hiika abjuu dargaggoota lamaanii hiikufi jalqabe. Dargaggoota lamaan kanniin keessaa dargaggeessi abjuu keessatti, “Ani [abjuudhaan] waynii kan cuunfu ta’ee of argee.” jedhe, mana hidhaati gadi dhiifame bakka hojii isaatti deebi’a. Kunis bulchaa ykn mootii isaa daadhii obaasa. Dargaggeessi lammataa, “Ani [abjuudhaan] mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhadhee of arge, [daabboo kana] irraa allaattin ni nyaatti.” jedhe immoo fannifamee allaattin mataa isaa irraa foonii fi gogaa nyaatti. Akka kanatti Yuusuf abjuu isaanii erga hiike booda, “Dhimmi isin hiika isaa gaafattan murteeffame” jedheen. Kana jechuun dhimmi isin gaafattan murteefame xumurame jira, shakkii tokko malee ni argama.

12:42

“Isaan lamaan keessaa ni baraarama jedhe kan yaadeen ni jedhe: ‘Bulchaa kee biratti na dubbadhu.’ Sheyxaanni bulchaa isaatti dubbachuu isa dagachiise. Kanaafu, waggoota muraasaaf mana hidhaa keessa ture.” Suuratu Yuusuf 12:42

Kana jechuun Yuusuf hiriyyoota mana hidhaa lamaan keessaa nama nagaha baha jedhe yaadeen akkana jedhe: Waa’ee kiyya bulchaa kee (mootii) biratti dubbadhu, yakka tokko malee akka hidhame isatti himi” Sheyxaanni namticha kana haala Yuusuf mootitti himu akka dagatu taasise. Kana booda Yuusuf waggoota muraasaaf mana hidhaa keessa ture.


[1] Ma’aariju tafakkur wa daqaa’iq tadabbur-10/670-671

[2] Bidaa’u tafsiiri-68-69

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 14
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 12

Leave a Reply