Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 14
Mootii fi Abjuu
Yuusuf yakka tokko malee mana hidhaatti akka darbamee ni yaadatama. Namni yakka tokko malee hidhame, mana keessa zalaalami hin turu. Guyyaa tokko ima baha. Kunoo Yuusuf waggoota muraasaaf mana hidhaa keessa erga ture, yeroon bahiinsa isaa ni dhiyaate. Yeroon kunis yeroo mootiin biyya Misir bulchuu abjuu ajaa’ibaa arguudha:
“Mootiin ni jedhe: sa’oonni huqqatoon torba sa’oota gabbatoo torba kan nyaatan, mataa midhaanii magariisa torbaa fi kan biroo immoo gogaa ta’anii arge. Yaa qondaaltota! Dhuguma abjuu kan hiikatan yoo taatan, hiika abjuu tiyyaa natti himaa.” Suuratu Yuusuf 12:13
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Yuusuf mana hidhaa keessaa akka bahuu fi sadarkaa isaa olkaasu yommuu barbaadu, mootichatti abjuu ajaa’ibaa agarsiise. Mootichis namoota gurguddoo ummata keessatti beekkamtii fi sadarkaa qaban walitti qabuun, “Ani abjuu keessatti sa’oonni huqqatoon torba sa’oota fuffurdoo torba yommuu nyaatan arge. Akkasumas, sootalloo (mataa midhaanii) torba magariisa ta’anii fi mataa midhaani biroo torba gogaa ta’an arge. Dhuguma abjuu (manaama) kan hiiktan yoo taatan, abjuu tiyya tana naaf hiikaa.” jedheen. Isaanis akkana jechuun deebii deebisan:
“‘[Kuni] abjuu sobaa walitti makamteedha. Nuti hiika abjuu [akkanaa] hin beeknu.’ jedhan.” Suuratu Yuusuf 12:44
Kana jechuun abjuun tee tuni abjuu sobaa walitti dhooftee fi hiika hin qabneedha. Nuti hiika abjuu akkanaa hin beeknu.
Yommuu qondaaltonni kunniin hiika abjuu kanaa wallaalan, namtichi Yuusufin waliin mana hidhaa keessatti erga hidhame booda gadi lakkifame, Yuusufin ni yaadate:
“[Dargaggoota lamaan mana hiidhaa keessa turan] keessaa kan nagaha bahee fi yeroo dheeraa booda [Yuusufin] yaadate ni jedhe, “Ani hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” Suuratu Yuusuf 12:45
Dargaggoota lamaan mana hidhaa keessatti abjuu arguu turan. Hiika abjuu tanaas Yuusufin gaafatan. Yuusufis abjuu isaanii haala sirrii ta’een isaaniif hiike. Yuusuf tokko akka fannifamee allaattin mataa isaa nyaattu, kan lammataa immoo nagahaan mana hidhaati bahee mooticha daadhii akka obsuu ni ibseef. Akkuma inni jedhe hiikni kuni hojii irra oole. Kanaafu, kan nagaha bahee mootii daadhi obaasuu kuni mooticha bira waan tureef abjuu kana ni dhagahe. Nama abjuu haala sirriin hiiku waan beekuuf, “hiika abjuu kanaa isinitti beeksisaa na ergaa” jedheen. Mootichii fi namoonni naannawa jiran ni ergan. Innis gara mana hidhaatti qajeelun gara Yuusuf dhufee akkana jedhe:
“Yuusuf yaa nama dhugaa dubbatu! Akka gara namootaa deebi’ee beekaniif hiika sa’oonni huqqatoon torba sa’oota gabbatoo torba nyaatan, mataa midhaanii magariisa torbaa fi kan biroo immoo gogaa ta’anii ilaalchisee nuuf ibsi.” Suuratu Yuusuf 12:46
Namtichi Yuusufin bira erga gahee akkana jedheen: Yaa Yuusufi nama garmalee dhugaa dubbatu taate! Akka ani gara namootaa deebi’ee hiika abjuu beekaniif jecha hiika abjuu tanaa nuuf ibsi. Abjuun tunis: sa’oonni huqqatoon torba sa’oota gabbatoo torba nyaachu, mataan midhaanii magariisa torbaa fi kan biroo immoo gogaa ta’uudha.
Yuusufis sa’oonni gabbatoon torbaa fi mataan midhaanii torba magariisni, waggoota torba roobni fi oomishni itti baay’atu akka ta’an, sa’oonni torba huqqatoo fi mataan midhaanii torba gogaan waggoota torba hoonge akka ta’an ni hiike. Rabbiin hundarra beeka, tarii ibsi kanaa: qonni baay’inna roobaa fi hoonge irratti hundaa’a. Yoo roobni baay’een argamee midhaan bareedaa ta’a, horiin ni gabbatu. Garuu yoo hoongen argamee, faallaa kanaa ta’a. Midhaan ni goga, horiin ni huqqata.
Yeroo baay’ee sa’oonni ykn qotiyyoon kan lafa ittiin qotanii fi bishaan ittiin obaasaniidha. Mataan midhaanii immoo wanta hundarraa guddaa namni sooratuudha. Isaan jidduu hariiroon waan jiruuf Yuusuf kanaan hiike. Hiika abjuuti fi wanta hojjachuu qaban bakka tokkotti walitti fide.
“[Yuusuf ni jedhe]: waggoota torba walitti aanan ni facaafattu. Wanta xiqqoo nyaattan malee wanta haamtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa.” Suuratu Yuusuf 12:47
Waggoota torba walitti aanan midhaan ni facaafattu. Waggoota torban booda hoongen cimaan waan dhufuuf, wanta xiqqoo nyaattan malee midhaan haamtan sootallo (mataa midhaanii) irratti dhiisaa; hin ayidinaa, qoola keessaa hin baasinaa. Kunis midhaan osoo hin badiin yeroo dheeraaf akka turu taasisa.
Asitti Yuusuf hoonge waggaa torba gara fuunduraatti dhufu dandamachuuf furmaata lama dhiyeessef: 1ffaa-wanta oomishan irraa xiqqoma akka nyaatan. Kunis qisaasessu irraa isaan tiiksa. 2ffaa-midhaan kuusu. Kunis osoo qoola keessaa hin baasin akkasumatti mataa midhaanii irratti midhaan dhiisudha.
“Ergasii san booda waggoonni rakkinnaa torba, wanta xiqqoo olkaa’attan malee wanta isaaniif dabarsitan nyaatan ni dhufu.” Suuratu Yuusuf 12:48
Kana jechuun waggoota oomishaa torban kana booda waggoonni hoonge fi rakkinna cimaa torba ni dhufu. Wanta xiqqoo sanyiif jettanii ol kaa’attan malee waggoota rakkinnaa kana keessatti wanti isin duraan kuufataa turtan ni dhumata. Sababni isaas, waggoota kana keessa hoongen waan jiruuf namoonni ni nyaatu. “wanta xiqqoo olkaa’attan” kana jechuun sanyii akka ta’uuf jecha wanta olkeessan. Namoonni waggaa dhufu keessa facaasuuf wanta nyaatan irraa “Kuni sanyiif tola” jedhanii wanta xiqqoo olkaa’u. “wanta isaaniif dabarsitan nyaatan” Waggoota hoonge torba jala darbuuf wanti isin duraan kuufataa turtan ni nyaatama. Hoongen yoo dhufe midhaan ni bada, wanti kuufatan ni dhumata. Kana ibsuuf “waggoonni hoonge torba wanta duraan waggaa torba kuufataa turtan nyaatu.” jedhe. Kunis sa’oonni huqqatoon torba sa’oota gabbatoo torba nyaachu agarsiisa.
Itti aanse waggaa hoongeen itti deemee roobni itti dhufuun gammachiise:
“Ergasii san booda waggaan namoonni rooba baay’ee itti argatanii fi [waynii (inaba)] itti cuunfan ni dhufa.” Suuratu Yuusuf 12:49
Kana jechuun waggoota torban kana booda waggaan namoonni rooba baay’ee itti argatan ni dhufa. Waggaa kana keessa midhaan, kuduraalee fi fuduraaleen ni biqilu, oomisha isaanii ni kennu. Midhaan nyaattan gahaa ta’e argachuu bira darbee firaafiree inabaa (waynii) ni cuunfattu.
Guduunfaa
*Tarii abjuun namni arguu dhugaa ta’uun jireenya dhuunfaatii fi hawaasa guutuun wal-qabachuu dandeessi. Suurah Yuusuf keessatti abjuun Yuusuf argee fi dargaggoonni lamaan argan jireenya nama dhuunfaatin yommuu wal-qabattu, abjuun mootin arge immoo jireenya hawaasaatiin wal-qabatti. Kanaafu, abjuun yeroo dhugaa itti taatutu jira. Abjuun gosa sadii akka taate jalqaba suurah tanaa keessatti ilaalle jirra. Yaadannoof: abjuu gaarii ykn dhugaa, abjuu hasaasa nafsee (wanta namni guyyaa baay’isee itti yaadu, ergasii hirriba keessatti arguu), abjuu nama gaddisiistu-kuni sheyxaana irraayyi.
*Namni wanta tokkotti beekumsa yoo hin qabaatin, “Ani hin beeku” jedhee cal’isuu qabaa malee, wallaalummaa isaa haguuguuf haqaa fi soba wal keessa dhayuu hin qabu. Namoonni mootiif abjuu hiiku dadhaban kunniin “Nuti kana hin beeknu” jechuu dhiisanii abjuu jireenya hawaasaa guutuun wal qabattu, “Kuni soba wal dhayee fi hiika hin qabneedha.” jedhan. Mee ilaali, osoo akkuma isaan jedhan abjuun tuni hiika malee haftee silaa hawaasni guutuun miidhaa guddaa irra gahaa ture. Kuni waa lama nu barsiisa: 1ffaa-wanta hin beekne, “Hin beeku” jechuu ykn “eebalun gaafadhu” jechuu 2ffaa-Dhimma amantiis ta’i dhimma barbaachisaa biroo warra beekumsa qaban gaafachu. Yommuu abjuu kana isaan wallaalan gara Yuusuf deeman. Yuusuf beekumsa kan qabuudha.
*Yuusuf (aleyh salaam) abjuu tana yommuu hiiku furmaata waliin hiike. Waggaan hoonge torba dhufuun dura maal hojjachuu akka qaban isaanitti akeeke. Kuni kan agarsiisu rakkoo namootaa furuuf furmaataa dhiyeessuun garmalee barbaachisaadha. Rakkoo qofa tarreessanii furmaata yoo itti hin kenniin akka dhibee dawaan hin argamneefi ta’a.