Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 15
Kutaa darbe keessatti mootichi Miisir abjuu ajaa’iba arguun hiika isaa beekuf namoota gurguddoo akka walitti qabe ilaalle jirra. Namoonni kunniin yommuu abjuu kana hiiku dadhaban namtichi duraan Yuusufin waliin mana hidhaa ture nama sirnaan abjuu hiiku ni yaadate. Kanaafu, gara Yuusuf na erga jedhe. Innis gara Yuusuf deemuun hiika abjuu gaafate. Innis hiiki sirrii furmaata waliin kenneef. Mootichi yommuu kana dhagahu, garmalee gammade. Yuusufi kana natti fidaa jedhe.
“Mootichis, ‘Isa natti fidaa’ jedhe. Yeroo ergamaan [mootichaa] isatti dhufu, [Yuusuf] ni jedhe: ‘Gara bulchaa keeti deebi’iitii dhimmi dubartoota harka isaanii muranii maal akka ta’e gaafadhu. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaanii ni beeka.’” Suuratu Yuusuf 12:50
Kana jechuun mootichis hiika abjuu Yuusuf hiike ajaa’ibsifachuun, namoota naannawa isaa jiraniin, “Yuusufin mana hidhaa keessaa baasati natti fidaa” jedhe. Yommuu ergamaan mootichaa gara Yuusuf dhufu, Yuusufis hanga qulqullummaan isaa mirkanaa’u fi yakka tokko malee akka hidhame ifa ta’utti mana hidhaa keessaa bahuu ni dide. Inni ergamaadhaan akkana jedhe, “Gara mootii keeti deebi’i. Ergasi dubartoota harka isaanii muran sanniin ‘Dhimmi isin Yuusufin waliin qabdan maali?” jedhee akka gaafatu isatti himi. Dhugumatti Gooftaan kiyya shira isaan xaxanii fi hojii isaanii sirritti beeka, homtu Isarraa hin dhokatu.”
Ergamaanis akkuma ajajame ergaa kana mootichatti geesse. Mootichis Dubartoota harka isaanii muran walitti qabe akkana jechuun gaafate:
Ni jedhe: “Yommuu Yuusufin sossobdan dhimmi keessan maalidhaa?” Isaanis ni jedhan, “Rabbiin qulqullaa’e! Wanta badaa homaatu isarratti hin beeknu.” Niitin Aziiz ni jette, “Amma haqni ifa bahe. Anatu isa sossobe, inni dhugumatti warra dhugaa dubbatan irraayyi.” Suuratu Yuusuf 12:51
Kana jechuun mootiin dubartoota harka isaanii muraniin akkana jedhe: dhimmi keessan garmalee barbaachisaan wanta badaa haa raawwatuuf Yuusufin akka sossobdan isin taasise maalidhaa? Isiniif deebii deebisuutti kan dabuu ta’ee way argitanii?”
Isaaniis akkana jechuun deebisan: “Rabbiin qulqullaa’e! Wanta badaa homaatu isarraa hin beeknu.” Yommuu isaan hundu gaarumma amala Yuusuf ragaa bahan, dubartiin takka ni hafte. Ishiinis niiti Aziiz. Amma dubbachuuf dabareen kan ishiiti. Ni jette: amma haqni mul’ate. Anatu badii akka hojjatu Yuusufin sossobe. Yommuu inni “Ishiitu badii akka hojjadhu na sossobe” jedhu, dhugaa dubbate jira.”
Niitin Aziiz itti fufuun akkana jette:
“Kunis bakka inni hin jirreetti akka isa hin kaadne fi Rabbiin shira warra gananii akka hin qajeelchine haa beekufi.” Suuratu Yuusuf 12:52
Kana jechuun kan ani “Anatu [wal-qunnamtiif] isa sossobe, inni dhugumatti dhugaa dubbate” kan jedheef, bakka inni hin jirreetti isarratti sobuun akka isa hin kaadne (hin ganne) Yuusuf haa beekufi. Asitti kaadun (ganuun)– sobaan isa yakkuudha. Bakka Yuusuf hin jirreetti sobaan isa hin yakku. Ammas dubbii kana kan jedheef Rabbiin shira gantootaa hojii irra hin oolchu, hin sirreessu. Kana irra, ni salphisa, ni fashaleessa. Kanaafi, ani waa’ee Yuusuf ilaalchisee dubbii keessatti amaanaa eegutti dirqame, kaadu irraa fagaadhe.
Dubartiin nafsee ofii irratti ragaa baate tuni, wanta ishirra gahuutti osoo hin dhimamin ragaa bahuu ishii kanaaf sababoota lama dhiyeessite: 1ffaa: Mana hidhaa keessa osoo jiru nama isarraa ittisuu erga dhabee booda bakka Yuusuf hin jirreetti isa kaadu (sobaan isa yakkuu) jibbuu ishii. 2ffaa-Rabbiin shira gantoota akka hin milkeessine beeku ishii.
Nafsee tiyya hin qulqulleessu, dhugumatti, kan Gooftaan kiyya rahmata godheef malee nafseen hamtuutti nama ajajji. Dhugumatti Gooftaan kiyya akkaan Araarama, Rahmata godhaadha.” Suuratu Yuusuf 12:53
Kana jechuun Yuusuf dhugaa ta’uu amanuu waliin, bakka inni hin jirreetti isa akka hin kaadne amanuu waliin, nafsee tiyya hin qulqulleessu. Kana jechuun badii raawwachuuf yaalu irraa of hin qulqulleessu. Sababni isaas, nama Rabbiin rahmata godheef malee nafseen wanta badaatti baay’istee nama ajajji. Dhugumatti, Gooftaan kiyya nama badii erga raawwatee booda tawbateef ni araarama, rahmata godhaaf.[1]
Mufassiroonni gariin dubbiin armaan olii wanta Yuusuf dubbatee irraayyi jedhu. Garuu sirrii kan ta’ee, dubbiin kuni dubbii niitin Aziiz dubbatte irraayyi. Sababni isaas, 1ffaa-dubbiin kuni dubbii ishii jalqabaa “Amma haqni ifa bahe. Anatu isa sossobe, inni dhugumatti warra dhugaa dubbatan irraayyi.” jedhuun kan walitti hidhameedha. Osoo dubbii Yuusuf irraa ta’ee silaa akka dhama’iinsi hin uumamneef maq-dhaala ifatti baasaa ture. (Fkn, qaala (inni jedhe) jechuun ifatti dubbata.) 2ffaa-Yeroo ishiin mootii fuunduratti dubbii kana dubbattu, Yuusuf ishii bira hin turre. Kana irra, inni mana hidhaa keessa ture.[2] Kanaaf ni jette, “Bakka inni hin jirretti…”
Nafseen bakka sadiitti qoodamti:
1-Nafsee waan badaatti ajajju (An-Nafsul Ammaarah)– tuni nafsee iimaana hin qabne ykn iimaanni ishii dadhabaa ta’ee badiitti ajajjuudha. Tuni gosa nafsee niitin Aziiz asitti ibsiteedha. Iimaanni waan hin jirreef wanti badii irraa ishii dhoowwu hin jiru. Namni nafsee gosa tanaa qabu, qaani tokko malee badii raawwata.
2-Nafsee tasgabbooftu (An-Nafsul Muxma’innah)-Tuni nafsee mu’minaa tasgabooftu taatedha. Iimaana guutuu tan qabdudha. Gara badiitti hin dabdu. Gosa nafsee tanaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suuratu al-fajr keessatti dubbate:
“Yaa nafsee tasgabbooftu! Tan jaallattuu fi jaallatamtu taatee gara Gooftaa keetitti deebi’i.” Suuratu Al-Fajr 89:27-28
Kana jechuun yaa nafsee tasgabbooftu! Wanta Rabbiin siif qopheesse tan jaallattu taate, akkasumas, kan Rabbiin sirraa jaallatu taatee gara Gooftaa keetitti deebi’i.
3-Nafsee of ajiifattu (An-Nafsul-Lawwaama)-nafseen tuni nafsee waan badaatti ajajju fi nafsee tasgabbooftu jidduu taatedha. Kana ilaalchisee suurah Al-Qiyaamaa keessatti ni arganna: “Lubbuu of ajiifattuunis Nan kakadha.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:2
Iimaana ni qabdi, garuu qalbii keessatti hidda kan qabatee miti. Iimaanaa fi fedhii lubbuu jidduutti asi achi deemti. Qabsoo keessaa adeemsisti. Yeroo garii gara iimaanaatti gorti. Yeroo garii immoo fedhii lubbuu hordofuun badiitti jallatti. Dogongora hojjatteef of-ajiifatti. Muslimoonni baay’een nafsee gosa tanaa qabu.
Tarii nafseen gosa sadii kuni marsaa nama tokkoo bakka bu’uu danda’a. Kanaafi, nuti yeroo garii tasgabbii keessa taana, yeroo biroo of-ajiifanna, yeroo biraa immoo badii feena. Rabbiin namoota hundaa nafsee isaa qulqulluu gochuun akka uume ni amanna. Sababni isaas, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Daa’imni tokkollee hin dhalatu, fixraa irratti yoo ta’ee malee.” Fixraan ykn uumamni ilmi namaa irratti uumame wanta sirrii fi dogongoraa addaan baase beeka. Eenyullee uumamaan badaa ta’ee hin uumamne. Namni yoo Rabbitti aamane (iimaana qabaate), nafseen waan gaaritti maqxi (dabdi); garuu yommuu iimaanni qalbii gadi dhiisu, nafseen waan badaatti maqxi.[3]
[1] Tafsiir Sa’dii-462-463, Tafsiir Wasiix- https://quran.com/12:52/tafsirs/93, https://quran.com/12:53/tafsirs/93, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-12/292, 13/5, Tafsiir Qurxubii-11/375
[2] Bidaa’u Tafsiir-2/64-65, Ibn Al-Qayyim
[3] Lesson from Suuratu Yuusuf-98-99