Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 19

Kutaa darbe keessatti Nabii Ya’quub (aleyh salaam) Biniyaaminiin isaan waliin erguuf ilmaan isaa irraa maqaa Rabbiitiin kakuu akka isaan irraa fuudhe ilaalle jirra. Erga isaan akeekachiisee fi ahdi (waadaa cimaa) isaan irraa fuudhee booda Biniyaaminin isaan waliin erguuf murteesse. Of eeggannoo akka godhan akkana jechuun isaanif dhaame:

12:67

‘Yaa ilmaan kiyya! Balbala tokkoon hin seeninaa, balbaloota adda addaatiin seenaa. Ani [murtii] Rabbii irraa homaa isin fayyaduu hin danda’u. Murtiin Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Isarratti hirkadhe, warri hirkatan Isarratti haa hirkatan.’ jedhe.” (Suuratu Yuusuf 12:67)

Yeroo durii moottonni dallaa ijaaruun magaalaa ofii eegu. Dallaan kuni immoo balbaloota qaba. Nabii Ya’quub ijoollee isaa balbala tokko qofaan osoo hin ta’in balbaloota adda addaatiin akka seenan isaanif dhaamu keessa sababootatu jira. Sababota kanniin keessaa:
1-Ija waanyu (budaa) isaan irratti sodaachu- Ijoolleen kunniin babbareedoo waan ta’aniif balbala tokkoon yoo seenan budaan isaan nyaachu dandeessi jechuun Nabii Ya’aquub sodaate.
2-Yommuu garee ta’anii balbala tokkoon seenan waardiyonni balbala eegan isaan arguun basaastota ykn hattoota akka ta’anitti yaaduun isaan hidhuu danda’u. Sababni isaas, ijoolleen kunniin biyya biraa irraa waan dhufaniif haalli uffannaa isaanii kan biyya Misir irraa garagara. Kanaafu, waardiyonni haala salphaan isaan qabu danda’u.[1]

 Ani [murtii] Rabbii irraa homaa isin fayyaduu hin danda’u.’ Kana jechuun ani kana isiniif dhaamudhaan wanta Rabbiin isin irratti murteesse isin irraa deebisuu hin danda’u. Murtiin hundi kan Rabbii qofaati. Namni jaallate jibbees wanti Rabbiin murteesse ni ta’a.

Nabii Ya’aquub kana isaaniif dhaamuun sababa bakkaan gahuu waliin Rabbiin irratti hirkachuu akka qaban isaan barsiisu barbaade. Dirqamni nama irra jiru, wanta namarraa eeggamu hojjachuu waliin Rabbiin irratti hirkachuudha. Asitti Nabii Ya’aquub hiika tawakkula ijoollee isaa barsiise:

1-Sababa barbaachisu bakkaan gahu-kunis wanta gaarii argachuu fi wanta badaa ofirraa deebisuuf wanta danda’an hojjachuu. Kanaafi, balbaloota adda addaatiin seenaa jechuun isaan ajaje. Kuni sababa hojjachuudha.

2-Sababni qofti bu’aa barbaadamu fiduu hin danda’u. Kanaaf ni jedhe, “Ani [murtii] Rabbii irraa homaa isin fayyaduu hin danda’u.” Kana jechuun balbaloota adda addaatin seenaa isin jechuun kiyya murtii Rabbiin isin irratti murteesse deebisuu hin danda’u. Kanaafu, Isarratti hirkadhaa.

3-Rabbiin irratti hirkachu-kunis bu’aa fi murtiin hundi harka Rabbii akka jiru amanu. Kanas “Murtiin Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Isarratti hirkadhe, warri hirkatan Isarratti haa hirkatan.” jechuun ibse.

Kanaafu tawakkula jechuun wanta namarraa eeggamu hojjachuu waliin qalbiidhaan Rabbiin irratti hirkachuudha. Fakkeenyaaf, barataan qormaata daree darbuuf hanga humni isaa danda’een sirritti qo’ata. Kana waliinu, bu’aa fi milkiin Rabbiin irraa akka ta’e ni amana. Sirritti qo’achuu qofaan milkaa’uun akka hin danda’amne ni beeka. Barataan kuni barataa tawakkula qabu jechuudha. Asitti ‘qo’achuun’ sababa.

Gama biraatin barataan tokko “barnoota qo’achuu qofaan qormaata darbuu nan danda’a.” jechuun bu’aa fi milkaa’inni Rabbiin irraa akka ta’e yoo hin amanne, inni tawakkula hin qabu. Ammas barataan wanta Rabbiin murteesse hin hafu jedhee barnoota qo’achuu yoo dhiise, wanta Rabbiin itti ajaje falleesse jira, hiika tawakkula micciree jira. Tawakkulli wanta namarraa eeggamu hojjachuu waliin qalbiin Rabbiin irratti hirkachuu waan ta’eef.[2] Qalbiin Rabbiin irratti hirkachuu jechuun bu’aa fi milkaa’inni Isa qofarraa akka ta’e amanuu, gargaarsa Isarraa barbaaduu, ‘wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni hin feene hin ta’u’ jedhanii amanuu fi wanti Inni nuuf murteese gaarii akka ta’e amananii fudhachuudha.

Obboleeyyan Yuusuf balbaloota adda addaa abbaan isaanii dhaameen haa seenanii malee, dhaamsi isaa kuni murtii Rabbiin murteesse isaan irraa deebisuu hin dandeenye. Aayata itti aanu keessatti kana ibsa:

12:68

Yommuu karaa abbaan isaanii isaan ajajeen seenan, Rabbiin irraa homaa isaan fayyadu hin dandeenye. Garuu haajaa nafsee Ya’quub keessa jirtu kan inni guutedha. Waan isa barsiifneef dhugumatti inni abbaa beekumsaati. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Yuusuf 12:68

Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ijoolleen wanta abbaan isaanii ajajee hojii irra akka oolchan ni ibse. Ni jedha: “Yommuu karaa abbaan isaanii isaan ajajeen seenan, Rabbiin irraa homaa isaan fayyadu hin dandeenye.” Kana jechuun yommuu ilmaan Ya’quub balbaloota garagaraa abbaan isaanii itti ajajeen seenan, seensi kuni murti Rabbiin isaan irratti murteesse homaa isaan irraa deebisuu hin dandeenye. Rabbiin dursee akka musiibaan isaanitti buutu murteesse jira. Ya’quub ijoollee isaa eeguu fi Biniyaamin nagahaan akka deebi’uu dhaamsa gaarii ijoollee isaatiif dhaame. Garuu dhaamsi kuni murti Rabbiin murteesse isaan irraa deebisu hin dandeenye. (Akkuma aayaata itti aanu keessatti dubbatu ijoollee isaa rakkinni ni qunname. Yuusuf mala baasun Biniyaaminin of biratti hanbisu barbaade. Sababa kanaan imala kana keessatti Biniyaamini fi ilmi hangafaa gara abbaatti hin deebine).

Garuu haajaa nafsee Ya’quub keessa jirtu kan inni guutedha.” Kana jechuun dhaamsi ijoollee isaatiif dhaame kuni haajaa (dhimma) inni nafsee isaa keessa jirtu kan inni ifatti baasee dubbateedha.

Asitti “haajaan nafsee Ya’quub keessa jirtu-balbala adda addaatin akka seenan ijoollee isaa gorsuudha. Guute jechuun ifatti baase, dhoksuu hin dandeenye. Ni jedhama “Qadaa fulaanu haajata li nafsihii (Ebalu haajaa nafsee isaatiif guute” Kana jechuun wanta nafsee isaa keessatti dhokse ifatti baase. [3]

“Waan isa barsiifneef dhugumatti inni abbaa beekumsaati.” Kana jechuun Ya’quub dhugaa amanti guddaa isa barsiisnee ilaalchisee beekumsa kan qabuudha. Dhugaa amantii kanaa irraa “homtu hin argamu ykn hin badu murti Rabbiitiin yoo ta’e malee. Dirqamni mu’mina irra jiru sababa (wanta isarraa eeggamu) hojjachuu fi dhimma isaa hunda keessatti Rabbiin irratti hirkachuudha.” jedhanii amanuudha.[4]    

“Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Kana jechuun namoonni baay’een hariiroo qadara (murtii) fi sababa jidduu jiru hin beekan.

Hanga danda’ameen Nabii Ya’quub balaa hanbisuuf of eeggannoo barbaachisu ni fudhate. Gama biraatiin, of eeggannoon namni fudhatu murtiin Rabbii hojii irra oolu akka hin dhoowwinee fi eeggumsi dhugaan eeggumsa Rabbii akka ta’e ni ibse. Akkasumas, namni of eeggannoo fi hojii isaa irratti osoo hin ta’in Rabbiin irratti hirkachu akka qabu ni beeksise. Dhugumatti, nama beekumsa dhugaa qabutu hojii fi dubbii isaa keessatti madaala kana eega.

Kuni wanta namoonni baay’een hin beeknee fi hin hubanneedha. Namoonni gariin Rabbiin irratti hirkachuu dhiisanii humnaa fi of-eeggannoo isaanii qofarratti hirkatu. Namoonni gariin immoo osoo homaa hin hojjatin Rabbiin qofa irratti hirkatu.[5] Kanaafu, namoota bakka sadiiti qoodu dandeenya:

  • Namoota Rabbiin irratti hirkatanii fi wanta isaan irraa eeggamu hojjatan. Warri kuni kana ni hubatu: sababa fi bu’aan kan wal qabataniidha. Garuu bu’aan murti Rabbiitiin kan dhufuudha. Kana waliinu, Rabbiin waan itti ajajeef sababa hojjachuun barbaachisaadha. Sababni mataa isaatiin qofti bu’aa akka hin buusne sirritti beeku. Kanaafu, sababa (wanta isaan irraa eeggamu) erga hojjatanii booda Rabbiin irratti hirkatu. Warri kana hubatanii fi hojii irra oolchan warra beekumsa dhugaa qabaniidha. Ya’quub (aleyh salaam) namoota akkana kanniin keessaa tokko.
  • Namoota Rabbiin irratti hirkachuu dhiisanii sababa qofa irratti hirkatan. Isaan kuni bu’aan kan argamu murti Rabbiitiin osoo hin ta’in humna isaanitiin qofa akka ta’etti amanu. Kanaafi, humna ofii qofarratti hirkatu. Isaan kunniin warra karaa sirrii irraa jallatanii fi jireenya keessatti tasgabbii hin qabneedha.
  • Namoota sababa hojjachuu dhiisanii Rabbiin qofarratti hirkatan. Kunniin osoo homaa hin hojjatin warra taa’ee rizqiin nuuf dhufti ykn balaan nurraa deebi’a jedhaniidha. Kunniinis warra dogongoraniidha.

Warri karaa qajeelaa irra jiru namoota jalqabaati.

Kanaafu, jireenya tanaa fi tan dhuftu (Aakhira) keessatti milkaa’uuf sirritti karoorsine hojjachu qabna. Kana waliinu, Rabbiin irratti hirkachuun nurra jira.


Maddoota wabii:
[1] Tafsiir Wasiix, Tafsiir Tahriir wa tanwiir
[2] https://binbaz.org.sa/fatwas/943/%D9%83%D9%8A%D9%81%D9%8A%D8%A9-%D8%A7%D9%84%D8%AA%D9%88%D9%83%D9%84-%D8%B9%D9%84%D9%89-%D8%A7%D9%84%D9%84%D9%87
[3] Tafsiir Wasiix
[4] Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/710
[5]https://www.englishtafsir.com/Quran/12/index.html#sdfootnote56sym , Tafsiir tahriir wa tanwiir

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 20
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 18

Leave a Reply