Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 20

Kutaa darbe keessatti Ya’quub (aleyh salaam) dhaamsa gaarii isaaniif dhaamun Biniyaamin obboleeyyan waliin akka erge ilaalle jirra. Kutaa kana keessatti immoo Biniyaamin Misirin erga gahee booda wanta adeemsifame ilaalla:

12:69

“Yommuu Yuusufitti seenan, obboleessa isaa ofitti dhiyeesse. ‘Dhugumatti ani obboleessa keeti. Kanaafu, wanta isaan hojjachaa turaniif hin gaddin.’ jedheen.” [Suuratu Yuusuf 12:69]

Akka odeefametti, yommuu obboleeyyan Yuusuf dhufan, Yuusuf haala gaariin isaan keessumeesse. Nama lama lama gochuun gabataa nyaataa irra teesise. Biniyaamin kophaatti hafe. Biniyaamis ni jedhe, “Osoo obboleessi kiyya lubbuun jiraate, silaa isa waliin taa’aa ture.” Ergasii Yuusuf ofitti isa qabe. Ni jedhe: “Ani gurbaan kuni kophaa ta’uu isaa arga.” Kanaafu, gabataa nyaataa irra isa waliin taa’e. Yommuu halkan dhufu, obboleeyyan lama lama ta’uun bakka hirribaa waliin rafan. Garuu Biniyaamin kophaatti hafe. Yuusufis, “Kuni na waliin rafa” jechuun fudhate. Yommuu isa waliin kophaatti bahu Yuusuf akkana isaan jedhe, “Karaa haadhaa keetiin obboleessa qabdaa?” Biniyaaminis ni jedhe, “Karaa haadhaatin obboleessa tokko nan qaba. Garuu inni ni bade (ni du’e).” Yuusufis ni jedhe, “Bakka obboleessa kee du’ee san ani obboleessa kee osoo ta’ee ni jaalattaa?” Innis ni jedhe, “Yaa mootii! Obboleessa akka keeti eenyutu argataa? Garuu ati Ya’quubi fi Raahiil irraa hin dhalanne.” Yuusufis ni booye. Ergasii olka’e isa hammate. Ni jedhe, “Dhugumatti ani obboleessa keeti. Kanaafu, wanta isaan hojjachaa turaniif hin gaddin.”[1]   

Yommuu Yuusuf ijoollummaan biyyaa baafamu Biniyaamin xiqqaa waan ta’eef fuula isaa hin beeku. Garuu erga guddate booda wanta Yuusufitti raawwatamee fi eenyutu akka inni baduuf sababa ta’ee dhagahuun isaa waan hin hafneedha. Amma yommuu obboleeyyan kurnan waliin dhufu, Yuusufin akka nama alagaatti ilaale. Obboleessa isaa ta’uu hin beekne. Kanaafu Yuusuf “Dhugumatti ani obboleessa keeti.” jechuun isa tasgabbeesse. Tarii obboleessa isaa ta’uu mirkaneessuuf Yuusuf eelatti darbamuu irraa jalqabee hanga sadarkaa aangoo kana irra gahuutti seenaa isaa Biniyaamitti himuun isaa hin oolu.

Biniyaamin wanta obboleeyyan Yuusufitti hojjataniif garmalee gaddaa ture. Kanaafu, Yuusufis ‘wanta isaan hojjachaa turaniif hin gaddin’ jedheen. Kana jechuun gaddu dhiisi, amma gadda kee gammachuun bakka buusi.”[2] Duraan obboleessa garaa waan dhabeef gaddaa ture. Amma immoo obboleessa waan argateef gammaduu qaba.

Yuusuf tooftaa baasun Biniyaamin of biratti hanbisuu akka barbaade dhoksaan Biniyaamitti beeksise. Tooftaa kana itti aane ibsa:

12:70

Yommuu meeshaa isaanii isaaniif qopheesse, xaasaa fe’aa obboleessa isaa keessa kaa’e. Eegasii lallabaan, “Yaa daldaltoota dhugumatti isin hattoota” jechuun lallabe.” Suuratu Yuusuf 12:70

Kana jechuun yommuu Yuusuf obboleeyyan isaa hundaaf midhaan safaruun qopheesseef, xaasaa fe’aa obboleessa isaa keessa kaa’e. xaasaan meeshaa dhugaatii ittiin dhuganii fi midhaan ittiin safaraniidha. Gara naannawa Arsiitti quccubalu jedhamuunis ni beekkama. Aayata itti aanu keessatti “siqaayah (xaasaa)” kana “suwaa’a (safartu)” jechuun ibse. Kuni hiika quccubalu qabaa jechuudha.

Yommuu obboleeyyan isaanii meeshaa isaanii fe’atanii deemuu jalqaban, tajaajiltoota fi gargaartoota Yuusuf keessaa namni tokko sagalee isaa olkaase akkana jechuun lallabe: “Yaa garee daldaltootaa! Dhugumatti isin hattoota.”

12:71

Isaanis gara isaanii garagaluun,”Maal dhabdanii?” jedhan” Suuratu Yuusuf 12:71

Kana jechuun obboleeyyan Yuusufis gara tajaajiltoota Yuusufii garagaluun, “Maal dhabdanii?” jechuun gaafatan.

12:72

Isaanis ni jedhan ‘Safartuu mootii dhabne. Nama isa fideef fe’aa gaalaatu jira. Ani kanarratti waadaa galaadha. Suuratu Yuusuf 12:72

Kana jechuun tajaajiiltoonni Yuusuf ni jedhan, “Xaasaa mootii dhabne. Nama isa fideef badhaasatu jira. Badhaasni kunis fe’aa gaalaa tokko argachuudha.” Hogganaan tajaajiltoota ni jedhe, “badhaasa kana kennu irratti ani waadaa gala.”

Safartuu (xaasaa) mootiin wal-qabsiisuun, wanti masara mootii keessa jiru qabeenyi mootii akka ta’ee fi kana hatuun yakka guddaa akka ta’e ibsuufi.[3]

12:73

Isaanis ni jedhan, “Rabbiin kakanne! Dhugumatti akka nuti dachii keessatti balleessaa raawwachuuf hin dhufne beektanii jirtu. Nuti haattotas miti.” Suuratu Yuusuf 12:73

Obboleeyyan Yuusuf ni jedhan: Wallaahi (Rabbiin kakanne) sababa amaloota gaggaarii nurraa argitaniin dachii (biyya) Misir keessatti balleessaa raawwachuuf akka hin dhufne mirkaneeffatanii jirtu. Hattoota ta’uun amala keenya irraayyi miti.[4]

12:74


“Isaanis ni jedhan, “Yoo kijibdoota taatan, adabbiin isaa maalidhaa?” Suuratu Yuusuf 12:74

Tajaajiltoonni Yuusuf obboleeyyan Yuusufiin akkana jedhan: jecha keessan “Nuti hattootaa miti” jedhu keessatti kijibdoota yoo taatanii fi meeshichi qalqalloo keessan keessatti yoo argame, akka seera keessanitti adabbiin nama hatee maalidhaa?

12:75

Isaaniis ni jedhan, “Adabbiin isaa; namni fe’aa isaa keessatti [safartuun] argamee [fudhatamuudha]. Suni adabbii isaati. Akka kanatti zaalimoota adabna.” Suuratu Yuusuf 12:75

Kana jechuun obboleeyyan Yuusuf akkana jedhan: akka seera biyya keenyaatti adabbiin hattu akkana: namni meeshaan safaraa fe’aa isaa keessatti argame fudhatamuun gabroofamuudha. Kana jechuun namni meeshaa kana hate nama irraa hateef wagga tokkoof gabricha ykn tajaajilaa ta’uudha. Akka kanatti hannaan warra daangaa darban adabna.[5]  


[1] Zaadul Masiir-708

[2] Tafsiir tahriir wa tanwiir, Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/711

[3] Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/713

[4] Tafsiir Ibn Kasiir

[5] Tafsiir Wasiix, Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/714, Tafsiiru Muyassar

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 21
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 19

Leave a Reply