Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 21
Kutaa darbe keessatti Yuusuf tooftaa baasun obboleessa isaa of biratti hanbisuu barbaade. Tooftaan kunis dhoksaadhaan safartuu (quccubaluu) qalqalloo obboleessa isaa keessa kaa’udha. Obboleeyyan Yuusuf fe’aa isaanii erga fe’atanii booda tajaajiltoonni Yuusuf duubaan isaanitti dhufuun, “Quccubaluu mootii dhabne” jedhaniin. Ergasii meeshaan isaanii ni sakatta’ame. Sakatta’iinsi kunis akkana ture:
“Qalqalloo obboleessa isaatiin dura qalqalloo isaanii [sakatta’uun] jalqabe. Ergasii qalqalloo obboleessa isaa keessaa baase. Akka kanatti Yuusufiif tooftaa baafne. Yoo Rabbiin fedhe malee seera mootichaatiin obboleessa isaa fudhachuu hin danda’uu ture. Nama feene sadarkaaleen olkaasna, nama beekumsa qabu hundaa olitti isa caala beekaa kan ta’etu jira.” Suuratu Yuusuf 12: 76
Tajaajiltoonni, obboleeyyan Yuusuf gara Yuusuf ni fidan. Yuusufis qalqalloo (kuntaala) isaanii sakatta’u (fattashuu) jalqabe. Qalqalloo obboleessa isaa, Biniyaaminii, dura qalqalloo obboleeyyan isaa biroo sakatta’uun jalqabe. Kunis beekaa achi keessa godhame jedhamee akka hin shakkamneef jalqaba qalqalloo isaanii sakatta’uu eegale. Yommuu qalqalloo isaanii keessaa meeshaa safaraa (xaasaa) dhabuu qalqalloo obboleessa isaa keessaa baase. Yeroo kanatti wanti Yuusuf barbaade isaaf guuttame. Wanti kunis haala obboleeyyan isaa kurnan hin hubanneen obboleessa isaa kan garaan tokkoo ta’an of biratti hanbisuudha. Yuusuf tooftaa kana akka baasu Kan taasise Rabbii olta’aadha. Kanaaf ni jedha: “Akka kanatti Yuusufiif tooftaa baafne.”
Tooftaan kuni: obboleessaa isaa of biratti hanbisuuf safartuu qalqalloo obboleessa isaa keessa kaa’u, seera nama hate ittiin adaban obboleeyyan isaa kurnan gaafachu, qalqalloo isaa dura qalqalloo isaanii sakatta’u, erga safartuu qalqalloo isaa keessaa baase seera obboleeyyan isaa himan hojii irra oolchu. Tooftaa kana hundatti akka fayyadamu kan taasise Rabbii olta’aadha.
Yuusuf tooftaa kanatti fayyadamu dhiisee osoo seeraa mootii Misiritti fayyadame silaa obboleessa isaa of biratti qabuu hin danda’u ture. Sababni isaas, akka seera mootii Misiritti adabbiin nama hatee reebamuu fi gatii meeshaa hatee kafaluudha. Wagga tokkoof nama hate gabricha godhachuun seera mootii keessa hin jiru. Kanaafi ni jedhe: “Yoo Rabbiin fedhe malee seera mootichaatiin obboleessa isaa fudhachuu hin danda’uu ture.”
Kana jechuun yoo Rabbiin fedhe malee seeraa mootiin biyya Misir ittiin bulchu keessatti Yuusuf obboleessa isaa of biratti qabuun isaaf hin hayyamamu. Haa ta’uu malee osoo Rabbiin fedhe Yuusuf obboleessa isaa of biratti qabuu danda’a. Fakkeenyaf, Rabbiin Yuusufin mootii biyya Misir gochuun muuda. Yeroo kanatti Yuusuf seera mootii hordofuun isa irratti dirqamaa miti.[1]
Ni jedhan, ‘Yoo inni hate, kana dura obboleessi isaa hatee jira.’ Yuusuf nafsee isaa keessatti ishii dhokse, isaaniif ifa hin goone. Ni jedhe: Isin sadarkaa badaa keessa jirtu, Rabbiin wanta isin jettan hundarra beeka.” Suuratu Yuusuf 12:77
Obboleeyyan Yuusuf yommuu safartuun fe’aa Biniyaamin keessaa bahu argan, yakka hannaa ofirraa fageessuuf akkana jedhan: “Yoo Biniyaamin hate, dhugumatti kana dura obboleessi isaa Yuusuf hate jira.”
Hanni isaan jedhan kana ilaalchise gabaasni adda addaa dhufee jira. Isaan keessaa wanta Ibn Kasiir jedhe asitti haa kaasnu:
Adaadaan Yuusuf ilmaan Is’haaq keessaa intala hangafaa turte. Qabattoon Is’haaq ishii bira ture. Qabattoo kana hangafummaan walirraa dhaalu turan. Yommuu Yuusuf dhalatu adaadaan isaa tuni harma isa hoosifte kunuunsite. Garmalee isa jaallatte. Hanga isa jaallattee nama biraa hin jaalanne. Yommuu Yuusuf guddatee lukaan deemu jalqabu, abbaan isaa Ya’quub isa yaade. Gara adaadaa Yuusuf dhufuun akkana jedheen: “Yaa obboleetti tiyya! Yuusufin naaf kenni. Sa’aati tokkoof fuula kiyya duraa isa dhabuu hin danda’u.” Ishiinis akkana jette, “Ani isa gadi dhiisu hin danda’u. Kanaafu, guyyoota muraasaaf na biratti isa dhiisi, gara isaa nan ilaala, isatti boohara.” Yommuu obboleessi ishii Ya’quub ishii biraa bahu gara qabattoo Is’haaq qajeeluun uffata isaa jalaan Yuusufitti marte. Ergasii akkana jette, qabattoo abbaa kiyyaa Is’haaq dhabe. Eenyu akka fuudhe ilaalaa.
Qabattoon ni barbaadame, argamuu hin dandeenye. Ergasii ni jette: maatii manaa sakattaa’a. namoonnis sakatta’anii Yuusufin biratti argatan. Ergasii ni jette, “Rabbiitti kakadhe, inni booji’amaa kiyya ta’a. Wanta fedhe itti hojjadha.” Ya’quubis ishitti ni dhufe. Oduu isatti ni himte. Innis ishiin ni jedhe: Yoo inni dhuguma san hojjate inni booji’ama (hidhamaa) keeti. Kanaan ala wanta biraa gochuu hin danda’u.” Sababa kanaan adaadaan Yuusufin of biratti isa qabde. Hanga ishiin duututti Ya’quub Yuusufin fudhachuu hin dandeenye.
Akkuma mul’atu kuni Yuusufin of biratti hanbisuufi tooftaa adaadaan isaa hojjatteedha. Hanna Yuusuf raawwate miti. Obboleeyyan isaa kanatti akeekuun isaaniif hin malu. Garuu waanyun isaan Yuusuf fi obboleessaa isaa Biniyaaminiif qaban nafsee isaanii keessaa hin banne.[2]
“Yuusuf nafsee isaa keessatti ishii dhokse, isaaniif ifa hin goone. Ni jedhe: Isin sadarkaa badaa keessa jirtu, Rabbiin wanta isin jettan hundarra beeka.”
Yuusuf wanta isaan irraa dhagahee of keessatti ni dhokse, eenyummaa isaa ifatti hin baasne, osoo sagalee olkaase hin dubbatin nafsee isaa keessatti akkana jedhe: Isin sadarkaa badaa keessa jirtu, Rabbiin wanta isin jettan hundarra beeka.” Kana jechuun yommuu obboleessa Biniyaamin (Yuusufin) tana dura abbaa isaa jalaa hatuun eelatti darbitanii fi amma immoo hannaan isa yakkitan Biniyaamin caalaa sadarkaa gadi aanaa keessa jirtu.[3] Rabbiin wanta isin jettan hunda caalaa beeka. Wanti isin jettan dhugaa ykn soba ta’u nama hunda caalaa sirritti beeka.’ Yuusuf jecha tana of keessatti ni dhokse, ifa baase hin dubbanne.
Obboleeyyan kurnan kunniin ministeerri diinagde isaan dura dhaabbatu Yuusuf ta’uu kan hin beekne ta’anii osoo jiranu, Yuusuf yakkaa fokkuu isarratti raawwatan sirritti beeka. Kanaafu, osoo isaan yakka tokkoon Biniyaamin yakkanu, Yuusuf yakka san caalaa badaa akka hojjatan dhoksaan ni akeeke.[4] Yakki kunis tana dura eelatti isa darbuudha. Kanaaf, “Isin sadarkaa badaa keessa jirtu,” jedhe. Kana jechuun sadarkaa fi haalli keessan haala Biniyaamini fi obboleessa isaa caalaa badaadha. Sababni isaas, isaan lamaan wanta isin ittiin yakkitan irraa qulqulluudha. Isin eelatti obboleessa isaa darbuu fi amma sobaan isaan yakkuun isaan lamaan irratti daangaa darbitanii jirtu.[5]
Isaanis ni jedhan, “Yaa Aziiz! Dhugumatti inni abbaa jaarsa maanguddoo qaba. Bakka isaa tokkoo keenya fudhadhu. Dhugumatti, toltuu hojjattoota keessaa akka taatetti si ilaalla.” Suuratu Yuusuf 12:78
Amma obboleeyyan Yuusuf rakkoo cimaa keessa akka jiran ni hubatan. Biniyaaminini akka eeganii fi deebisanii akka fidan abbaa isaanitiif kakuu cimaa kennani turan. Jireenyi fuundura Biniyaamiin gabrummaaf tan qophoofte fakkaatti. Gadda abbaa isaanii sodaachuun, akka Biniyaamin gadi dhiifamu garmalee kadhatan.
Akkana jechuun kadhatan “Yaa Aziiz!…” Kana jechuun yaa bulchaa! Biniyaamini abbaan isaa jaarsa maanguddoo ta’ee nuuf kenni. Qalbiin abbaa isaa isatti tan rarraatedha. Yoo nu waliin hin deebi’in, tarii gaddi isa ajjeessu isatti bu’uu danda’a. Adabuun kee dirqama yoo ta’e, isa gadi nuuf dhiisii bakka isaa nu keessaa nama tokko fudhadhu. Nuti warra tola oolan keessa akka taatetti si argina. Si’a lama midhaan safara guutuun nuuf safarte, maallaqa nuuf deebisuun tola nutti oolte.[6]
Obboleeyyan waa lamaan Yuusufitti warwaatan:
1ffaa-Mararfannaa-kana akkana jechuun ibsan: abbaan Biniyaamiin jaarsa guddaa umriin deemedha. Garmalee Biniyaaminin jaallata, isa irraa addaan yoo bahe gadda isa ajjeesu gadduu danda’a. Kanaafu, isaaf mararfadhuu Biniyaaminin gadi dhiisi. Akkuma beekkamu jaarsi guddaan umriin deeme, nama mararfannaa fi kunuunsa barbaadudha. Kanaafu, obbeeyyan tooftaa kanatti fayyadamuun Biniyaaminin gadi fursiisu barbaadan.
2ffaa- Tola ooltummaan Yuusufin faarsu– ‘dhugumatti ati warra tola oolan ykn hojjatan keessa akka taatetti si ilaalla. Kanaafu isa gadi dhiisun tola nutti ooli.’ jechuun isatti warwaatan.
Ni jedhe, “Nama meeshaa keenya biratti arganne malee nama biraa fudhachuu irraa Rabbiin eeggamna. Yoo akkas goone, dhugumatti nuti zaalimota irraa taana.” Suuratu Yuusuf 12:79
Kana jechuun Yuusuf akkana jedhe: nama meeshaa keenya biratti arganneen ala nama biraa fudhachuu irraa Rabbiidhaan tiikfamna. Yoo nama meeshaa keenya biratti arganneen ala nama biraa fudhanne, adabbii bakka isaatiin ala bakka biraa waan kenneef miidhaa raawwattota (zaalimota) keessaa taana.[7] Zulmii jechuun wanta tokko bakka isaaf hin mallee kaa’udha. Akkasumas, zulmii jechuun daangaa darbuudha. Zaalimoota jechuun namoota zulmii hojjataniidha.
Guduunfaa
✐Nama beekumsa qabu hunda caalaa beekaan isa caalu ni jira. Namni hanga fedhe beekaa haa ta’uu, beekaan isa caalu ni jira. Beekaan beektota hunda caalu Rabbiidha. “Nama feene sadarkaaleen olkaasna, nama beekumsa qabu hundaa olitti isa caala beekaa kan ta’etu jira.” Kanaafu, isa caalaa beekaa kan ta’e waan jiruuf namni “ani beekadha” jedhee of tuulu hin qabu.
✐Sadarkaan ilma namaa baay’inna qabeenyaatin ykn miidhaginnaan osoo hin ta’in beekumsaa fi iimaanan safarama. Kunoo Yuusuf nama iimaanaa fi beekumsa qabuudha. Kanaafi Rabbiin nama fedhe sadarkaaleen olkaasutti aanse beekumsa dubbate. Suurah biraa keessatti: “Isin keessaa warra amananii fi warra beekumsi kennameef Rabbiin sadarkaa baay’ee isaan olkaasa. Rabbiin wanta isin hojjattan keessa Beekaadha.” Suuratu Al-Mujaadala 58:11
✐Yeroo hundaa kabaja ofii eegsiisuuf mormachuun dirqamaa miti. Yuusuf (aleyh salaam) yommuu sagaagalummaan yakkamu, “Ishiitu wanta badaa kanatti na waame” jechuun kabaja ofii eegsiisuuf falmate. Garuu amma yommuu obboleeyyan isaa “Kana dura obboleessi isaa, kana jechuun Yuusuf, hatee jira.” jedhan, Yuusuf kabaja ofii eegsiisuuf sagalee olkaase hin dubbanne. Osoo dubbate silaa wanta yaade kana hin argatu. Yeroo sagaagalummaan yakkamu miidhaan guddaan isarra gahuu waan danda’uuf kabaja ofiitiif ni falmate. Asitti immoo miidhaan homaatu isarraa waan hin geenyef inumaa faaydan yaade waan isa jala darbuuf ni cal’ise. Kanaafu, namni kabaja ofiitiif yommuu falmatu kanniin lamaan wal madaalchisu qaba: miidhaa fi faayda. Miidhaan guddaan isarra kan gahu yoo ta’e, kabaja ofiitiif falmachu. Miidhaan homaatu kan isarra hin geenye yoo ta’e inumaa kan faaydan isa jala darbu yoo ta’e cal’isuu isaaf wayya.
✐Yuusuf soba irraa of eeguuf “nama hateen ala nama biraa fudhachuu irraa Rabbiin eeggamna” hin jenne. Kana irra, “nama meeshaa keenya biratti arganneen ala nama biraa fudhachuu irraa Rabbiin eeggamna” jedhe. Sababni isaas, Biniyaamin hin hanne. Amalli Yuusuf yeroo rakkooyyu sobuun akka hin hayyamamne nutti agarsiisa.
[1] Tafsiir Sa’dii, Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/716 [2] Tafsiir Ibn Kasiir, Tafsiir Sa’dii, Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/717-718 [3] Tafsiir Sa’dii, Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/718, Tafsiir Muyassar [4] Lesson from Suurah Yuusuf, Yaasir Qaadi [5] Tafsiir Tahriir wa tanwiir, [6] Ma’ariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur-10/719 [7] Tafsiir Sa’adii, Tafsiir Muyassar