Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 26
Hanga ammaaatti seenaa Nabii Yuusuf (Aleyh salaam) ilaalaa turreera. Seenaa ajaa’ibaa nama barsiisuu fi booharsuudha. Nama rakkoo keessa jiruuf obsa akka qabaataniif fakkeenya namaaf ta’a. Dargaggeessa marsa ibiddi fedhii foonii itti jabaatu keessa jiru haraama irraa Rabbiif jedhanii of qabuun hangam sadarkaa ol’aanaatti akka nama geessu barsiisa. Nama qananii keessa jiru Rabbiif of gadi qabuun dirqama akka ta’e seenaan Yuusuf ni barsiisa. Seenaan ajaa’ibaa kuni seenaa dhugaa Rabbiin beeksisee akka ta’e itti aanse dubbata:
“Suni odeefannoo gheeybi irraa kan Nuti sitti beeksifneedha. Shira kan baasan ta’anii yommuu dhimma isaanii qindeessan ati isaan bira hin turre.” Suuratu Yuusuf 12:102
Seenaa Yuusuf erga goloobe booda amma xiyyeeffannoon gara Nabiyyii keenyaati (S.A.W). “Suni odeefannoo gheeybi irraa kan Nuti sitti beeksifneedha.” Kana jechuun Yaa Rasuula! Suurah tana keessatti wanti Nuti sitti himne odeefannoo gheeybi irraa kan gara keetti buufnedha. Gheeybi jechuun wanta beekumsa namaa irraa dhokatee fi ijaan hin mul’anneedha.
“Shira kan baasan ta’anii yommuu dhimma isaanii qindeessan ati isaan bira hin turre.” Kana jechuun yommuu obboleeyyan Yuusuf, Yuusufitti shira isaanii xaxanii fi boollatti isa darbuuf irratti wali galan ati isaan waliin hin turre.[1]
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Muhammad (S.A.W) yommuu obboleeyan Yuusuf shira xaxan akka isaan bira hin turre ibsuuf seenaa dheeraa keessaa taatee tokko qofa dubbate. Rabbiin maaliif seenaa irraa taatewwan biroo hin dubbannee? “Ati masara mootii keessatti isaan waliin hin turre” hin jenne. Yookiin “Yommuu Yuusuf hundee eelatti darbame isa waliin hin turree” hin jenne. Sababni isaas, shirri seenaa irraa kutaa garmalee iccitii (dhoksaa) ta’eedha; waa’ee shira kana namni biraa beeku hin danda’u. Shira xaxuuf dubbii obboleeyyan waliin haasawan Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Jecha, “…ati isaan bira hin turre.” jedhu Qur’aanni Rabbiin irraa akka bu’ee namoota yaadachiisa.
Raajiin (mu’jizaan) hundarra guddaan Rabbiin Nabiyyii keenyaaf kenne Qur’aana. Seenaan ummattoota durii isa keessa jiru Qur’aanni kuni Rabbiin irraa akka ta’ee ragaa qabatamaadha. Arabiyaan hawaasa qaroome hin turre. Makkaan magaalaa namoonni kumaatamni keessa jiraataa turaniidha, garuu namoota lakkoofsaan hanga kudhanii ta’antu dubbisuu fi barreessu danda’a. Kitaabban ykn hawaasni yahuudaa fi kiristaanaa kitaaba isaanii irraa seenaa isaaniitti himan isaan keessa hin turre. Jaarraa tokko dura namoonni gariin Nabiyyiin seenaa warra durii macaafa kiristaanaa irraa koopphi godhe (garagalche) jechuun odeessan. Haa ta’uu malee, hiikni macaafa qulqulluu afaan Arabaatin hanga bara 180 akka lakkoofsa hijraatti hin jiru ture. Kuni Nabiyyiin erga du’anii booda dhaloonni baay’een erga dhufaniidha. Qorataan jabaan varzhinii macaafa qulqulluu hunda keessatti garaagarummaan baay’een akka jiru osoo beeku oduu hundee hin qabne kana dhugaa jechuun hin mormu. Seenaa Yuusuf irraa odeefannoon baay’een Macaafa kakuu moofaa keessaa hin jiru, Qur’aana qofa keessatti arganna. Kanaafu, Nabiyyiin (S.A.W) seenaa Yuusuf eessaa argate? Deebiin sammuudhaan fudhatama argatu tokkichi: karaa wahyiitiin barate. Osoo Rabbiin seenaa kana isatti beeksisuu baate, karaan biraa Nabiyyiiin seenaa kana bal’innaa fi dogongora tokko malee haala sirriin ittiin gabaasuu hin jiru.[2]
“[Akka amananiif] osoo garmalee feetelle, namoonni irra hedduun kan amananii miti.” Suuratu Yuusuf 12:103
Qur’aanni kuni Rabbii olta’aa irraa ta’uu ragaaleen qabatamoon haa dhiyaatani malee namoonni baay’een hin amanan. Rasuulli Sallallahu aleyh wassallam namoonni akka amananiif garmalee barbaadu turan. Garuu irra hedduun namoota hin amanan.
Seenaa Yuusuf ilaalchisee odeefannoowwan gheeybi sitti buufneen wal qabatee, dhugaa hawaasa ilma namaa keessaa tokko sitti beeksisna. Dhugaan kunis akka amananiif ati osoo garmalee feetee fi isaan amansiisuuf karaa hundattti fayyadamte, namoonni baay’een haala sirrii fi guutuu ta’een hin amanan.
Ati dirqama ergaa geessuu bakkaan gahi. Nama ergaa kana fudhachuu dideef hin dhiphatin. Sababni isaas, namni hundu addunyaa iddoo qormaataa taate tana keessatti filannoo bilisaa qaba. Rabbiin isaan qoruuf filanno bilisaa isaaniif kenne, akka amananiif isaan hin dirqisiisu. Yoo isaan dirqisiisee, kuni fedhii fi filannoo homaatu akka hin qabaanne godha. Kunis akka geengoo qormaataa keessaa bahan taasisa.
Rabbiin wanta nafsee isaanii keessa jiru waan beekuuf namoonni garmalee baay’ee ta’an haala sirrii fi guutuun akka hin amanne ni ibse. Garuu namoonni lakkoofsaan xiqqoo ta’an amanuuf qophiidha.[3]
Itti aanse Rabbiin Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) namoota gara Islaamatti waamu keessatti mindaa homaatu akka hin gaafanne ragaa baheef, Qur’aanni aalama hundaaf gorsa akka ta’e ni labse:
“Isa irratti mindaa homaatu isaan hin gaafattu, inni aalamaaf yaadachiisa (gorsa) malee wanta biraati miti.” Suuratu Yuusuf 12:104
Kana jechuun ergaa Gooftaa keeti geessu keetiif namoota irraa mindaa hin barbaaddu.
Aayah tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan keessaa namni tokko mindaa tokko malee ergaa kana ummatatti geessuuf maaliif rakkinni guddaan isarra gahaa akka jiru akka itti yaadan affeere. Maaliif ergaa milkaa’inni fi faaydan isaanii keessa jirutti isaan waamaa? Aangoof ykn qabeenyaaf ykn beekkamtiif kana hojjataa? Mindaa homaatu osoo hin gaafatin namoota gara Rabbitti waamun seera itti fufaa Nabiyyoota hundaati. Nabiyyoonni hundi wal duraa duubaan ummata isaanitiin, “Ani mindaa, aangoo ykn badhaasa homaatu isin hin gaafadhu.” akka jedhan Qur’aanni ni beeksisa.
Rabbiin Nabiyyootaaf hojii isaaniitiif mindaa addunyaa barbaadu dhoowwe jira. Haala Nabii Muhammaditti (sallallahu aleyh wassallam) yommuu dhufnu immoo, Rabbiin inuma sadaqaa akka hin fudhanne dhoowwe, akkasumas sanyii isaatiifis ni dhoowwe. Kuni hundi, eenyullee ikhlaasa ergamtootaa akka hin shakkineefi.
Nabiyyin (S.A.W) hiyyummaa keessa jiraatan, inuma mootummaa Islaamaa Madiinaa keessatti dureessaa fi jabaa erga ta’ee boodayyu. Taateen kuni haala jireenya Nabiyyi sirritti ifa baasa. Gaafa tokko Umar ibn Al-Khaxxaab gola Nabiyyiin keessa jiran seene. Afaa baala temiraa irraa hojjatame irra kan ciisu ta’ee isa arge. Mataa isaa jala boraati quunce muka temiraatin guuttamtetu jira, isaa olitti immoo qalqalloo bishaanitu jira. Umar yommuu dirra Nabiyyii irratti mallattoo afaa arguu ni booye. Nabiyyinis akkana jechuun gaafate: Maaliif boottaa?” Umaris akkana jechuun deebise: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ati Ergamaa Rabbii haa taatu malee jireenya hiyyummaa yommuu jiraattu, mootonni Qaysarii fi Kisraa jireenya mijaa’innaa gaggeessaa jiru.” Nabiyyinis akkana jechuun deebisan: “Sila isaan addunyaa tana qofatti fayyadamuu, nu immoo Aakhiratti fayyadamuu keenyatti ati hin gammadduu?” (Sahiih Al-Bukhaari 4913)
“inni aalamaaf yaadachiisa (gorsa) malee wanta biraati miti.” Kana jechuun Qur’aanni aalamaaf gorsaa fi yaadannoo malee wanta biraati miti. Asitti aalama jechuun ilma namaati fi jinniidha. Rabbiin Qur’aanni kuni ilma namaati fi jinni hundaaf gorsaa fi yaadannoo akka ta’e dubbata.
Aayah tana keessatti Qur’aanni “Zikr” jechuun ibsame. Zikrii jechuun yaadannoodha. Qur’aanni maqaalee baay’ee qaba: Isaan keessaa beekkamoon, Qur’aan, Kitaaba, Zikr fi Al-Furqaan. Al-Furqaan jechuun dhugaa fi soba, badaa fi gaarii, iimaana fi kufrii kan addaan baasudha. Maqaan beekkamaan sadaffaan Qur’aanaa, Zikriidha. Qur’aana zikr jechuun waamuun, wanta namoonni duraan beekan yaadachiisa. Hundi keenyaa uumamaan Khaaliqni fi Gooftaan keenya Rabbiin akka ta’e ni beekna, garuu sababa adda addaa irraa kan ka’e ni daganna.
Ilmi namaa akkamitti kana durse beeke? Sababni isaas, ergaan Qur’aanaa uumama jalqabaa ilma namaa irratti uumametti haasawa. Rabbiin dandeetti Isatti amanuu fi Isa gabbaruu hunda keenya keessa kaa’e jira. Akkasumas, wanti tokko badaa fi gaarii ta’uu, namni gaarii hojjate badhaasni akka isaaf malu, namni badii hojjachuu itti fufee adabbiin akka isaaf malu nu keessa godhee jira. Kuni fixrah jedhama. Rabbiin akka jiru mirkaneessuu fi amanuun uumama keenya. Ilmaan namaa yeroo hundaa humni ol’aanaan akka jiru ni amanu. Inumaa hawaasni qaroominna irraa garmalee duubatti hafe kanatti ni amanu. Qur’aanni Gooftaa Tokko qofa gabbaruutti nu deebisuuf fixraa fi sammuu keenyatti fayyadama. Kanaafu, Qur’aanni zikrii (yaadachiisadha). (Namoonni akka Gooftaa isaanii qofa gabbaran isaan yaadachisa, wanta gaarii fi badaa, mindaa (badhaasaa) fi adabbii ibsa bal’aa waliin isaan yaadachisa.)
Akkasumas, zikrii jechuun yaadachisa itti fufaadha.[4] Namoonni osoo Qur’aana baratanillee yeroo hundaa yaadachisni fi gorsi isaan barbaachisa. Sababni isaas, namoonni addunyaa waliin osoo ko’oomanu Aakhirah dagachuu danda’u, inumaa seera Gooftaa isaanii irraanfachuun daangaa darbuu fi cubbbuu hojjachuu danda’u. Kanaafu, Qur’aanni wanta addunyaa tana keessatti hojjachuu qabanii fi hin qabne, badhaasaa fi adabbii Aakhiraa isaan yaadachiisa. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Yaadachisi, dhugumatti yaadachisni mu’mintoota ni fayyaddi.” Suuratu Az-Zaariyat 51:55
Ammas bakka biraatti ni jedha: “Kanaafu, nama wa’iid (zaacha) Kiyya sodaatu Qur’aanan yaadachiisi (gorsi).” Suuratu Qaaf 50:45
Guduunfaa
✒Qur’aanni kitaaba xumuraa Rabbiin irraa bu’eedha. Kuni shakkii homaatu hin qabu. Suuraan Yuusuf kanaaf ragaa ni taati. Seenaan suurah tana keessatti haala ajaa’ibaatiin dhiyaate. Mee ilaali, wanta faaydi hin qabnee irra darbuun wanta barnoota namaaf ta’u qofa dhiyeesse. Mee kitaaba seenaa ilmi namaa barreesse dubbisi. Takkaa wanta faaydi hin qabne itti dabaluun kitaabicha garmalee dheeressa, takkaa immoo wanta faaydi qabu keessaa hanqisuun odeefannoo gahaa osoo hin kenniin hafa. Suuran tuni kana lamaan irraayyu bilisa. Rabbii olta’aa malee seenaa kana haala kanaan ilmi namaa dhiyeessun waan hin danda’amneedha.
✒Gama biraatin, shirri obboleyyan Yuusuf hojjatan Rabbiin malee eenyullee hin beeku. Kanaafu, iccitii dhoksaa kana seenaa kana keessatti dubbachuun Qur’aanni Rabbiin irraa ta’uu agarsiisa.
✒Qur’aanni Rabbiin irraa erga bu’e kaayyoon itti bu’eef waan gaarii fi badaa, qajeelinna fi jallinna, adabbii fi mindaa namaaf ibsuun karaa qajeelaatti namoota qajeelchuudha.
[1] Tafsiira Al-Wasiix, Tafsiira Tahriir wa tanwiir
[2] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 158-159
[3] Ma’aariju Tafakkur-10/748-749
[4] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 160-161