Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Xumura
Kunoo kutaa Xumuraa suuratu Az-zumar. Akkuma yeroo darbe jenne zumar jechuun “garee garee”dha. Namoonni addunyaa keessatti garee garee ta’uun badaas ta’i gaarii hojjatan, akkasuma Guyyaa Murtiis garee gareen ta’uun jazaa hojii isaanii argatu. Har’a, aayata hafan sadan ilaalun jalatti suuratu az-zumar ni guduunfina. Haala kanaan, suurah barreeddu torban sadiif waliin turre ni xumurra. Garuu hojii irra oolchun hanga du’aatti nu waliin tura. Guduunfaa keessatti qabxiileen ijoon waan tuqamaniif namni hundu akka dubbisu ni affeerama.
Itti Haa fufnu