Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 12
Jireenya tana keessatti nama badii hojjatu fi namni gaarii hojjatu umriin isaa hanga fedhe haa dheeratu, guyyaa tokko ni du’a. Garuu duuti dhuma nama tokkoo ta’uu dandeessi? Kana jechuun achumaan du’anii ni hafu? Abadan, Achumaan du’anii hafuun hin jiru. Kana irra, kaafamuun wal mormuu fi murtiiti dhufa. Namoonni har’a addunyaa tana keessatti akkuma fedhan namoota miidhan, haqa dhoksan, soba irratti gogan, Guyyaa Qiyaamaa haalli isaanii kuni ifatti mul’ata. Ammas, namoonni Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuun amanti sobaatin nama gowwoomsan, gatii wanti hojjatanii ni argatu. Faallaa kanaa, namoonni addunyaa tana keessatti dhugaa dubbatanii fi hordofan badhaasa guddaa argatu. Dhugaan hundarra guddaan maal akka ta’e beektuu?
Itti haa fufnu