Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 5

Tarii yommuu namni du’ee reeffa isaa awwaalle deebinu, gaafin kuni sammuu keenya keessa yaa’un hin oolu, “Namni du’e kuni garamitti oofamaa? Du’ee achumaan biyyee ta’ee ni hafaa?” Eeti, kuni gaafi baay’ee barbaachisa namni deebii quubsa itti barbaadachuu qabuudha. Gaafi kanaaf deebii quubsaa suuratu Al-Qiyaamaa gara dhumaatti ni arganna. Mee har’a suuratu al-Qiyaamah irraa ibsa keeyyattoota muraasaa haa ilaallu:

Itti Fufi…

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa 3

Suuratu Al-Qiyaamah jalqaba irratti waa’ee Qiyaamaa fi wantoota Guyyaa san adeemsifamu ni hima. Kuni haqa gara fuunduraatti namni hunduu arguu heduudha. Sababni isaas, odeefannoon kuni Rabbii waan hundaa beeku fi wanta fedhe hojjatu irraa kan dhufeedha. Qur’aanni odeefannoo Guyyaa Qiyaamaa of keessatti qabachuun Ergamaa Rabbii (SAW) irratti buufame. Yommuu Qur’aanni buufamu Ergamaan Rabbii (SAW) naamusa akkami hordofuu akka qabu Rabbiin subhaanahu akkana jechuun barsiisa:

Itti Fufi…

Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa-1

Suuratu Al-Qiyaamaan addunyaa fi ilmi namaa kuni eessa deemaa akka jiran ni himti. “Yaa namana eessa deemaa jirtaa? Duutee achumaan biyyee taate ni haftaa?” jechuun gaafatti. Suuratu Al-Qiyaamaan boqonnaa ajaa’ibaa nama ishii qorateef gahuumsa isaa itti himtuudha. Ajaa’iba kana hanga kutaa dhumaatti osoo hin jarjarin obsaan mee walumaan haa ilaallu. Nama gahuumsa dhumaa ofii beeku barbaaduf kunoo Suuratu Al-Qiyaamah:

Dubbisa Itti fufii

Ibsa Suuratu An-Naazi’aat-Kutaa 3

Kutaa dhumaa suuratu An-Naazi’at keessatti waa’ee Guyyaa Qiyaamaa fi wantoota sodaachisoo guyyaa san adeemsifaman ni ilaalla. Qiyaamaa jecha ajaa’ibaa takkaan ibsuun dhugaa ishii ifa baasa. Jechi tunis, “Mursaahaa” Addunyaan garamitti deemaa akka jirtu jecha takkatti tanaan sammuu namaa keessatti fakkii kaasun ibsa. Dhugumatti Qur’aanni kitaaba ajaa’ibaa Rabbii olta’aa irraa malee eenyurraallee ta’uu kan hin dandeenyedha.

Itti Fufi

Ibsa Suuratu An-Naazi’aat-Kutaa 2

Suuratu An-Naazi’aat irraa kutaan kuni waa’ee Nabii Muusaa (aleyh salaam) fi hogganaa abbaa irree kan ta’e Fira’awnaa of keessatti qabata. Moottotaa fi namoota daangaa darban akkamitti itti dubbachuu akka qaban nama barsiisti. Itti aansitee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti danda’aa ta’uu uumamtoota agarsiisan keessaa muraasa ni dubbatti. Kaayyoon kana keessa jiru, namni uumamtoota gurguddoo kanniinitti xinxallee du’aan booda kaafamuutti akka amanuufi. Du’aan booda kaafamutti yoo amane, milkaa’innaa fi gammachuu bitata. Yoo didee immoo kasaaraa guddaatu isa qunnama. Amma darsi keenya haa jalqabnu:

Itti fufi…

Ibsa Suuratu An-Naazi’aat-Kutaa 1

Qiyaamaan haqa wali galaa hin jijjiramne keessaa isa tokkoodha. Zulmii ykn cunqursaa addunyaa keessatti bakka adda addaatti raawwatamu yommuu arginu, hidda sammuu keenya jalaa yaanni kuni ni xiixa, “Guyyaa dhadachi haqummaa itti dhaabbatu jiraachu qaba. Zaalimni har’a dachii badiin balleessu Guyyaan adabbii isaaf malu itti argatu jiraachun dirqama.” Suuratu An-Naazi’at dhugaa wali galaa (Universal Truth) kana ifatti baasti. Hogganaa zaalimota kan ta’e Fira’awna ibsuun dhadachi haqummaa dirqamaan akka barbaachisu namaaf himti. Mee ibsa suuratu An-Naazi’aata haa jalqabnu:

Itti Fufi…

Qiyaamaan Yoomi?

 Gaafin guddaan namoonni Ergamtootaa gaafataa turan keessaa tokko, “Qiyaamaan yoomi? Qiyaamaan jettu kuni yoom dhuftii?” Gaafi akkanaatin of ko’oomsu fi deebii barbaaduf garmalee carraaqun ni barbaachisaa sila? Gaafi kanaaf deebii argachuun dhugummaa Qiyaamaa jijjiruu danda’aa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogummaa fi rahmata Isaatiin Yeroo Qiyaamaan itti dhootu uumamtoota hundarraa dhokse.

Itti fufi…
1 34 35 36 37 38 79