Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 3
Har’as kutaa darbe irraa itti fufuun uumama keenyatti xinxalluun iimaana keenya cimsanna.
Funyaan
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa funyaan fuula jidduu godhe. Boca, haalaa fi bakka isaa ni tolche. Qaawwa lama isa keessaan baasee jidduu isaanii addaan baasaa (barrier) taasise. Qaawwa lamaan kana keessa qaama miiraa fuunfachuu godhe. Qaama miiraa fuunfachuutiin urgaa’a fi ajaa’a, gaarii fi badaa addaan baasan. Akkasumas, qaawwi lamaan kunniin qileensa harkisuun onnee geessa. Onneenis qilleensa kanaan ni haarofti, boqonnaa fudhatti.