Shakkii Qur’aanaa Qulqullessuuf-2- Qur’aana fi Saayinsi
Kutaa darbee keessatti Qur’aanni jecha Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ta’uu ragaalee agarsiisan ilaalle jira. Ammas itti fufun ragaa afraffaa ilaalla. Innis:
4.Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman wanta jiruun wal qunnamu
Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha. Saayintistoonni yeroo ammaa wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin taane mirkaneessanii jiru. Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota) muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu. Read more