Shakkii-kutaa 2ffaa

Torbaan darbee shakkii bakka lamatti erga qoonne booda shakkii gosa tokkoffaa ilaalle turre. Har’a In sha Allaah shakkii gosa lamattaa ilaalla. Innis shakkii namoota jiddu, shakkii dhiirsa fi niiti jiddutti uumamu. Shakkiin namoota jiddutti uumamu yoo daangaa hin qabaatin miidhaa guddaa fidu danda’a. Akkuma torbaan darbee kaasne shakkiin dhibee qalbii waan ta’eef sababa fi dawaa qaba. Namtichi sababaa fi dawaa beeke dhibee kana wal’aanu qaba. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.16

Wanta jibbituu fi badaa sadaqaa hin kenniin. Osoo wanti sun siif kenname, ijaan duununfatte malee hin fudhattu. Wanta gaarii Rabbiin irraa eegaa akkamitti wanta jibbituu fi badaa sadaqaa kennitaa? Namoonni gariin midhaan irraa yommuu sadaqaa kennaan, kan gatiin isaa gadii bu’aa fi qulqullinna hin qabne namaa kennu. Rabbiin waan gaarii akka sadaqaa kenninu itti nu ajaja. Read more

Shakkii-Kutaa 1ffaa

Shakkii jechuun faalla dhugaa yaadu. ‘Kuni soba moo dhugaadha? Ni jira moo hin jiru? Gochii kuni adeemsifamee moo hin adeemsifamne? Ta’a moo hin ta’u?’jedhanii yaadu fi keessi namaa tasgabbii dhabuudha. Namni shakkii qabu takkaa gara funduraa hin deemu, takkaa gara duubaa hin deebi’u takkaa immoo achi hin dhaabbatu. Oli gadii raata’a. Dhama’iinsi fi dukkanni isa haguuga. Shakkiin hundee hin qabne baay’ee badaa fi miidhaa guddaa kan geessudha. Sababa shakkitiin maatiin bittinaa’e. Haadha warraa isaa wantuma argeen shakkuun jireenya ofii daaraa kan itti afu meeqatu jira. shakkii bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Read more

Yoomi Laata?-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbe mataa duree ‘Yoomi Laata?’ jedhu jalatti rakkoolee fi furmaata muraasa eeruf yaalle turre. Har’as itti fufuun rakkoolee fi furmaata muraasa eerra.
Yoomi laata niiti nyakkistuu ykn dhiirsa nyakkisaa kana jalaa kan bahuu?
Niitin ykn dhiirsi nyakkistu/nyakkisaa yoo ta’e ibiddi manatti qabate. Halkanii guyyaa nageenyi hin jiru. Yoomi laata namticha ykn namtitti tana jalaa kan bahu jechuun yaaddon gara hundan si marsuu danda’a. Tarii ati dargaggeessa hin fuune ykn shamara hin heerumne ta’uu dandeessa. Akka carraa ta’ee nama nyakkisuun walitti dhufuu dandeessa. Read more

Kijiba/Soba

Kijiba ykn soba jechuun faalla wanta hojjatanii, dhagahanii fi dubbatanii dubbachuudha. Kijibni dhugaa jiru dhoksanii faallaa isaa dubbachuu yookiin immoo soba dhugaa fakkeessanii dubbachuudha. Kijibni amaloota fafee fi jibbamoo keessa isa tokkoodha. Namni kijibu akka nama fooliin badaan irraa xiraa’uti (ajaa’uti). Namni hunduu isa xireefata, ni jibba. Hawaasa keessatti amanamummaan isa irraa mulqamuun nama kijibaan beekkamu ta’a. Kijibni wanta dhowwamaa fi jibbamaadha. Garuu yeroo ammaa jaallatamaa fi bartee godhatamee jira. Namni hunduu ni kijaba jechuun nutis akka isaanii kijibuun warroota salphatan keessaa ta’uu hin qabnu. Read more

Hanna

Duraan dursee hanna jechuun wanta tokko osoo abbaan hin argin dhoksaan jalaa fudhachuu jechuudha. Hanni dhoksaa qofaan kan rawwatamuu osoo hin ta’in humnaanis abbicha dirqisiisuun wanta tokko irraa saamudha. Dhugumatti hanni hojii fafee fi gadhee keessaa isa tokkoodha. Namni hojii akkanaa keessatti hirmaatu salphataa fi hoonga’aa ta’a. Namoota meeqatu sababa hannaatin mana hidhaatti shamaa jiru. Wanti mana hidhaa kana caalu keessi isaa gubachuu fi rakkachuudha. Yeroo hundaa gadi aantummaan isatti dhagahama. Hojjachuun sammuu ofii bashanansiisu dhiise gatii tokko malee qabeenya namaa saamun sammuu fi jireenya ofii dhiphisa. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.14

Barruun tuni walitti kuufama barreefamoota gaggabaabo Jireenya Badhaatu kan ji’a Hagayya 2016 ti.

Osoo dhukkuba jaalalatiif furmaata barbaaddu, karaa irratti rakkoon baay’een si qunnamuu danda’a. Cinqiin, keessi gubachuun, dharra’uun, gadduun, addummeen, hirriba dhabuun fi kkf sitti dhagahamu danda’u. Furmaanni hundarra gaarii nama dhukkuba jaalalaatin qabamee, Rabbiin baay’isanii yaadachuu, hojii gaarii waliin ko’oomu, beekumsa Islaama barbaadu, kaayyoo jireenya yaadachu (Jannataa fi Jahannamii yaadachu), yoo danda’ame fuudhu/heerumu, soomu, haraama ilaalu irraa fagaachu fi kkf. Yommuu sheyxaanni wanta badatti si waswaasuu (kakaasu), Rabbiin yaadadhu, badhaasa fi adabbii Isaa yaadadhu. Laalan jaalala laalaa ibidda jahannamii gadi akka ta’e hubadhu. Laalaa jaalala qabbaneessuf karaa haraamatin kan deemtu yoo taate addunyaa aakhiratti akka salphattu yaadadhu. Laalaa jaalala qabaneessuf zikrii afaani hin buufatin. Read more

1 69 70 71 72 73 79