Jireenya Kee Haaromsi
Jireenyi ilma namaa guyyaa guyyaatti ni jijjirama. Yookaa badii irraa gara gaaritti yookiin immoo gaarii irraa gara baditti jijjirama. Jireenyi ilma namaa guutu wal fakkaata miti. Garin hiyyeessa, gariin dureessa, gariin gammadaa, gariin aarii fi gaddaan kan haguugameedha. Jireenya keenya guyyaa guyyaan yoo hin haaromsiin yookaa moofe nu jibbisisa yookiin immoo gara baditti ceena. Read more
Salaanni utubaale Islaama shanan keessa sadarkaa lamaffaa irratti argama. Nama Musliima ta’ee hunda irratti salaata shanan guyyaa guyyaan salaatun dirqama isarra kaa’ameedha. Salaanni burqaa gammachuu fi furtuu milkaa’innaati. Salaanni garmalee jabeefamuun yeroo kamiyyuu dhiifamu akka hin qabne Rabbiin nuu dhaama.
4.Daraara ummataa Musliima irra gahaa jiru- Bombiin yommuu halkanii guyyaa ummata Musliima irratti roobu, shakkii fi dhama’iinsi nama haguuga. Tokko qabeenyan yoo machaa’u gariin immoo boombii fi beelan dhumu. Gariin baay’iinna qabeenya irraa kan ka’ee haalaa dhabuun daangaa Rabbii darbuu fi ilma namaa cunqursu gariin immoo wanta nyaate uffatu dhaba.