Tawbah-Kutaa 3ffaa

Kutaa darbe keessatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’uu fi gaabbun gara Rabbiif ajajamuutti deebi’udha jennee turre. Akkasumas, Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.Yeroo baay’ee namni kan jeeqamu fi hirriba dhabuuf qalbiin isaa yommuu badiin xurooftudha. Namni badii irraa buqqa’uun yommuu araarama kadhatu, xurii badii qalbii isaa irraa dhiqaa jira. Kuni immoo qalbiin isaa akka qulqullooftu taasisa. Qalbiin yoo qulqulloofte namni jireenya keessatti boqonnaa sammuu, tasgabbii fi milkaa’inna argata. Har’as itti fufuun faaydaalee tawbah fi istighfaara ni ilaalla:

Dabalata Dubbisi

Tawbah-Kutaa 2ffaa

Jireenya keessatti namni dadhabaa waan ta’eef fedhii isaatiin qoramuun daandii qajeelaa irraa daba. Daandii qajeelaa irraa yommuu dabuu rakkoo baay’een isa muudata. Rakkoolee kanniin keessaa: jireenya keessatti gammachuu fi kabaja dhabuu, sooranni isaa itti dhiphachuu, sodaa fi gaddaan guuttamuudha. Namni daandii haqaa irraa erga jallatee adabbiif of saaxilee booda, karaan adabbii kana jalaa itti bahuu danda’u tawbadha.

Dabalata Dubbisi

Tawbaa-Kutaa 1ffaa

Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Dabalata Dubbisi

Sharrii Ittisuu fi Gaarii Argachuuf

Imaam ibn Al-Qayyim akkana jedha: Wantoonni afran armaan gadii haadho wantoota namoonni Rabbal Aalamiina irraa barbaadaniidha. Isaanis;
1. Sharrii (wanti badaan) amma keessa jiru akka isa irraa ka’u namni tokko Rabbiin kadhachuu
2. Sharriin akka isatti hin dhufne kadhachuu
3. Wanti keyriin (toltuun) isa bira jirtu akka itti fuftu fi irraa hin fudhatamne kadhachuu
4. Keyriin ammatti hin arganne gara fuunduraatti akka argatu kadhachuu  Read more

Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii?

Zinaan (sagaagalummaan) hojii fokkuu ta’ee fi miidha hangana hin jedhamne geessudha. Dubartin akka durbummaa fi kabaja dhabdu, sanyiin akka wal dhayuu taasisa. Dubartiin zinaadhaan yoo ulfoofte hangam salphinni ishii akka haguugu tilmaamun nama hin dhibu. Daa’imni kuni yoo dhalate jireenya akkami akka gaggeessu itti haa xinxallinu. Dhibee gadaa kanaa HIV Eedisiin akka saffisaan babal’atuuf balbala kan banu zinaadha. Read more

SHEYXAANA IRRAA OF TIIKSUF

Sheyxaanni diina ifa baha ilma namaa jallisuuf murate ka’eedha. Sheyxaana jechuun maal jechuudhaa? Jinnii jechuun hoo?
Afaan Arabiffaatin jechi “Sheyxaana” jedhu jecha walii galaa fincilaa oftuulaa hundaaf ta’uudha. Walumaagalatti jechi kuni jiraata murtaa’a tokkoof kan itti fayyadamaniidha. Sababni isaas, sheyxaanni Gooftaa isaatti waan fincilee fi of tuulef. Sheyxaanni rahmata Rabbii irraa abdii kute jira. Sababa kanaaf, Rabbiin ibliis jechuun isa waame. Jechi kuni jecha Alabasa fi ublis jedhanirraa dhufeedha. Alabasa jechuun wanti gaariin kan isa keessa hin jirre. Ublis jechuun immoo abdii kutuu fi baduudha. [1]  Read more

Sadarkaalee sharrii sheyxaanaa

Sharrii jechuun wanta badaa fi miidha hamaa namarraan gahuudha. Sharrii kan darbee, kan ammaa fi kan dhufu jechuun bakka saditti qoodu dandeenya. Sharriin darbee adabbii ammaa fi gara fuunduratti namatti fidu danda’a.  Sharriin amma keessa jiraniis jireenya namatti dhiphisuu fi dukannessun hulaa gammachuu fi milkaa’innaa cufa. Sharriin gara fuunduraatti dhufu immoo gara milkaa’inna akka hin fiigne gufu namatti ta’a yookiin nama kuffisa. Sharriiwwan kunniin akkanumatti lafaa ka’anii hin dhufan. Sababa wayi qabu. Kan duubaa isaan dhiibutu jira. wantoota sharrii namatti dhiiban ykn nama gara sharriitti dhiiban keessa inni guddaa fi hangafni sheyxaana. Sharriin sheyxaanaa sadarkaalee qaba. Read more

Qalbii Cabdee

Jireenya keessatti rakkoolee fi daraaran baay’een nama muudatu. Bosona jireenyaa keessa darbanii milkaa’inna fi gammachuu argachuun aarsa baay’ee fi obsa kan gaafatudha. Akkuma bosonni jireenyaa xaxamaa ta’uun aarsi (wareegamni) namni kafalu akkasuma guddaadha. Obsaan carraaqqi kana yoo itti fufan firiin isaas akkasuma guddaadha. Bosona jireenya kana keessa osoo deemtu qoreen si waraanti, ni aadda, dhukkubbiin onne tee irratti ni dhagahama. Qalbiin tee ni cabdi. Bosona jireenyaa yommuu jedhu maal jechuu akka barbaade hubattanii? Bosona jireenyaa yommuu jedhu mukkeen bakka tokkotti baay’atan jechuu osoo hin ta’in, rakkoolee, tola fi haala jireenya ilma namaati. Akkuma bosonni qoree, daraaraa, habaabo, gaalee, fi kkf qabu jireenyi teenyas rakkoolee, badhaadhinna, dhiphinna, fi kkf of keessatti tan hammattedha. Kanaafu, haala jireenya teenyaa bosona jireenya jenne yoo moggaafne nama hin saalfachiisu mitiree?  Read more

1 2 3