Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 22
Haala Nama Jaalalaan Qabame
Namni jaalalaan qabame akka nama bishaan garmalee dheeboteeti. Namni dheebota hanga bishaan san dhuguu garmalee muddama. Erga bishaan dhuge booda dheebun itti hin dhagahamu. Namni jaalalaan qabamees fedhii ofii guutuf garmalee muddama. Erga fedhii ofii guuttate booda gubaan suni ni qabbanaa’a. Garuu karaan inni fedhii ofii ittiin guuttate murteessadha. Yoo karaa haraamatin (fakkeenyaf,sagaagalummaan) fedhii ofii guutatte gubaan suni irraa hin hir’atu, inuma itti dabala. Fakkeenyi isaa akka nama bishaan sooqida (ashaboo) ykn ho’aa dhugeeti. Yoo karaa fuudhaa heeruman ta’e suni dansaadha (gaariidha). Kuni immoo akka nama bishaan qabbanaa’a dhugeeti. Read more