Uumama namaatti Xinxalluu-Kutaa 1
Akkamitti gara Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) Dhiyaatan?
Marsaalee uumama namaa Aayata Qur’aanaati fi dhugaa sayiinsin irra gahe fayyadamuun hanga kutaa torbaa ilaala turreerra. Fakkiiwwan sanniin ilaalun nama uumama ofiitti xinxalluuf barnootaa fi gorsa ta’a. Ammas, itti fufuun uumama keenyatti ni xinxallina. Garuu uumama keenyatti xinxalluun bu’aan nuti argannu maalii? Namni jireenya isaa keessatti Gooftaa isa uumee beekuf karaa adda addaa barbaada. Erga Gooftaa isaa beekee booda Isa qofa gabbaruu fi jaallachuun jireenya keessatti tasgabbii fi milkaa’inna barbaada. Kanaafu, karaan Gooftaa ofii itti beekan keessaa tokko uumama ofiitti xinxalluudha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.”