Gaa’ila Islaamaa-Lakk.7.2
Al-Khixbah (Kaadhimachuu) Kutaa 2ffaa
Yeroo darbe kaadhimachuun tarkaanfi jalqabaa gara addunyaa fuudhaa heerumaa itti seenan jennee jirra. Dhiirri tokko dubartii isaa taatu erga filatee booda warratti nama erguun isaaf akka dubbatu gochuu danda’a. Dubartiin rashiida (tan wantoota sirriitti hubattuu fi madaaltu) yoo taate, ishiittis nama erguun fuudhaa heerumaaf ishii gaafachuun ni danda’ama. Ragaan kanaa Ummu salamat erga abbaan warraa ishii irraa du’ee iddaa (yeroo turtii) fixxee booda Ergamaan Rabbii (SAW) nama tokko itti ergan. Ergasii ishiinis tole jechuun ni heerumte.[1] Garuu dubartii takkati yommuu nama itti ergan hayyama waliyyii malee heerumu hin dandeessu. Namni ishii guddise nikaah hidhu qaba. In sha Allah, sharxiiwwan nikaa keessatti ni ilaalla. Ammas, abbaan ishii dhiira gaarii ta’etti intala isaa fuudhaaf itti dhiyeessu danda’a. “Yaa eebalu! intala tiyya fuudhuu dandeessaa?” jechuuni danda’a. Garuu kuni fedhii intalaatin ta’uu qaba. Yoo ishiin hin fedhiin ishii dirqiisisuu hin qabu. Har’as itti fufuun adeemsa kaadhimachuu ilaalla.