Kaayyoo Jireenyaa
Dhalli namaa jireenya keessatti kaayyoo adda addaa qaba. Milkaa’innaa fi gammachuu argachuuf halkanii guyyaa battisa. Kaayyoo ol’aana bocatee fi galmaan gahee of gammachiisu barbaada. Kaayyoo adda addaa qabaachu fi milkaa’inna adda addaa galmaan gahuun addunyaa teenya ijaara, wanta haarawa itti dabala. Ilmi namaa uumaman wanta haarawa hojjachuun guyya guyyaan of gammachiisu barbaada. Garuu wanti inni hojjatu kuni karooranii moo karoora malee? Kayyoo wayiitif hojjata moo kaayyoo malee oli gadi battisa? Kuni jireenya keessatti murteessadha. Kaayyoo akkamituu ilma namaatiif gammachuu fi milkaa’inna itti fufaa fiduu danda’aa? Kaayyoon hundi gammachuu fi milkaa’inna yaaddame hin fidu, mitiree? Kaayyoo jireenya keenya maal akka ta’e itti yaanne beeknaa? Moo akkanumatti kaayyoo malee jiraannaa? Read more