Galaana Fitnaa-Kutaa 2ffaa

Torbaan darbee yommuu fitnaan (qormaata, rakkoon…) buutu akkamitti akka too’atan tutuquuf yaalle turre. Har’as itti fufuun tooftaalee fitnaa itti too’atan mee haa ilaallu.
4.Oduu mirkaneefachuu– dhugumatti ibiddi fitnaa yeroo baay’ee kan qabatuu fi babal’atuu sababa oduu sobaa fi jette jettee raabsunii. Namoonni baay’een wanta dhagayanii fi jedhan osoo addaan hin baafatinii fi hin mirkeenafatiin namoota birootta dabarsuuf ariifatu. Kunii immoo badii badii irratti dabaluun jireenya darara, dhiiga namoota baay’ee dhangalaasa. Yommuu namoonni akkuma argan oduu osoo hin mirkaneefatiin namoota birootti dabarsan, ajaja Rabbitti buluu fi tolee jechuu dhiisanii fedhii lubbuu ofii qofa jala fiigu. Namoota akka dhagaa jabaatan ni argita. Of dinqisiifachuun ana malee beekaa fi hayyuun hin jiru jedhu. Namoonni biroo isaan biratti wallaaladha. Read more

Galaana Fitnaa-Kutaa 1ffaa

Qormaata ykn fitnaan yommuu bu’uu nama jaanjessa, dukkanni namatti bu’a, gara deeman nama wallaalchisa. Nama Rabbiin eege malee namni qaroon dukkana qormaataa kanaatin ni dhama’a. Fitnaa yoo jennu wantoota lubbuu, qalbii fi qabeenya nama irratti balaa fiduu danda’aniidha. Isaan keessaa gurguddoon waraana, wal lola, balaa uumama kan akka kirkira lafaa, rooba cimaa, wantoota fokkuu kanneen akka sagagaalummaa, gudeeddaa, alkooli fi kkf babal’achu, qabeenyi garmalee baay’achuu fi hiyyuummaan jabaachu. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.10

Waan namoonni si miidhaniifi mitii waan ati namoota miitef dhiphadhu. Sababni isaas yommuu namoonni si miidhan ajrii (mindaa) argatta. Namtichi yommuu towbate fi ati araaramtuuf Rabbiin mindaa siif kataba. Namtichi osoo hin toowbatin yoo du’e immoo boru Guyyaa Qiyaama harka kee ni kafalatta. Cunqursaan hin jiru, mizaana haqaatu dhaabbata. Garuu ati yoo nama miite fi osoo hin towbatiin duute adabbii argatta, hojiin gaariin(hasanaanni) tee nama saniif kennamti. Kanaafu arrabaan, harkaan fi karaa adda addaatin nama miite yoo jiraate yeroon towbadhu, araarama gaafadhu.Yoo araarama gaafachuun sitti ulfaate hojii gaggaari baay’isi hojjadhu. Read more

Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

6.Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu– namoonni baay’een qabeenya yommuu argatan eessatti fi akkamitti akka baasan hin beekan. Fasaanni (badiin) guddaan addunyaa irratti kan babal’ataa jiru sababa baay’inna qabeenyaatin. Boombii fi nuwkilariin namoota nagahatitti roobsan sababa baay’inna qabeenyatinii mitii? Qabeenya sirnaan yoo itti hin fayyadamiin namtichaaf badii taati. Iccitiwwan galii gaarii itti argatan keessaa tokko qabeenya sirnaan itti fayyadamuudha. Wantuma arganirratti bitteennessu dhiisudha. Qabeenyi amaanaa Rabbiin nama bira kaa’edha. Guyyaa fedhe namarraa fudhata. Qabeenyi kiyya jedhanii akkuma fedhan itti taphachuun of gowwomsuudha. Qabeenya sirnaan fayyadamuuf: Read more

Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha. Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama miidhu? Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.9

Sababa dogongora keetin qaana’uun achitti kufte hin hafin. Namni dogongora tokko malee takkaan milkaa’u akka hin jirre beeki. Ammalle hojjadhu, dogongoruu dandeessa, ammallee hojjadhu kasaaru dandeessa, ammalle hojjadhu wanti yaadde si ta’uu dhiisu danda’a. dogongora kanniin yommuu uumtu karaan ati hordofaa jirtu akka si hin baasne sitti akeeka, gara funduraatti karaa kana hordofuu akka hin qabne sitti agarsiisa. Gabaabumatti yaada hin danda’u jedhuun sammuu kee cufuu dhiisiti wanta si harka jiruun wanta hojjachuu dandeessu dalaguun sammuu fi ija kee banii, jireenya kee haaromsi. Read more

Yuniversiti Keessatti Milkaa’uf

Yuniversitiin iddoo dhaloonni beekumsa itti kuufate biyyaa fi addunyaa ofii itti ijaarudha. Wantoota adda addaa irraa fagaachun beekumsa fi akkamitti biyya akka jijjiran irratti iddoo itti xiyyeefataniidha. Kanaafu yuniversitiin iddoo jijjiramaa fi isa seenun carraa guddaadha jechuu dandeenya. Garuu yuniversitii seenuun qofti gahaadha? Jijjiramni yuniversitii keessatti adeemsifamuu hoo maaliidha? Of gaafanne beeknaa? Read more

Obsa-furtuu milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 3ffaa

Meeqa kamtu obsa dhabee milkaa’innaa fi gammachuu irraa duubatti mucucaate! Obsii yeroo tokko tokko akka ibiddaa nama guba. Garuu gubaan isaa gara waan gaarii fi ifatti jijjirama. Namoonni gubaa obsaa kana baadhachuu dhabuu isaanitirraa kan ka’ee gubaa hamaa san caalu wanta jarjaniifi dhandhamu. Ilmi namaa jarjaraa fi ariifataadha. Wanta tokko dafee argu barbaada. Kuni garuu miidhaa malee bu’aa isaa fidu hin danda’u. Seenaa ummattoota darbanii yoo ilaallu, Nabiyyoota isaanitiin, “Adabbii ittiin nu sodaachistan fidaa dhugaa kan dubbattan yoo taatan.” jechuuni turan. Wanti Nabiyyoonni isaani itti waaman obsaan fudhachuu dhiisanii, adabbii waadaa galamanitti ariifatu. Wanti itti ariifatan isaanii hin oolle isaanitti bu’ee isaan balleesse. Kuni hundi obsa dhabuu fi jarjaruudha. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.7

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Caamsaa (May) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaanamtedha. Xurree jechuun karaa biraatin ‘daandii’ jechuudha.

Jireenya kee keessatti jijjiramni wanta tasa uumamu osoo hin ta’iin adeemsadha. Takkaan fiixe barbaaddu koruu hin dandeessu. Akkuma guyya guyyaan jijjiramuuf carraaqxun marsaa guddinnaa tokko irraa gara marsaa itti aanutti dabarta. Jireenya keessatti tuqaan ani nama guutudha itti jettu gonkumaa hin jiru. Yeroo hundaa jijjiramaaf affeeramta. Kanaafu jijjirama arguuf carraa argatte hundatti fayyadami. Jarjarte abdii hin kutin. Abdii fi obsaan gara funduraatti tarkaanfadhu. Yommuu rakkoon ykn dogongorri uumamu rifatte jijjiramaa fi foyya’iinsa irraa duubatti hin mucucaatin. Yommuu gufuun si muudatu marsaa jijjiramaa tokko irraa marsaa itti aanutti akka darbaa jirtuu yaadadhu. Gufuwwan jireenyatin rukutamte duubatti hin hafin. Wanta qabduun carraaqi. Insha Allah guyyaa tokko jireenyi tartiiba horatti. Read more

1 72 73 74 75 76 80