Iccitiwwan Galii-Kutaa 2ffaa

6.Karaa sirrii irratti fi haala sirriin baasu– namoonni baay’een qabeenya yommuu argatan eessatti fi akkamitti akka baasan hin beekan. Fasaanni (badiin) guddaan addunyaa irratti kan babal’ataa jiru sababa baay’inna qabeenyaatin. Boombii fi nuwkilariin namoota nagahatitti roobsan sababa baay’inna qabeenyatinii mitii? Qabeenya sirnaan yoo itti hin fayyadamiin namtichaaf badii taati. Iccitiwwan galii gaarii itti argatan keessaa tokko qabeenya sirnaan itti fayyadamuudha. Wantuma arganirratti bitteennessu dhiisudha. Qabeenyi amaanaa Rabbiin nama bira kaa’edha. Guyyaa fedhe namarraa fudhata. Qabeenyi kiyya jedhanii akkuma fedhan itti taphachuun of gowwomsuudha. Qabeenya sirnaan fayyadamuuf: Read more

Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa

Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha. Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama miidhu? Read more