Daandii Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.18

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Sadaasa (November) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

Mallatoole fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan keessaa tokko, wanta badaa ta’e garuu gaarii fakkaatu hojjachuuf ni ariifatta. Mirqaanaa fi kokolfaa hojjachuu jalqabda. Sheyxaanni hojii badaa kana garmalee miidhagsa. Haa ta’uu malee, boodarratti gaabbii fi gadda laalessaatu sitti dhagahama. Haalli akkanaa si qunnamee beekaa? Yoo si hin qunnamiin, namoota naannoo kee jiran baditti kan lixan ilaali. Fakkeenyaf, gurbaa fi intalli, mirqaansu fi kokkolfaa karaa haraamatin walitti dhufu. Akkuma yeroon darbuun hariiroon isaan jidduu jiru gaabbii fi gadda akka ibiddaatti nama gubuutti jijjirama adeema. Kanaafu, hojiin badaan gaarii yommuu sitti fakkaatu fi hojjachuu yommuu eegaltu kokolfituu fi kan gammaddu yoo taate, fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu yaadadhu, dhumti hojii keeti gaabbii fi gadda hamaa akka ta’u beeki. Nafsee tee faallessi. Obsii. Kuni mallattoo jalqaba dhukkuba fedhii lubbuu hordofuuti. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.6

Yoo nama hundaa ija shakkiitin ilaalte, mataa keeti fi namoota biroo miita. Yaadota hin barbaachisneen sammuu fi yeroo kee gubda, boqonnaa sammuu dhabda. Tarkaanfi isaa/ishii guutu akka hordoftuu of goota. Karaa biraatin, shakkii kee irratti hundaa’un yoo nama san irratti tarkaanfi fudhatte bololi’a gaabbi fi gaddaa keessa jiraatta. Kanaafu, shakkii fi jette jette namni sitti fidu of eeggadhu. ‘Osoo hin guutatin hin gugatin’ jedhe Oromon. Gugatun dura dhugaa fi soba ta’uu isaa addaan baafadhu boodarra rakkoo guddaa keessa galtaati. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.4

Shakkii fi yaadota hin barbaachisneen of hin dhiphisin. Yommuu nama nagaha wanta badaan shakkitu, wanta hin jirre arguuf carraaqa jirta. Sheyxaanni sitti dhufuun yaadota hin barbaachisne fi fuudhatama hin qabne sitti haasasa. Ergasii ni yaaddofta. Wanta hin jirreen of dhiphista. Yeroo kanatti jedhi,,” A’uzu billahi mina sheytaani rajim”Asi badii. Yookiin immoo nama nagaha wanta badaan shakkitu san du’aayi godhiif. Jedhi,”Yaa Rabbii badii kanarraa isa/ishii tiksi.” Dabalataanis jette jette nama irraa guurun mataa of hin dhukkubsiin. Nama jette jette sitti fidu irraa dheessi. Kunniin karaa shakkii badaa irraa ittiin baraaramtudha. “Shakkiin dubbii sobaati.” Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.3

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Bitootessa (March) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Hanga fedhan namoonni cubbuu/badii haa raawwatan, isaan hin hordofin hin akkeessin. Namoonni baay’een sababa akkeessutin cubbuutti kufu. Akkana siin jechuu danda’u,”Namni hunduu jaalalle dubartii/dhiiraa qaba. Kana namni hunduu ni hojjata. Ati nama addaati? Dargaggummaa keetti fayyadami. Yoo amma of hin bashanansiisin yoom of bashanansiisuf? Rakkoo hin qabu boodarra ni tawbatta, Rabbiin gafurrahimi….” Hanga isaan hordoftu haala kanaan si sossobu. Namoonni kunniin sheyxaana namaati irraa garagali,wanta isaan jedhan gonkumaa hin dhagahin. Read more