Daandiin haqaa kami laata- kutaa 2ffaa

Torbaan darbee keessa daandiin haqaa maal akka ta’ee fi warroota daandii haqaa irra fagaatan addeessuuf yaalle turre. Daandiin haqaa karaa tokkicha ilmi namaa badii fi adabbii adda addaa irraa baraaramuun nageenya, gammachuu fi milkaa’inna dhugaa galmaan itti gahuudha. Daandiin haqaa karaa ifaa fi qajeela ta’ee kan dukkanni fi jallinni keessa hin jirreedha. Daandiin haqaa rakkoo ilma namaatif furmaata guutu kan qabuudha. Kanaafu daandiin haqaa kamiin akka ta’e hubachuuf faaydaa armaan olii kan irraa argannu yookiin isa keessatti kan argamu ta’uu qaba. Read more